Mootummaan nageenyaa lammiilee akka tiksuuf waamichi dhihaate

Iddoo itti argama Beenishaangul Gumuz

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti haleellaa dhiheenya kana raawwateen lubbuun namootaa hedduu darbuu, miidhaan qaamaa gahu akkasumas namoonni ugguramuusaanii Gumiin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (GMNI) ibsa kaleessa, Sambata Fulbaana 09, bara 2013, baaseen ibse.

Naannichatti Hagayya 29 fi 30 akkasumas Qaammee 1 fi 2 haleellaa raawwatamuusaanii ibseera.

Bulchiinsota Godina Matakkal jala jiran aanaaota akka Guubaa, Dibaaxe, Bulaanii fi Wanbaraatti jiraattonni hedduun xiyyeeffannaa jala akka galfaman odeeffannoo jiraattota irraa argadhe jedheera gumiin kun.

Bakkeewwan kanneenitti namoonni nagaa xiyyaan, meeshaalee qara qabaniin akkasumas meeshaalee waraanaatiin dhiittaan mirga namummaa irratti raawwatameera jedheera.

Namoonni gandoota baay’eerratti miidhaa geessisan hidhattoota eenyummaansaanii hin beekamne ta’uusaa fi namoonni hedduunis sodaa nageenyaaf jecha bakka jireenyasaanii dhiisani iddoo biraatti deemuusaanii GMNI ibseera.

Bakkeewwan kanneenitti dhiittaan mirgoota namummaa irra deddeebiin raawwatamuusaanii kan ibse GMNI; mootummaan federaalas ta’ee naannoo rakkoo jiru waaraadhaan furuuf hin hojjetamne jechuun qeeqa.

Tarkaanfiiwwan mootummaa federaalaanis ta’ee naannoon darbee darbee fudhataman rakkoo jiru iti fufinsaan furuuf kan gargaaranii miti jedheera.

Dabalataanis, haleellaa asiin dura dhaqqabaniin qondaaltota itti gaafatamummaasaanii sirriitti hin baneerratti tarkaanfiin fudhatamuu qabuu osoo hin fudhatamin hafuusaatiin haleellaan akkanaa irra deebiin mudatuusaaniif sababadha jedhee akka amanu gumiin kun ibseera.

“Qamooleen nageenyaa sadarkaadhaa jiranii fi dhaabbileen haqaa mootummaa rakkoon kun akka hin uumamneef dursanii ittisuu, erga mudate boodas saffisaan tarkaanfii seeraa fudhachuun itti gaafatamummaa heera mootummaasaanii haalan bahuu dhabuusaaniitiin namoonni nagaa irra deddeebiin haleellaa akkanaaf akka saaxilaman godhuusaa hubanneerra,” jedha ibsichi.

Rakkoo kana furuuf GMNI mala furmaataa kan jedhe dhiheesseera: namoota haleellaa raawwatan seeratti dhiheessuu, miidhamtoonni deeggarsa namummaa akka argatan taasisuu akkasumas beenyaa maallaqaa fi xiinsammuu barbaachisu akka kennamuuf gaafateera.

Kanaan dabalatatti tarkaanfii seera kabachiisuu mootummaan federaalaa fi naannoo taasisaa jiran cimsanii itti fufu qabus jedheera.

Tibba darbes Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen Qaam'ee 1, bara 2012 akkasumas Fulbaana 4 - 10 haleellaan lama raawwatuu isaa mootummaa naannichaarraa mirkaneessuu ibseera.

Kanaanis, lubbuun namaa darbu akkasumas dhibbaan kan lakkaa'aman qe'eerraa buqqa'u ibsuun isaa ni yaadatama.