Somaaliyaan 'shira xaxuun biyya tasgabbii dhorkite' jechuun Keeniyaa himatte

Ministirri odeeffannoo Somaaliyaa Osmaan Abukar Dubee yeroo Somaaliyaan filannoof qophooftutti, Keeniyaan biyya keenya jeequuf shira xaxaa jirti jechuun himachuu midiyaan mootummaa Somali National TV gabaaseera.

“Nuti Keeniyaa ni kabajna, fedhii walfakkaataa qabnuu fi ollummaa keenya ni kabajna. Gama keenyaan nuti ilaalcha kanaan jiraanna.

Ta’us garuu, Keeniyaan kanaratti fedhii waan qabdu hin fakkaatu, abjuu hin taane dhugoomsuuf barbaaddi.

Akkasummas mootummaa lafaafi lageen Somaalii fudhachuuf karoorfattudha,” jechuun ibsa miidiyaaleef kennan kan fuula Feesbuukii TV’cha irratti kallattiin darbaa ture irratti dubbataniiru.

Aanga'aan kun Keeniyaan gidduu galummaa siiyaasaa gaggeessuufi hoggantoota mormituu Naayirobii keessaaf haala mijeessiti jechuun himatu.

Namooti Naayirobii keessatti kana dura dhimma filannoo Somaliyaa 2020/2021 irratti walga’ii gaggeessan keessaa, ogeessoti siyaasaa bulchiinsa kibba Somalii Jubaalaand irraa ta’an ni argamu.

''Moqadishoon namoota siyaasaa mormituu Keeniyaa kan biyya ollaa keenya keessatti jeequmsa kaasuu barbaadan keessummeessitee hin beektu.

Naayiroobiin garuu buufata bakka haleellaan Somaaliyaa irra ga’u irraa ka’u taatetti. Bakka waligalteen Somaaliyaa keessatti taasifame itti diigamu taatetti.''

“Naayrobiin bakka waldhabdee siiyaasaa bulchiinsa biyya keenya jeequuf karoorri itti taasisamu taatetti… Kanaafidha nuti mariidhaaf ambaasaaddara keenya Naayrobii irraa akka deebi’uuf kan waamne,” jechuun ministirri odeeffannoo ibsaniiru.

Dabalataanis Dubeen erga Humni Ittisaa Keeniyaa qaama Duula Gaamtaa Afrikaa Somaaliyaa (Amisom) ture, maagaloota naannoo kibba Somaaliyaa keessaa ba’ee booda naannichi al-Shabaabiin to’atameera jedhan.

''Erga humnooti Keeniyaa enyuunuu hin beeksisiin magaalota kanniin keessaa ba’anii booda al-Shabaab to’ateera.

Rakkoo lammilee Somaaliyaa naannicha jiraatan irra ga’eeru yaadaa. Kun wanta callisnee bira dabarruudhaa? Jiraattota Fahfadhun maal isaanirra akka ga’e dhaqaa gaafadhaa,'' jechuun ministeerichi Moqaadishootti gazexeessitootatti himan.

Wiixata Sadaasa 30, mootummaan federaalaa Somaalii ambaasaaddara isaa Naayiroobii jiru biyyatti deebisuun, ambaasaaddara Keeniyaa Moqadishuu jiru ammoo ''mariif akka biyya gadhiisuuf'' gaafateera.

Ministirri Hajaa Alaa Keeniyaa garuu himannaa dhimma biyya keessaa fi siyaasa Somaaliyaa jidduu galuu irratti dhiyaate haaleera.

Hariiroon Keeniyaa fi Somaaliyaa jidduu jiru sababa bakka Garba Indiyaa irraa kiloomeetir iskuweerii 150,000 ta’ee fi kuusaa boba’aa guddaa qabuun waggooti dhiyootti boora’eera.