Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Keeniyaa hariiroo Keeniyaa fi Somaaliyaa irratti MM Abiy mariisisan
Ministirri Tikaa Keeniyaa muddama naannawa daangaa Keeniyaafi Somaaliyaa ilaalchisee MM Abiy waliin mari'achuu himan.
Itoophiyaan Keeniyaafi Somaaliyaa waliin kan wal daangessitu yoo ta'u, ergama dhaabbata biyyoota gamtoomanii jalatti hidhattoota al-Shabaab Somaaliyaa keeessa maandheffatan loluuf waraana ergitee jirti.
Ministirri Tikaa Keeniyaa Fireed Maatiyaangi fuula 'twitter' isaaniiratti akka ibsaniitti, "rakkoolee daangaa biyyoota lamaanii furuun, naannichi tasgabbii akka qabaatu akka itti wal-tumsuun dandada'amurratti" MM Abiy waliin mari'ataniiru.
Mariin aanga'oota lamaan jidduutti gaggeeffame kun erga walitti bu'iinsa humnooti Somaaliyaa fi kan bulchiinsa Jubaalaand biyya walabumaashee labsite gidduutti uumameen booda.
Walitti bu'iinsi kun daangaa Keeniyaa keessatti dhiheenya magaalaa Maandeeraatti torbee tokko dura uumame.
Dhuma torban darbee ammoo, ministirri Tika Keeniya Mr Fireed Maatiyaangi gara Somaaliyaatti imaluun Pirezidaanti biyyattii Mohaammad Abdullaahi Faarmaajo waliin wal arguun haala nageenya daangaa biyyoota lamaanii fi hariiroo dipplomaasii cimsuu irratti mari'ataniiru.
Duraan Keeniyaan dhimma biyya keessaa jiddugalaa jirti jechuun Somaaliyaan himataa turte.
Akkasumas biyya ollaa kan taate Keeniyaan babal'ifannaa naannoo daangaatti taasiftu akka dhaabduufis akeekkachifte turte.
Waldhabdee lafa daangaa qarqara galaana Hindiitti argamurratti biyyoota lamaan jidduutti uumamee tureen, walitti dhufeenyi biyyoota kanneen jidduu tures fixeetti bahee ture.
Waldhabdeen daangaa qarqara galaanaa kunis Mana Murtii Haqaa idil-Addunyaa (International Court of Justice)'tti geeffamuun Waxabajjii dhufutti dhagahamuuf deema.