Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha Madagaskaar fi Senegaal irratti namoonni walirratti kukkufuun balaan mudate
Madagaaskaar magaalaa Antananarivo keessatti do'attoonni tapha kubbaa miilaa walirratti kukkufuun namni tokko yoo du'u 40tti kan siqan miidhamaniiru.
Akkaataan miidiyaan biyyattii gabaasetti balaan kun kan mudate eegalamuu tapha Madagaaskaar fi Senegaaliin dura.
Do'attoonni kumaatamaan lakkaawaman ulaa tokko qofaan seenuun wal dhiibaa turan.
Kanneen miidhaman Magaalaa Antanananiro Hospitaala Joseph Ravoahangy Andrianavalona keessatti yaalamaa jiru.
Miidhamtoota keessaa lameen isaanii haala yaachisaa keessa jiru.
Miidiyaan biyyattii akka himutti wayita taphni eegalamuuf jedhu do'attoonni higigiidhaan gara Isteediyemiitti fiigaa turan.
Wayita taphni kubbaa miilaa taphatamu dirree kubbaa miilaatti walirratti kufuun Afriikaa keessatti waan baratameedha.
Kunis sababa ummanni kubbaa miilaa do'achuuf ba'e to'annoon ala ta'uufi.
Bara 2017 ji'a Guraandhalaa keessa dirree kubbaa miilaa Angoolaatti sababa namoonni waldhiibanii walirratti kukkufaniin namoonni 17 du'aniiru.
Baruma 2017 ji'a Adoolessaa keessa Maalaawwii keessatti namoota balaa walfakkaatuun du'an saddeet keessaa torba daa'immani.