Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan gabbisa Yuraaniyeemii 20%'tti guddisuu itti fufuu ibsite
Iraan waliigaltee bara 2015 biyyoota lixaa waliin irra geessee ture boodatti jechuun gabbisa Yuraaniyeemii ishee 20%'tti ol giddisuuf misooma adda kuttee turte itti fufuu ibsite.
Dubbii himaan mootummaa biyyattii Alii Rabi'ee tajaajila oduu biyya keessaa Mehr jedhamutti akka himanitti buufata lafa jalaa Foordoo jedhamu kan naannoo Qom jedhamutti sa'aa muraasa dura misoomni kun itti fufuu himan.
Gabbisni Yuraaniyeemii anniisaa uumuuf kan gargaaru yoo ta'u gabbisni isaa harka hedduun yoo dabale ammoo meeshaa niiwikileeraa tolchuuf oola.
Natanz, bakki magaalaa guddittii Taaheraan irraa fageenya KM 250 irratti gama kibbatiin argamuus bakka itti biyyattiin gabbisa uraaniyeemii isa olaanaa itti gaggeessituudha.
Waliigaltee bara 2015 tiin Iraan Yuraaniyeemii sadarkaansaa gadaanaa ta'e qofaa akka omishtuuf ture.
Ji'a tokko dura saayintistiin gameessi dhimma gabbisa niwukilaraa Iraan Mohsen Fakhrizadeh handaara magaalaa Tahraanitti ajjeefamuuniiru.
Iraan Israa'eeliin haleellaa kanaan shakkuun sagantaan gabbisa Niiwikeelaraa akka adda hin citne dhaadachaa turte.
Ejeensii annisaa Atoomawaa Idila addunyaarraa hanga ammaattii Ibsa Iraan ilaalchisee yaadni kenname hin jiru.
Haata'u malee jimaata darbe Niiwkileera gabbistu 20% ol guddisuuf karoorfachuu Iraan isa beeksisuu Ejensichi ibseera
Oduu ammee kanarratti gabaasni dabalataa qindaa'aa jira.