Godina Matakkalitti haleellaa raawwatameen namoonni hedduun ajjeefaman

Iddoo itti argama Beenishaangul Gumuz

Naannoo Beenishaanguul Gumuuz aanaa Buulan ganda Bakuujii jedhamu keessatti haleellaa Roobii barii qaamolee hidhataniin raawwatameen lubbuun namoota hedduu darbuu aanga'oonni naannichaa fi jiraattotni BBC'tti himan.

Hoogganaan Kominikeeshinii naannichaa obbo Mallasaa Bayyanaa haleellaa halkan irraa qabee hanga ganama har'aatti raawwatame jedhame dhugaa ta'uufi lakkoofsa namoota haleellaa kanaan ajjeefamanii ammatti mirkaneessanii beekuu baataniis hedduu akka ta'e BBC'tti himaniiru.

Bulchaan Godina Matakkal Obbo Attiinkuut Shittuu gama isaaniin Roobii sa'aa booda bilbillee wayita gaafannu gabaasa akka hin qabne himan.

Naannoo Beenishaangul Gumuz keessa keessumaa godina Matakkal aanaalee garaagaraa keessatti haleellaan eenyummaa bu'uureffate fakkaatu irra deddeebiin raawwatamuun lubbuun namoota hedduu darbeera.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) guyyaa kaleessa Godina Matakkal keessaa qaamolee hawaasaa keessaa babahan waliin achumatti argamuun mariyatanii ture.

Haleellaan haaraan kunis halkanuma MM naannicha dhaqanii deebi'anitti raawwatame.

Marii kanarratti bulchaa naannichaa Obbo Ashaadiil Huseeniin dabalataan Ministirri nageenyaa Aadde Mufariyaat Kamiil, ajajaan waraana Itoophiyaa Janaraal Birhaanuu Juulaafi aanga'oonni mootummaa federaalaa biroon argamanii turan.

Obbo Mallasaan qaamoleen nageenyaa naannichaa, Poolisii federaalaa fi raayyaa ittisa biyyaa waliin ta'uun naannicha keessa nageenyi akka jiraatu hojjeechaa akka jiran himaniiru.

MM Abiy marii hawaasa taasisaniin naannichatti nageenya buusuuf akka hijjetan himanii turan.

Nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin eeramne kan gaafatan ogeeyyiin fayyaa Hospitaala Buulan keessa kan hojjetan BBC'tti akka himanitti, ganama sa'aa shan irraa eegalee namootni rasaasaan rukutamanii gara isaanii dhaqan afurtama ta'u.

Namoonni rasaasaafi xiyyaan rukutamanii hospitaalicha dhaqan balaa cimaan irra gahuullee dabalanii himaniiru.

Hojjetoonni Hospitaalichaa namoota xiyyaafi rasaasaan rukutamanii dhaqan keessa daa'imni erga achi geessee lubbuun darbe akka jirtu himaniiru.

Hojjetoonni fayyaa kun miidhaan haleellaa kanaan qaqqabe guddaa ta'uu namoota miidhamanii hospitaalicha dhaqan irraa hubachuu BBC'tti himaniiru.

Hospitaalli Buulan irra deddeebiin namoota haleellaa walfakkaataan miidhamaniif yaala fayyaallee kan kennu ta'uus rakkoo nageenyaarraa kan ka'e hanqiina galteewwan wallaansa fayyaa isa mudate furuun akka hin danda'amne hojjetoonni kun dabalanii himaniiru.

Haleellaan kun akkamiin raawwatame

Jiraattotni magaala Buulan BBC'n dubbisee haleellaan kun Roobii barii sa'aa 11 irraa eegalee hanga guyyaa sa'aa jahaatti itti fufuu himan.

''Hanga ammaatti reeffi 100 argameera. Reeffii hin argamnes jira. Gara Buulanitti reeffi 70 dhufanii argeera'' jedhu jiraataan magaala Buulan tokko.

Jiraattootni kun haleellaa kanaan lubbuun namoota 100 olii darbuu kan himan ta'uus qaamni mootummaa naannichaas ta'e kan federaalaa lakkoofsa namoota du'aniirratti yaada hin laanne.

Maatiin firri jalaa ajjeefame boohicha taa'anii akka jiranillee dubbatu.

Abbaan hiriyyaa isaa haleellaa kanaan ajjeefamuu kan himu jiraatan dubbifne, ''osoo mana eeganii rasaasni itti dhukaafamee ajjeefaman, inni qawwee qabaatus, isaan hedduu waan ta'aniif ofirraa ittisuu hin dandeenye'' jedha.

Jiraataan biroon dubbifnemmoo ''hidhattootni Gumuuz gara ganda Bakuuy kan galan halkan sa'aa sagalitti'' jedhu

Haleellaan kun meeshaalee waraanaa gurguddoon kan raawwatame ta'uufi hanga ammaatti namootni 96 ajjeefamuufi manneen fi mankuusaan midhaanii 28 gubachuullee jiraatan kun himan.

Hospitaala Buulanitti namoota haleellaa kanaan miidhaman dhaqanii arguus himaniiru.

''Reeffii sharaan maramee bakkeerratti kufee jira. Kan bosona jiru hin sassaabamne. Madaahanii kan Buulan dhufaniis 20 oli. Hospitaala dhaqee ijaan argeera. Garaan isaanii kan baqaqellee argeera'' jedhu jiraataan kun.

Haleellaan kun kan raawwatamee jiraattoota dhalattoota naannichaa hin taanerratti ta'uus jiraattotarraa dhageenyeerra.

MM Abiy kaleessa hawaasa naannichaa waliin mariyataniis gariin hawaasaa Abiy marii kan gaggeessan bakka rakkoon jiru akka Dibaaxiifi Buulan mitii jechuun komii dhageessisaniiru.

Bakka buutootni naannolee kanaa akka hin argamnes mootummaa naannichaan dhiibbaan godhameera jechuun komataniiru.