Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indoneezhiyaa: To'ataan daandii tiraafika qilleensaa goota jedhame
Indoneezhiyaa magaala Paalu keessatti balaa kirkira lafaa dhaqqabeen yoo xiqqate lakkoofsi namoota du'aniii 832 ga'eera.
To'ataan daandii tiraafika qilleensa xiyyarri geejjibaa, kirkira lafaa hamaa jalaa baqatee nagaan akka balali'u utuu gargaaruu lubbuun isaa darbe goota jedhameera.
Antooniyas Gunawaan Aguung, umurii 21, Jimaata gamoo to'annaa bufata xiyyaaraa Paalu gidduugaleessa Sulawesii argamu keessa osoo jiruu kirkirri lafaa maagnitiyuudi 7.5 kan nannicha rukute.
Xiyyaarichi lafarra ka'ee hanga imala isaa jalqabutti eegee booda gamoo to'annaa irraa utaale. Yalii dabalataaf osoo hospitaala biraatti hin dabarfamiin lubbuun isa darbe.
"Agung hanga dhuma jireenya isaatti hojii isaaf dabarse of kenne. Hanga xiyyaarri sun lafarraa ka'uutti gamoo to'annaa hin gadhiisne," jechuun anga'aan 'Air Navigation Indonesia' Didiyeet KS Raadityo Jakarta Post'tti himeera.
Obbo Agung yeroo sochiin lafaa sun rukute xiyyaarri 'Batik Air' akka imala jalqabuuf hayyama lachuutti ture. Gamoon darbii afurii yeroo raafamuufi jijjiguu eegalu, karaa foddaa utaalee milli, harki fi cinnaachi isaa cabe.
Gara hospitaala fudhatamee ture garuu yaalii dabalataa argachuuf osoo gara hospitaala biraatti geeffamuu helikooptara keessatti lubbuun isaa darbe.
Dubbii himaan Air Navigation Indonesia, murteen Obbo Aguung lubbuu namoota dhibbaan lakkaa'amanii olcheera jechuun dubbateera.
Aarsaa inni kaffaleef yadannoofi galateeffanaa akka ta'uuf du'aa isaa booda guddinnii sadarkaa lamaa kennameerafi jedha dhaabichi.
Kirkirri lafaa kun Jimaata oddola Sulawesii Indoneezhiyaa rukutee Sunamii jalqabsiiseera.