Waldhibdee Keeniyaafi Somaaliyaa: Keeniyaan Somaalilaanditti kontsilaa banuuf ta'u beeksiste

Keeniyaan bulchiinsa Somaalilaanditti qonsilaa banuuf yoo jettu Somaalilaandimmoo waajjira Keeniyaadhaa qabdu qontsilaatti guddisuuf ta'u biyyoonni lamaan beeksisan.

Kuni kan ibsame Pirezidantiin Somaalilaand Musee Bihi Abdii erga Keeniyaa daawwataniifi Pirezidantii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaa waliin wal arganii ibsa waloo baasanii boodadha.

Dabalataan, hoggantoonni lamaan xiyyaarri Keeniyaa kallattiin magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiirraa magaalaa guddoo Somaalilaand Hargeessaatti akka balali'u waliigalaniiru.

Balaliin kunis baatii Bitootessa dhufu dura kan eegalu ta'u ibsame.

Waliigalteen kuni Somaaliyaa Somaalilaand akka bulchiinsachee ilaaltuufi sababa kanaan Keeniyaa waliin hariiroo dippilomaasii ishee kutuu beeksifte mufachiisa jedhamee yaadama.

Hariiroo kutuu Somaaliyaafi Keeniyaa

Mootummaan federaalawaa Somaaliyaa hariiroo dippiloomasii biyyaa ollaa Keeniyaa waliin qabu adda kutuu beeksiste.

Somaaliyaan dippiloomaatota ishee Naayiroobii jiran mara biyyatti kan waamte yoo ta'u, dippiloomaatotni Keeniyaa Moqaadishoo jiraniis guyyoota torba keessatti biyyattii gadhiisanii akka bahan gaafatteetti.

Murteen kun pireezidantiin Somaalilaand Musee Bihii Abdii gara Naayiroobii imaluun pireezidantii Keeniyaa Uhuuruu Keniyaataa waliin wal arguu booda dhagahame.

Somalilaand biyya walaba jettee ofiin of labsite yoo taatu mootummaan jiddugaleessaa Somaaliyaa jiru garuu Somaalilaand qaama Somaaliyaati jedha.

Hariiroon dippiloomasii kun adda cituu kan beeksisan Ministira odeeffannoo Somaaliyaa Osmaan Abukaar Duubeeti.

''Walabumma biyyaa seeraa idil-addunyaan kennamee fi gaafatama biyyummaa ishee eeggachuuf heerri biyyaa kaahe guutuu akkasumas tokkummaa fi tasgabbii tiksuu bu'uura godhachuun mootummaan Somaaliyaa hariiroo dippiloomasii Keeniyaa waliin qabu adda kutuuf murteeseera'' jedhan Osmaan Abukaar.

Somaaliyaan murtee kana kan murteessite komii Keeniyaarraa qabdu dura taa'aa IGAD kan ta'an Ministira Muummee Sudaan Abdallaa Hamdookitti xalayaa erganii erga beeksisanii booda.

Dubbii Himaan mootummaa Keeniyaa Cyrus Oguna hiikuuf koreen hundaa'uu ibsaniiru.

Maddi waldhabdee maalii?

Yeroo dhiyoo as Somaaliyaan Keeniyaan dhimma keessoo kiyya keessa galaa jirti birmadummaa koos sarbaa jirtii jechuun komachaa jirti.

Ministirri odeeffannoo Somaaliyaa Osmaan Abukar Dubee yeroo Somaaliyaan filannoof qophooftutti, Keeniyaan biyya keenya jeequuf shira xaxaa jirti jechuun guyyoota dura himachuu midiyaan mootummaa Somali National TV gabaaseera.

“Nuti Keeniyaa ni kabajna, fedhii walfakkaataa qabnuu fi ollummaa keenya ni kabajna'' jedhanii turan.

Aanga'aan kun Keeniyaan gidduu galummaa siiyaasaa gaggeessuu fi hoggantoota mormituu Naayirobii keessaaf haala mijeessiti jechuunis himata mootummaan Somaaliyaa.

Dabalataan Keeniyaan pireezidantii Somaalilaand simachuun mootummaa Moqadiishuu jiru mufachiiseera.

Keeniyaan gama isheen biyya ollaa Somaaliyaa daheeffatee kan socho'u al-Shabaabiin si'a hedduu miidhamteetti.

Kanaafis nageenya Somaaliyaas, kan Keeniyaas, kan naannichaas eeguuf dirqama qabaachuu ji'a lama dura sagantaa Hard Talk irratti kan dhiyaatan pireezidantii Itti aanaan Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo himaniiru.

Somaaliyaa keessa nageenyi akka jiraatu hojjechuurraa dhimma akka qabanii fi biyyoota kaan waliin ta'uun gaaddisa AMISOM jalatti Somaaliyaa keesatti nageenya mirkaneessuuf akka hojechaa jiranillee himan Ruutoon.

Wal-dhibdeen biyyoota lamaanii kan ganna hedduu lakkoofsise yoo ta'u ka'uumsi isaa abbummaa qaama bishaanii kan garba Indiyaan qarqara daangaa biyyoota lamaanii irratti argamuuti.

Qaamni bishaanii kuufama boba'aa olaanaa qaba jedhamu kana biyyoonni lamaanuu kan kooti waliin jedhu.