Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Covid: Haakerootni meeshaa talaallii koroonaavaayirasii qorrisiisuuf gargaaru irratti xiyyeeffachuu himame
Walitti hidhaminsi ykn cancalli oomisha talaallii koroonaavaayirasii idil adunyaa namoota intarneetaan cabsanii seenuun ragaa fudhataniin irratti xiyyeeffatamuu dhaabbatni IBM hime.
Kaampaanichi akka jedhetti haala walitti hidhaminsa raabsaa ''cancala qorrisiiftuu'' talaallichaa, haala qilleensaa barbaachisaa keessa kaa'uuf gargaaru irratti duulli banamuu bira gaheera jedhe.
Eenyummaan haakeroota kanneenii hin baramne garuu haalli isaan ittiin cabsanii galuuf yaadan biyya kam irraa akka tahe ni agarsiisa jedhe kaampaanichi.
Akeekkachiisa mootummoota akka UK kanneen talaallicha irratti qorannoo gaggeessan turan akka hordofaa jirus ibseera.
Ergaa 'email' burjaajjeessu
IBM duulichi Fulbaana 2020 akka eegale ibse.
Ergaan karaa imeelii dogoggorsu gara biyyoota jahaatti ergameera jedhame. Ergaawwan kunneenis dhaabbilee meeshaalee qabbaneessituu talaallicha qopheessanitti kan ergame yoo tahu dhaabbatni Gavi jedhamu miiltoo dhaabbilee kanneenii kan tahes keessatti argama.
Miiltoowwan dhaabbata Gavi Dhaabbata Fayyaa Adunyaa, Unicef, Baankii Adunyaa fi Bill and Melinda Faawundeeshin kanneen jedhamanidha.
Addunyaa irratti bakkeewwan hiyyeeyyiitti talaallicha rabsuuf kanneen hojjetanidha.
Yeroo tokko tokko cancala qorrisiiftuu [Cold Chain] barbaada.
Xiyyeeffannoon isaanii qulqullaa'e
IBM akka jedhetti dhaabbileen irratti xiyyeeffatame:
- Komishinii Gamtaa Awurooppaatti Daariktera waliigalaa Qaraxaa fi Gibiraa
- Kaampaanota meeshaalee qabbaneessituu ifa aduu fayyadamuun bakka ibsaan hin jirretti hojjetan oomishan
- Kaampaanii Kooriyaa Kibbaa soofti weerii oomishu
- Kaampaanii Jarman marsariitii haala oomisha qorichootaa, geejibaa irratti hojjetaniif qopheessu.
IBM akka jedhetti dhimmichi garee nageenyaa odeeffannoon kan beekamu yoo tahu gareen kun weerara koroonaavaayirasii irraa eegaluun haleellaa saayibarii mudachuu danda'u kannen hordofaa turanidha.
Haleellaan saayiberii ammaa kun biyya tokkoon akka qindeeffame kan agarsiisudha jedhe kaampaanichi.
Haakerootni kunneen ''qabeenyaa fi yeroo isaanii balleessanii akkasumaan waan akkasii hin hojjetan jedhee waan itti yaadamee hojjetamedha'' jedhe.
Ejensiin nageenya Saayiberii fi bu'uuraalee misoomaa Ameerikaa [Cisa] dhaabbileen talaallii Covid oomishanii fi geejibsiisan haleellaa gama interneetaan isaan mudachuu danda'u dhaabbatni IBM gabaase irratti akka of eeggannoo gochuu qaban dhaameeraaf.
Waxabajji keessa UK'n tikni Raashiyaa qorannoo talaallii koroonaa keenyaa irratti xiyyeeffataniiru jechuun akeekkachiistee ture.
US dabalataan haakeroota Chaayinaa irraa akka of eeggataniif kan akkeekachiiste yoo tahu dhiyeenya ammoo Maayikiroosofti haakeroota Kooriyaa Kaabaa fi Raashiyaa qorannoo talaallii Covid irratti yaalii godhan argadheera jedhee ture.