Lola Tigraay Itoophiyaa: Humnoonni TPLF xiyyaara rukunneefi Aksuumiin qabannee jechuun soba jedhe mootummaan Itoophiyaa

Humnoonni TPLF Kaaba Itoophiyaatti humnoota mootummaa federaalaa Itoophiyaa lolaa jiraachuu himan xiyyaara waraanaa rukunne jechuun Dilbata galgala dubbatan. Dabalataanis magaalaa Naannoo Tigraay keessaa guddinaan lammaffaa kan taate, Aksum, to'achuullee himan.

Haa ta'u malee, qondaalli mootummaa federaalaa dubbiin qondaaltota TPLF kun dhugaa miti jechuun BBC'tti himan.

Dubbiin humnoota TPLF kun Ministirri Muummee Abiy Ahimad Maqaleen waraana biyyaatiin to'atamuufi oppireeshiniin Naannoo Tigraayitti taasifame xumura argachuu erga labsanii guyyaa tokko booda dhagahame.

Torban sadii dura waraanni Itoophiyaa humnoonni TPLF Izzii Kaabaa Raayyaa Ittisa Biyyaarratti haleellaa banan jechuun ture lolatti kan seene. Oppireeshiniin kunis torban sadii keessatti xumuramutu ibsame.

Dura taa'aan TPLF ajajni hidhaa itti baheefi yeroo ammaa eessa akka jiran hin beekamne Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el, mootummaan federaalaa opireeshiniin xumurame jedhus lolli itti fufu ibsan.

Dr Dabratsiyoon lolli hin dhaabanne jechuun loltoonni isaaniillee naannawa magaalaa Maqalee lolaa akka jiran ibsan.

Guyyaa kaleessaa TVn Naannoo Tigraay erga sa'aatiiwwan muraasaaf tamsaasa adda kutee ture deebi'e booda humnoonni TPLF xiyyaara waraanaa motummaa federaalaa rukutuufi Aksuumiin deebiisanii to'achuu ibsan.

Dhimma kana BBC'n kan gaafataman Ministira Dhimmoota Dimookrasii mootummaa Itoophiyaa federaalaatti Obbo Zaadig Abrahaa ''kun soba adiidha'' jedhan.

Akka Obbo Zaadigitti, qondaaltonni TPLF riphee loltummaatti osoo hin taane yeroo ammaa lubbuu isaaniif jecha fiigaa jiru jedhan.

Gaafa Jimaataa MM Abiy Ahimad raayyaan Magaalaa Maqalee 'guutummatti to'achuu' ibsuun, hojiin itti aanuu poolisiin federaalaa qondaaltota TPLF fi kan waraanaa ajajni hidhaa itti bahe adamsee qabuudha jedhanii turan.

Dabalataan, guyyaa har'aa paarlaamaatti bakka humnoonni TPLF jiran hordofaa jirra. Seerattis ni dhiheessina jedhanii dubbataniiru. Ta'us, qondaalli TPLF to'ataman jiraachuu hanga ammaatti wanti ibsame hin jiru.

Haa ta'u malee Naannoo Tigraay Magaalaa Maqaleefi bakkeewwan hedduutti tajaajilli telekoomii adda citee waan jiruuf waan qaamooleen lamaanu jedhan BBCn mirkaneessu hindandeenye.

Humnoonni TPLF xiyyaara waraanaa Itoophiyaa rukunnee kuffisne yoo jedhan kun yeroo duraaf miti. Kan kana duraas haaluma walfakkaatuun Raayyaan Ittisaa 'sobadha' jedhee deebisee ture.

Obbo Zaadig maal jedhan?

Ministira Dhimmoota Dimookrasii mootummaa Itoophiyaa Obbo Zaadig Abrahaan isa humnoonni TPLF Aksuum deebiifne qabaneerra jedhaniif deebii yoo kennan:

''Kun dhugaa lafa jiruun faallaadha. TPLF buufata isaa dhumaa kan ta'e Maqalee gadhiseera. Deebi'anii Tigraay keessatti magaalaa kamiyyuu qabachuu hin danda'an,'' jedhan.

Teessuuma lafaa naannichaattii fayyadamuun tarii loltoonni TPLF gara riphee loltummaatti jijjiiramuu malu laata gaaffii jedhuufis akkasiin deebii kennan Obbo Zaadig.

''Humnoonni TPLF riphee loltummaatti hin jiran. Lubbuu ofiif baqachaa jiru. Itti gaafatamummaa seeraa jalaa bahuufi dhokachuuf baqataa jiru. Ammatti humna gahaa hinqaban,'' jedhan.

Itti dabaluunis Obbo Zaadig, ''miseensonni humna addaa Tigraayiifi milishaa TPLF bira dhaabachaa hin jiran' jechuun 'hunduu harka kennachaa jiru'' jechuun dubbatan.

Lakkoofsi loltoota harka kennatanii yeroo gara yerootti waan dabalaa jiruuf ammatti meeqa akka harka kennatan himuun ni rakkisa jechuun BBC'tti himan.

''Yeroo yerootti akkoofsa waan jijjiiramuf isa sirri baruuf xiqqoo turuu qabna,'' jedhan Obbo Zaadig.

Riqicha, buufata xiyyaaraafi kaanillee TPLF'n kan diigaman jedhan erga sirrateen booda gaazexeessitoonni Naannoo Tigraay daawwachuuf akka eeyyamamulleen BBC'tti himan.

Waldhabdee yeroo dheeraaf motummaa fedeeraalaafi TPLF kan naannoo Tigraayi bulchu jidduutti uumamee ture, sababii filannoon biyyaaleessaa bara darbee gaggeeffamuuf ture sababii Covid-19n yeroo biraatti dabarfamuun caalaa haallichi akka harbaa'u taasiseera.

Itti aansees filannoo naannoon Tigraay qofaatti gaggeessee motummaan federaalaa fudhatama dhabeera. Mana maree biyyattiin seeraan ala jedhamuunis kuffifameera.

Waldhibdeefi wal himannaa ittii cimuunis jalqaba baatii kanaatti Izzii kaabaa waraanaa federaalaa irratti humnootii TPLFn halleelaan raawwatameera jechuun MM tarkaanniifiin akka fudhatamuuf ajajuunsaanii ni yaadatama.

Lola motummaan federaalaa ''seera kabachiisuu'' jechuun torban sadan oliif fudhateenis namoonni lakkoofsi saanii sirriin hinbeekamne yoo lubbusaanii dhaban, kanneen kumaatamaan lakkaa'aman ammoo gara Suudaaniitti baqataniiru.

Sanbata darbe Magaalaa guddittiin naannichaa Maqaleen to'annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa jala erga oolfameen booda duulli waraanaa xumuramuusaa MM Abiy Ahimad himunsaanii ni yaadatama.