Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raul Jimenez: Jifataan Woolviz Luwiziin erga walitti bu'anii booda hospitaala gale
Jifataan kilaba Wolvis, Raawul Jimeenez tapharratti erga taphataa biraan mataan walitti bu'anii booda, hospitaala keessatti dammaqe.
Tapha Arsenaaliifi Wolvis taasisan kanaan Wolvis 2fi 1n injifateera.
Tapha Dilbata istaadiyemii Emireetisitti taasifameen, taphni eegalamee daqiiqaa muraasaan booda, Jimeenez koornaa rukutame mataan dhawuuf wayita yaalutti, ittisaa Arsenaal Deevid Luwiiz waliin walitti bu'an.
Taphataan ganna 29 Jimenez, achuma dirreerratti oksijinni kennameefii kan ture oggaa tahu, taphichis daqiiqaa 10f adda citee ture.
''Jecha 'code red' jedhu dhageenye,'' jedhan leenjisaan Wolvis, Nuno Espirito Santo.
''Sa'aatii hamaa ture. Maaltu sitti dhagahama? Rifaatuufi shororkaa. Fuula taphattootaarratti waa agarta. Haalichi daran cimaa ture. Badaa ture.''
Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa gamasaatiin ''wanti hamaan tokko uumamuusaa'' haala taphattootaarraa hubadheen ture jedha.
Ittisaan Arsenaal Luiz, ganna 33, erga taateen kun mudatee mataarratti baandeejii maraniifi tapha kan itti fufe oggaa tahu, boqonnaan booda geeddaramee baheera.
Akka Nunon jedhanitti jifataan lammii Meksikoo kun qorannoon taasifamaa jiraachuufi ''Amma dubbachaa jira, dammaqeera. Qorannoo barbaachisaa tahe godhuu qabna. Harka gaariirra jira.''
Jimeeneez istireecharaan baatamee dirreerraa kan bahe oggaa tahu, waqtii Pirimeer Liigii dabre keessa goolii 17 Wolvisiif galcheera. Kilabichis torbaaffaa tahuun xumure.
Luiz deebisanii galchuun gaaffii kaase
Arsenaal waan jedhe, erga taateen kun mudatee booda, seera barbaachisu hordofuun Luwiiz deebiyee akka taphatu goone jedha.
Haatahu malee, erga baandeejii hidhatee deebiyee taphachuu eegalee dhiigni yaa'aa ture. Boodarra garuu boqonnaan booda Rob Holdiingin jijjiiramee bahe.
Taphattoonni kubbaa miilaa, wayita leenjiifi dorgommiirra sammuurra miidhaan (concussion) gaheera jedhamee shakkaman, dirreerraa oggasuu akka bahan qajeelfamni FA akeeka. Taphataan kunis haga wal'aansi barbaachisaa tahe godhamuufitti gaar dirreetti deebiyuu hin dandayu.
Ergasii leenjisaa Arteettaan waan jedhe: ''Qajeelfama barbaachisu hunda hordofnee isa [Luiz] qoranne. Akka of hin wallaallees mirkaneeffanne.
Qorannoo dabalataas isaaf gochuu itti fufu. Miirri gaarii itti dhagahamaa hin turre, kubbaas mataan dhahuu yookaan deebisuu hin dandeenye turre. Itti fufus hin dandeenye,'' jedhe Arteettaan.