Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maree Niukilara Iraan: Tiraamp waliigaltee 2015'tti akka cichan Maakroon cimsanii yaadachiisan
Pirezidaantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakroon, dhimma haasaa niwukilaara Iraan ilaalchisee falli biroon hin jiru jechuun, marii cimsanii akka itti fufan gita isaanii kan ta'an prezidaantii Ameerikaa Donaald Tiraampiin yaadachisanniiru.
Kan kana madda oduu Fooksitti dubbatanis daawwannaa hojiif gara Ameerikaa utuu hindeemin guyyaa sadi dura Wiixatarra ture.
Tiraampi marii sagantaa misooma niwukilara Iraan hir'isuun, uggura irratti godhamee jiru salphisuutti geessu kana hambisuuf dhaadachaa jiru.
Uggura Iraan irra kaa'amee deebisanii tursuuf Ameerikaan murtee ishee dabarsuuf yeroon isheen qabdu hanga Caamsaa 12 qoofaatti.
Tarkaanfiin akkanaa kun waligaltee bu'uraa Iraaniif biyyootiin gurgguddoon jahan irra gahan kan dhabamsiisu danda'uudha jechuun gabaastonni dubbatu.
Hoggantoonni lamaan, Tiraamp fi Maakroon toban kana keessa wayita walargan dhimma kana irratti ni dubbatu jehame eegama.