Haleellaawwan irra deddeebiin Godina Matakkalitti raawwatan duuba maaltu jira?

Haleellaan naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal keessatti irra deddeebiin mudatu sabaa fi sab-lammoota godinicha keessa jiraatan hunda irratti kan qiyyaafateedha jedha mootummaan naannochaa.
Bara kana Fulbaana irraa kaasee hanga Muddee kanaatti haleellaawwan gurguddoon sadi raawwachuu BBC'n qulqulleeffateera.
Haleellaa kanaan hedduun lubbuusaanii, kaan qabeenya dhabaniiru, hedduunsaaniimmoo qe'eesaaniirraa baqataniiru.
ALI Muddee 13 bara 2013 halkan keessaa naannoo sa'atii 10:00'tti haleellaa Aanaa Bulan Ganda Bakujjii jedhamtutti raawwateen, namoonni 100 caalan ajjeefamuu jaarmiyaaleen mirga namaaf quuqaman ibsaniiru.
Hojjettoonni Hospitaala sadarkaa jalqabaa aanaa Bulan BBC'tti akka himanitti namoonni 30 caalan hedduunsaanii kanneen rasaasaan, xiyyaa fi meeshaalee qara qabaniin haleelaman hospitaala seenanii turan.
Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannochaa Obbo Mallase Bayyane lakkoofsi namoota ajjeefamanii hedduu akka ta'e himanii, lakkoofsi sirrii dubbachuurraa garuu of-qusataniiru.
EBC waajira kominikeeshinii naannichaa waabeffatee akka gabaasetti raayyaan ittisa biyyaa qaamolee ajjeechaa kana raawwatan adamsee namoota 42 ajjeeseera.
Boora'uu nageenyaa naannochatti mudate keessaa harka qabaachuun kan shakkamanii fi dirqamasaanii kanneen sirnaan hin ba'anne, qondaaltonni mootummaa naannochaa torba to'annaa seeraa jala oolaniiru jedhan Obbo Mallaseen.
Roobii barii haleellaa Ganda Bakkujjii keessatti mudateen cinatti ganda ollaa kan taate Doobbii keessattis haleella hidhattootaan raawwateen namoonni shan ajjeefamuu jiraattonni BBC'tti himaniiru.
Hoogganan kominikeeshinii naannochaa kun garuu waa'ee haleellaa sanaa dhagahuurraan kan hafe odeeffannoo sirrii fi mirkana ta'e akka hin qabne himan.
Godina Matakkal aanaalee afur keessatti, rakkoo nageenyaa deddeebi'ee mudatu furuuf jecha, ALI Fulbaana 14 bara 2013 irraa kaasee komaandi postii jala waan jiraniif, akkaataa murtee komaandi postiin humnoonni nageenyaa mootummaa federaalaa dirqama nageenya eegsisuu fudhatanii hojjechaa jiru.
Aanaaleen arfan komaandi postii jala jiran Daangur, Wambaraa, Bulan fi Gubaadha.
ALI Muddee 13 haleellaan kan keessatti raawwatame, Bakkujjii...
Gandi Bakkujjii magaalaa teessoo aanichaa taate Buulan irraa kiilomeetira 90 fagaattee kan argamtu yoo taatu, saboota akka Shinaashaa, Oromoofi Amaaraatu keessa jiraatu.
Haleellaan kun Ministirri Muummee Abiy Ahmad dhimma nageenyaarratti hawaasa naannoo waliin mari'achuun furmaata kaa'anii bariisaa raawwate.
Ministirri Muummee Abiy kan gara Matakkal imalanii hawaasa waliin mari'atan ALI Muddee 13 ture, haleellaan kan raawwate ammoo Muddee 14 bariidha.
Jiraattonni naannoo akka jedhanitti haleellaan akkanaa bara darbe(2012) ji'a Qaammee keessa yoo ta'u, ergasii kaasee hanga ammaatti haleellaawwan suukanneessoon sadi raawwatamaniiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa rakko boora'uu nageenyaa naannoo Beenishaangul Gumuz bakkeewwan garaagaraatti mudatu hordofee taateewwan suukanneessoo mudataa jiran daran akka isa yaaddessan deddeebi'ee ibsaa ture.
Komishinichi Qaammee 1, bara 2012 akkasumas Qaammee 2 hanga Fulbaana 3, bara 2013'tti yoo xiqqaate haleewwan ciccimoon lama mudachuu mootummaa naannochaarraa mirkaneeffachuu ibsee ture.
Fulbaana 15 bara 2013 barii naannoo sa'atii 11'tti Aanaa Daangur magaalaa Maanbuk keessatti haleellaa hidhattootaa raawwatameen lubbuun namoota 15 galaafatamuu Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa yeroo sana ibsee ture.
Sadaasa 5, bara 2013 ammoo halkan keessa, Aanaa Dabaaxee keessatti, imaltoota Wanbaraa irraa gara Chaaginii imalaa turan irratti haleellaa raawwateen namoonni 30 caalan ajjeefamuu komishiniin kun yeroo sanas ibsee ture.
Haleellaan inni sadaffaan alana mudate ammoo lubbuun namoota 120 ta'anii akka galaafatamuuf sababa ta'eera jedhu jiraattonnii fi kanneen ijaan argan.
Haleellaawwan ciccimoo kanaan alattis Fulbaana darberraa eegalee haleellaawwan garaagaraa 20 ta'an naannoo Beenishaangul Gumuz keessatti mudachuu BBC'n adda baafateera.
Matakkalitti nageenya waaraa fiduun maaliif dadhabame?
Mootummaan naannichaa rakkoo nageenyaa Matakkalitti dhalateen walqabatee aanga'oota mootummaa harka keessaa qabu jedhamanii shakkaman to'annoo jala oolchaa jiraachuu himaa jira.
Hoogganaan waajira kominikeeshinii naannichaa obbo Mallasaa Bayyanaa hanga ammaatti aanga'ootni naannichaa torba to'annoo jala ooluu BBC'f mirkaneessanii jiru.
Aanga'oota rakkoo nageenya kana keessaa harka qabu, gaafatama isaanii haalaan hin bahanne kan jedhamanii qabaman keessa Ministeera Hojjetaafii Hawaasummaatti Deetaan ministiraa damee hawaasummaa obbo Toomaas Kuuwee, Bulchaa itti aanaan naannichaa obbo Adgoo Amsaayyaa, Dayireektarri Ejensii Saayinsii fi Teknoolojii naannichaa kan duraanii obbo Shifarraaw Calleebboo, hoogganaan waajira paartii Badhaadhinaa godina Matakkal obbo Baandeeng Maar fi hooggansi biroon godinichaa duraanii obbo Araggaa Baalbedee keessatti argamu.
Guyyaa har'aas aanga'ootni olaanoon naannichaa lama rakkoo kana keessaa harka qabu jedhamanii to'annoo jala ooluu obbo Mallasaan himaniiru.
Namootni lameen kunis Dayireektara olaanaa ejensii bittaafi dhabamsiisa meeshalee naannichaa obbo Gammachuu Amantee fi Daayireektara itti aanaa abbaa taayitaa daandiiwwan baadiyyaafi geejibaa naannichaa obbo Admaasuu Malakkaadha.
Haleellaa ALI Sadaasa 5 raawwatamee ture hordofee hooggantootni harka keessaa qabu jedhamaniifi kanneen gaafatama isaanii hin bahanne jedhaman sadarkaa naannoo hanga aanaa jiran irratti tarkaanfiin siyaasaa fudhatamuu hoogganaan waajira Badhaadhinaa naannichaa obbo Yisaaq Abdulqaadir BBC'tti himanii turan.
Hoogganoonni kunniin Godina Matakkal keessa aanaalee argamanirratti gaafatama kna qaban namootni 45 aangoorraa akka ka'an godhamuus obbo Yisaaq himanii turan.
Hoogganoota aangoorraa kaafamanii turan keessaa namootni Poolisii naannichaa sadarkaa itti aanaa Komishinaraan hoogganaa turan lama ni argamu.
Sadarkaa godinaatti bulchitootni fi itti aantootni Daangur, Buulanfi Wanbaraa fi hoogganoonni biroonis gaafatama isaanii haalaan bahachuu dhabuun bakka isaanoorraa ka'aniiru.
Obbo Yisaaq kun haaraa akka hin taaneefi mana hidhaa godinichaatti hoogganoonni waggaa lamaaf himatni irratti hin banamne akka argaman dabalanii himaniiru.
Himatni kan hin hundoofne ta'un komii kaasaa akka jiruufi sababni kun ta'eef ammoo dhimmichi kan qabame garee qorannoo federaalaan ta'uus dubbatan.
Matakkaliin alattis godina Kamaasheettis akkasuma namootni to'annoo jala oolanii waggaa oliif osoo hin himatamiin kan jiran jiraachuus ibsaniiru.
Namootni kun adabbii saffisaa akka argatan Abbaa Alangaa waliin haasa'aa akka jiraniillee himanii turan.
Halleellaawan kunneen maaliif raawwatamu?
Hidhattootni haleellaa kana raawwachaa jiran kanneen naannoo biraatii dhufan akka hin taane obbo Yisaaq himaniiru.
Bara darbe Jaawweetti haleellaa dhalattoota Gumuuz irratti raawwatamee tureen ''mootummaan nuuf eeggachuu hin dandeenye'' komii jedhuun dargaggoota shiftoomanii bosona galan akka ta'anis aanga'aan kun himanii turan.
Haleellaan sun wayita qaqqabe hoogganoota irratti taerkaanfiin hin fudhatamne komii jedhu dargaggoonni kun dhageessisuus obbo Yisaaq ni yaadatu.
Kanaan alattis qaamoleen nageenya naannichaa fi biyyaa hin barbaanne keessumaa hidha haaromsa wajjin walqabsiisuun dargaggoota kana daangaa Sudaanitti leenjisanii hidhachiisuun gara naannichaa akka galan gochaa jirus jedhaniiru.
Miidiyaalee hawaasummaarratti dhalattoota Amaaraa muraasaan''Matakkal kan keenya'' sochiin jedhu jiraachuun dargaggoota naannichaarratti ''hireen keenya maali'' yaaddoo jedhu kaasuus himaniiru.
Ilaalchi kun garuu ilaalcha mootummaa naannoo Amaaraas ta'e kan uummatichaa akka hin taaneefi ilaalcha namootni muraasni oofan ta'uu hoogganaan Kominikeeshinii Beenishaangul Gumuuz obbo Bayyanaan ni dubbatu.
Obbo Yiisaaq gama isaaniin lafa naannichaa misoomsuuf fudhatanii waan hin misoomsineef kan harkaa fudhatame mufii itti uumameen hokkora naannicha keesatti dhalatu deeggaraa jiraachuu kaasu.
Dhaabni mormituu naannichaa tokko ergama itti kennuu kanneen rakkoo nageenyaa kana keessaa harka qabaachuun shakkamanii to'ataman poolisiif odeeffannoo kennuus dabalanii himaniiru.
Haalli teessuma lafaa naannichaa fi hanqinni buu'uura misoomaa hidhattootaaf carraa uumuullee hoogganaan waajira paartii Badhaadhinaa naannichaa obbo Yisaaq himaniiru.















