Benishaangul Gumuz: Haleellaa Matakkaliin lakkoofsi namoota ajjeefamanii 40 gahe

Iddoo itti argama Beenishaangul Gumuz

Haleellaa hidhattootni naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Dibaaxiitti raawwataniin lakkoofsi namoota du'anii 40 gaheera.

Guyyaa Sanbata duraa Sadaasa 14 bara 2020 ture hidhattootni konkolaataa fee'umsa uummataa godina Matakkal aanaa Bulan irraa gara aanaa Dibaaxiitti imalaa ture ganda Qiido jedhamu keessatti dhaabsisuun imaltoota irratti dhukaasa kan banan.

Dhukaasa hidhattootaa kanaan imaltootni harki caalmaan bakkichatti yeroo ajjeefaman kaan ammo dhaabbilee fayyaa erga gahanii booda du'an.

"Humni nageenyaa kallattii biraatin naannoo Yaamiptti opireeshiniirra osoo jiruuti konkolaataan nagaan imalaa ture haleellaan kan irrattin qaqqabe.

''Humni nageenyaa keenyas akkuma odeeffannoon isa qaqqabeen gara iddichaatti imaluun lubbuu namootaa hambisuuf tumsaa ture.

''Haa ta'u malee, gochichi ganama waan raawwatameef namoota heddu dhabneerra" jechuun hogganaan Biiroo Ijaarsa Nagaa fi Tasgabbii naannoo Benishangul Gumuz Obbo Gaashu Dugaaz BBC'tti himan.

Jiraataan aanaa Dibaaxii yaaddoo nageenyaa qaban irraa ka'uun maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan kanneen du'an namoota nagaa ta'u dubbatu.

"Ummata nagaadha. Uummata hidhate miti. Nama dhukkubsatee mana yaalaa deemee deebi'edha kan miidhaan kun irratti qaqqabsiifame" jechuun waa'ee namoota ajjeefamanii BBCtti himan.

Taatee aanaa Dibaaxii kana hordofuun tarkaanfii humnootin nageenyaa fudhataniin hidhattootni 20 ol ajjeeffamuu isaanii Obbo Gaashu Dugaaz dubbataniiru.

Matakkal - Godina ajjeechaan itti deddeebi'e

Matakkal godinaalee naannoon Benishaangul Gumuz qabu sadi keessaa isa tokkofi kan sabaaf sablammootni garaagaraa keessa jiraatanidha.

Haa ta'u malee, haleellaan qaamolee hidhatanin irra deddeebin mudatu yaaddoon nageenyaa uummattoota godinichaa akka hammaatu taasiseera.

Jiraataan aanaa Dibaaxii maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan "uummatni bakkicharra jiru sodaa keessa jira. Bahee hojjechuu mitii bahee maatisaa ilaalee deebi'uufillee baay'ee sodaachaa jira" jechuun yaaddoo qaban himu.

Ajjeechaawwan kunneen ji'oota muraasa darban kan godinichatti mudatan keessaati:

  • Sadaasa 2020 - Godina Matakkal aanaa Dibaaxitti haleellaa imaltoota irratti raawwatameen namootni 40 du'aniiru
  • Fulbaana 2020 - Haleellaa godina Matakkal aanaa Daangur keessatti raawwateen namootni 15 ajjeefamaniiru
  • Adoolessa 2020 - Godina Benishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Gubaatti hidhattootni namoota 13 ajjeesaniiru
  • Adoolessa 2019 - Haleellaa godina Matakkal aanaa Maanduuraa keessatti raawwatameen yoo xinnaate namootni saddeet ajjeefamaniiru
  • Waxabajjii 2019 - Dhukaasa hidhattootni godina Matakkal aanaa Daangur keessatti imaltoota irratti bananiin namootni shan ajjeefamanii jaha immoo madaa'aniiru
  • Mudde 2019 - Walitti bu'iinsa godina Matakkal aanaa Daangur keessatti uumameen namootni afur ajjeefamaniiru

Sababa rakkoolee nageenyaa irra deddeebin mudatuun Fulbaana bara 2020 irraa eegalee koomaand poostiin nageenyaa ji'oota sadiif turu godina Matakkalitti labsamee ture.

Kana malees ji'uma Fulbaanaa keessa hogganaa biiroo Ijaarsa Nagaa fi Tasgabbii, Komishinara itti aanaa Poolisii naannichaa dabalatee hooggansi godina Matakkal fi aanaalee garaagaraa aangoorraa kaafamuun isaanii ni yaadatama.

Hidhattootni kun garuu eenyu?

Halellaan hidhattootni naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakkal aanaalee garaagaraa keessatti qaqqabsiisan himamaa turus eenyummaan hidhattoota kunneenii ifatti yeroo dubbatamu hin mul'atu.

Jiraattotni aanaa Dibaaxii BBCn haasofsiise gareen hidhattootaa kun Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay /ABUT/TPLF/ walin hidhata akka qabu himu.

Jiraataan aanichaa BBCn maqaa isaanii akka hin eerre gaafatan gareen kun "kaayyoo mataasaa kan qindaa'e waan qabu miti. Waanuma achii wajjin walitti hidhatedha.

''Amma fakkeenyaaf dubartootni fi daa'imman dhumuun kun ta'e jedhamee jeequmsaf kan ka'edha malee waan bu'aa biraatif ta'e miti" jechuun waraana naannoo Tigraay wajin adeemaa jiruun walqabsiisu.

Gama biraatin "humnootii farra nageenyaa TPLF ijaaree balleessaaf ergetu haleellaa kana raawwate" jechuun himatu hogganaan Biiroo Ijaarsa Nagaa fi Tasgabbii naannoo Benishaangul Gumuz Obbo Gaashu Dugaaz.

Dabalataan, qaamni haleellaawwan godina Matakkal duuba jiru dhaaba siyaasaa Sosochii Dimokiraatawaa Ummata Gumuz /GUHDEN/ jedhamudha jechuun BBC'tti himan.

Dhaabni siyaasaa kun bara 2006 Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaarraa beekkamtii kan argate fi filannoo biyyaalessaa bara 2007 irratti hirmaatee akka tures angawaan kun himu.

"Filannoo akka hin mo'anne fi biyya akka hin hogganne ni beeku. Kana ka'umsa gochuun ABUT walin michoomun hanga Maqalee deemanii durgoo fudhachuu fi gorsa fudhachuun ajandaan isaanii biyya jeequudha" jechuun himatan.

"Kallattiin ergamni kan kennameef ABUT irraayi. Namootni kun namoota kana dura hooggansarra turanidha. Dargaggoota ijaaruun hanga Maqaleetti geessuun gorsa fudhachuun ergama kana raawwachaa akka jiran ifadha" jedhan.

Namootni muraasni shakkamanii to'atamanis angawoota dhaaba ABUT irraa maallaqni kan ergameef ta'uu mirkaneeffachuu isaanii himu.

Dabalataan, garee hidhattootaa haleellaa Matakkal duuba jiran fi angawoota ABUT gidduu hidhatni jiraachuu Obbo Gaashu Dugaaz dubbatu.

Haa ta'u malee, ajjeechaa iddoowwan biyyattii garaagaraatti raawwatamaniif mootummaan dhaaba ABUT irratti quba qabus, dhaabichi himatawwan kunneen irra deddeebiin ni morma.

Furmaata…

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa naannoo Benishaangul Gumuzitti haleellaa irra deddeebin lammiilee nagaa irratti qaqqabu dhaabsisuuf adeemsi haaraa akka hordofamu gaafateera.

Kunis, qaamolen nageenyaa fi haqaa sadarkaa federaalaa fi naannoo tarsiimoo nageenyaa haaraa hojiirra oolchuu akka qaban ibsa tibbana baasen hime.

Obbo Gaashun gama isaaniitin kanaan dura qaamolee haleellaa godina Matakkal duuba jiran walin mariin eegalamee akka tureefi gareen kunis bifa nagaan filannoorratti hirmaachuf fedhii akka qabu himee turuu dubbatu.

Ta'us, taatee naannoo Tigraayitti uumame booda garuu haleellaawwan bifa haaraan eegalamuu dubbatan.

Mootummaan isaanii mariif qophii ta'uusaafi yoo kun ta'uu baate immoo, tarkaanfiin fudhatamu cimee akka itti fufus Obbo Gaashun himan.

Yeroo ammaattis milishaafi humni addaa naannichaa, Poolisiin Federaalaa fi Raayyaan ittisaa qindoominaan tarkaanfii fudhataa akka jiranis himan.

Tarkaanfiiwwan humnootii nageenyaan fudhatamaa jiran jajjabeessaa ta'uu himuunis rakkoon nageenyaa godinicha keessatti mudatu yeroo gabaabaa keessatti akka furamu abdii qaban dubbataniiru.

Akka naannichi ibsetti, rakkoolee nageenyaa godinicha keessatti qaqqabun walqabatee shakkamtootni 700 ol to'annoo jala oolanii qoratamaa jiru.