Naannoo Benishaangul Gumuziti namoonni afur ajjeefaman

Madda suuraa, Facebook
Walitti bu'insa naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Daangur keessatti Sanbata darbe uumameen namoonni afur lubbuun darbeera.
"Rakkinichi dhalataan Gumuz tokko guyyaa Sanbata xiqqaa ganama naannoo sa'aa lamaatti du'ee argamuu isaa ka'umsa godhata," jedhu itti-gaafatamaan Waajjira Komunikeeshinii Aanichaa Obbo Nugusee Bayyanaa.
Sana boodas waaree booda naannoo sa'aa torbaatti dhalattoonni Amaaraa sadi ajjeefamuu himan.
Ajjeechaawwan namoota afraniin walqabatee namni to'annoo seeraa jala oolfaman akka hin jirres Obbo Nuguseen ni dubbatu.
Walitti bu'iinsawwan naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakkal aanaa Daangur keessatti irra deddeebiin uummaman lubbuun namaa akka badu namootaaf sababa ta'aa jiru.
Ka'umsa…
Dhalataan Amaaraa jiraataa aanaa Daangur BBC'f yaada isaani kennan tokko, ka'umsa walitti bu'iinsa dheengaddaa yeroo ibsan, "dhalataan Gumuz tokko dhalataa Gumuz isa biraa erga ajjeesee booda gara Gumuzootaa kaanii deemuun 'diimaan Gumuz ajjeese' jechuun hime" jedhu.
"Sana boodas Gumuzootni dhalattoota Amaaraa sadii ajjeesanii tokko madeessan," jechuun himan.
Itti-gaafatamaan Waajjira Dhimmoota Komunikeeshinii Aanaa Daangur Obbo Nuguseen garuu yaada kanaan walii hin galan.
Isaan 'yaadni ummata bira jiru waldhabdee dheengaddaa, namoota fagoodhaa dhufantu kaase kan jedhudha,' jedhu.
Namoonni kunis dhalattoota Amaaraa kanaan dura aanaa Daangur jiraachaa turaniifi achii buqqa'anii yeroo yeroon garuu gargaarsa nyaataa fudhachuuf gara aanichaa deeman ta'uu himan.
Gama biraatiin poolisii, raayyaa ittisa biyyaa, hooggansa aanichaafi hawaasa biratti rakkoon akka jiru kan himan Obbo Nuguseen namoota gara aanichaa seenan irratti sakkata'iinsi gahaan akka hin taasifamne himan.
Hanqina sakkata'iinsaafi jiraachuu dhabuu buufataalee sakata'iinsaa irraa kan ka'es aanichatti sochiin meeshaalee waraanaa hammaachuu isaas dubbataniiru.
Jaarsolin biyyaafi abbootiin amantaa kaleessa dhimmicharratti mari'achaa ooluu isaaniifi har'a ammoo jiraattota aanichaa ganda gandaan walitti qabuun mariin taasifamaa jiraachuu Obbo Nuguseen BBC'tti himan.
Madda rakkoo nageenyaa aanaa Daangur irra deddeebiin mudatu baruufis mariin hooggansa aanichaa galgala kana akka adeemsifamus dubbataniiru.















