Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa helikooptaraan abbaan qabeenyaa Leestar Siitii du'an
Isteediyeemii gaartuu Leester alaatti helikooptarri isaa yemmuu kufee caccabetti abbaan qabeenya Leestar du'uu isaa mirkaanaa'ee.
Vichai Srivaddhanaprabha, hojjeetoota isaanii lamaan, balaliisa helikooptarichaa fi imalaan tokkoo balaa Sanbata qaqqabeeen namoota ajjeefamanidha.
Isteediyeemi Kiing Paawar (King Power) irraa akka ka'een helikooptarichii akkaa malee erga ofirraa nannaa'ee, kufee ibiddaa qabachuu isaa namootni ijaan argan dubbatan.
Abaaboon yaadannoo kumaan lakkaa'amaniifi uffaaanan mormaa gartuuchaa isteediyeemichaan ala kaa'amaniru.
Akka poolisii Leestershaayaritti namootni balaa kanaan du'an:
- Abbaa qabeenyaa Leestar, Vichai Srivaddhanaprabha
- Hojjeetoota isaa lamaan, Nursaaraa Suknamaay fi Kavepoorn Punpaare
- Balaliisaa Eerik Iswaafar fi jaalallee isaa Izaabellaa Roozaa Lechowiiz
Eerik Iswaafar muuxannoo helikooptaraafi xiyyaaraa balaliisuu waggaa 20 olii qaba ture.
Eerik Iswaafarifi jaallaleen isaa Izaabellaa Roozaa Lechowiiz ogeessoota balaliisuu yeroo ta'an, Aadde Izaabellaa Pooland irraa gara Biriteenitti bara 1997 adeemte jiraachuu eegalte.
Dureessi Taayilaand Vichai Srivaddhanaprabha umurii 60, nama bultoo qabaniifi abbaa ijoollee afuriiti.
Gaartuu Leestar Ciitii bara 2010 paawundii miiliyoona 39 era bitanii booda gartuun kun bara 2016 Pirimeer Liigiii injifataniiru
Poolisiin Leestershire balaa kanaan namni kan biraa akka hin miidhamne mirkaneessuun balaa kanaratti qorannoo eegaluu isaa ibseera.
Tapha Pirimeer Liigii, Leester Weest Haam waliin 1-1 xumure saatii tokko booda helikooptarichi lafa konkolaataan dhaabbatu irratti kufe.