Beenishaangul Gumuzitti haleellaa raawwateen namoonni 30 ol ajjeefaman

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti haleellaa awutoobisii irratti qaamolee hidhataniin raawwatameen, yoo xiqqaate namoonni 30 ol ajjeefamuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksise.
Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaa Obbo Mallasee Bayyanaa BBCtti akka himanitti, poolisoonni lama ajjeefamuu akkasumas bulchaan aanichaa madaa'uu dubbatu.
Hidhattoonni kan haleellaa geessisan ALI gaafa Sadaasa 04, 2013 ta'uu kan ibsan qondaalli kun, naannoon kun armaan dura kan tasgabbii qabu ta'uu himan.
Poolisiin naannichaa fi milishaan gandaa raayyaa ittisa biyyaa waliin ta'uun tasgabbii naannawa kanatti fiduuf wayita ifaajaa jiranitti haleellaan kun raawwate jedhan.
Hidhattoonni kunneen konkolaataa imaltoota Wanbaraa irraa fe'ee Bulanii fi Dibaaxee qaxxaamuruun gara Chaaginii imalaa ture irratti balaa geessisuun haleellaa akka raawwatan ibsaniiru.
Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa gamasaatiin konkolaataa Wanbaraa irraa ka'ee karaa Dibaaxee gara Chaaginii imalaa ture irratti balaan qaqqabuu ibsa guyyaa Dilbataa baaseen ibseera.
Aanaalee akka Wubgiish, Yaamxi fi Qiidooh jedhaman keessatti haleellaan walfakkaataan raawwatamuu kan ibse dhaabbati kun lubbuusaanii baafachuuf kan miliqanii dhokatanii jiranis jiraachuu akka odeeffannoon isa ga'e ibseera.
Yeroo ammaa namoonni miidhaman lakkoofsi isaanii 34 ta'uu fi kanaan ol ta'uus akka danda'u ibseera dhaabbatichi.
Lakkoofsi namoota miidhamanii ammatti sirnaan hin baramne kan jedhan qondaalli kun hidhattoonni kunneen imaltoota ugguruun miidhaan isaan qaqqabsiisan akkuma qulqullaa'een ibsina jechuun BBC'tti himaniiru.
Obbo Mallasaan itti dabaluun yeroo ammaa raayyaan ittisa biyyaa tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibsaniiru
''Haleellaan kun baayyee kan nama gaddisiisuudha. Haleellaan kun kanarra akka hin hammaanneef qaamoleen nageenyaa mootummaa tarkaanfii fudhachuutti cimuu qabu'' jechuun Komishinara Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa Daani'eel Baqqalaa (PhD) wabii godhachuun dhaabbatichi gabaaseera.
Haleellaan naannoo Beenishaangul Gumuzitti irra deddeebiin raawwataa jiru baay'ee yaaddessaa waan ta'eef tarkaanfiin hatattamaa fudhatamuu akka qabu dhaabbatichi ibsa isaa keessatti eereera.
"Naannoo Beenishaangul Gumuzitti haleellaa qaqqabaa jiruun miidhaan lammiileerra ga'aa jiru kan yeroon itti kennamuu miti. Kanaafuu qaamoleen nageenyaa naannoo fi federaalaa waliin ta'uun wabii lammiileef dhaabbachuu qabu. Mootummoonni lameen waliin ta'uun akkaataa haleellaawwan akkanaa qolachuun danda'amurratti hojjechuu qabu.'' jedha ibsi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa.
















