Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan Mooskootti talaallii Covid-19 kennuu eegalte
Raashiyaan kenna talaallii Covid-19 ofiin argattee Ispuutnik V jedhamu magaala Mooskootti eegalte.
Talaalliin kun ji'a afuur dura qorannoo irratti adeemsifamaa tureen harka 95 milkaahaa dha jedhamuun akka namaaf kennamu hayyama argatee ture.
Ammallee qormaata hedduu keessa bahaa kan jiru ta'us, dhiibbaa(side effect) guddaa akka hin qabne ibsameera.
Talaallii kan kennuun ka eegalame yoo ta'u namootni kumaan lakkaawaman talaallii kana fudhachuuf galmaahaniiru. Raashiyaan talaallii kana baayyina hangamiin omishuu akka dandeessu garuu ifa miti.
Omishtootni dhuma bara kanaa dura talaallii kana doozii miiliyoona lama akka omishan eegama.
Kantibaan magaala Mooskoo Sarjee Sobiyaaniin kan sagantaan talaallii kun eegaluu torbee dura himan, namootni talaallii kana jalqaba argatan hojjetoota hawaasummaa, kanneen manneen barnootaa fi dhaabbilee fayyaa keessa hojjetan akka ta'an ibsaniiru.
Hojjettootni dursi kennamuufiin talaalaman kun Online kan galmaahan yoo ta'u umriin isaanii ganna 18-60 gidduu ta'uun dirqama.
Talaaliin magaala Moskoo kan jiraattota miiliyoona 13 qabdu keessatti kun buufataalee talaalliif qophaa'an 70 keessatti kennama.
Guyyoota 30 darban keessattii namootni qoricha lilmoon fudhatan, kannee torban lamaan darban dhibeen sirna hargansuu isaan qabe, rakkoo fayyaa hammaataa qaban, dubartootni ulfiifi hoosisan talaallii kana hin fudhatan.
Namni talaallii kana erga fudhatee guyyaa 21 booda talaallii si'a lammataa fudhata.
Namootni talaallii kana fudhachaa jiran carraan weerara kana ittisuuf qabu guddaa waan ta'eef talallicha fudhachuutti gammaduu ibsaniiru.
Raashiyaan addunyaa dursuun talaallii dhibee kanaa argachuu ibsitus biyyootni lixaa amantaa irratti hin horanne.
Hanga ammaatti Raashiyaa keessatti namootni miiliyoona 2.3 ol ta'an dhibee kanaan yoo qabaman, 41,730 ol du'aniiru.