Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Riqicha Xaaliyaan: Riqichi guddaan jigee namoonni 26 galaafate
Baraartonni magaalaa Kaaba Xaaliyaanitti argamtu Geno'aa jedhamtu namoota riqicha jigee namoota 26 galaafate keessatti qabamanii hafuu danda'u jedhamanii shakkaman barbaaduttii jiru.
Balaa uumame kanaan namoota 26 lubbuun darbeen ala namoota 15 irra miidhaa cimaan qaqqabee konkolatonni baayyeenis riqicha meetira 45 dheeratu kanarraa kukkufuun caccabaniiru.
Gabaasni akka jedhutti namoonni iyyaa jiran caccabaa keessaa ni dhaga'amu. Namoonni 12 ammallee bakki jiran hin beekamne.
Baraartonni ittisa balaa ibiddaa keessaa 300 guutummaa Xaaliyaanirraa babba'an saree foolii fuudhuun barbaadaniifi meeshaalee ittiin koran fayyadamuun duula baraaruu kanatti jiru.
"Abdii hin kunnu," jechuun hojjetaan ibiddaa Imaanu'eelee Giiffii AFP hime. "Hanga lubbuu ishee dhumaa baraarrutti hojii keenya cimnee itti fufna".
Riqichi kun karaa biraatiin ammallee jiguu mala sodaa jedhuun namoonni dhibbaan lakkaa'aman akka irraa fagaatan taasifameera.
Balaa yeroo roobni cimaan roobaa jiru uumame kanaaf sababiin ifa ta'ee beekame hin jiru garuu waa'ee jabinaafi qulqullina ijaarsa riqicha kanaa irratti gaaffiin ka'aa jira.
Ministirri Dhimma Biyya Keessaa Maate'oo Salviinii nama kamiyyu akka riqichi kun jiguuf sababa ta'u akka seeratti dhiyeessan dhaadataniiru.
Riqichi Moraandii jedhamu kun bara 1960 kan ijaarame yommuu ta'e karaa konkolaatonni hedduu meeshaa hedduu ittiin deddeebisanidha.
Kana malees ulwaan biyyattii keessa jiran gara garaa kan walitti fidu, Riiveeraa Xaaliyaaniifi qarqara Kibba Firaansiinillee kan tajaajiludha.
Yeroo riqichi kun jigetti konkolaatoota 30-35 dabalatee kan fe'isaa gurguddoon achirra turan.
Bakki baayyee ol ka'aa riqicha kanaa sarara daandii baaburaa, laga bishaaniifi mankuusaarrattis ture kan jige.
Riqichi jige kun "taatee riqicha magaalaa Geno'aa keessatti argamu kana qofaa osoo hin taane, kan akka guutummaa biyya keessa jirutti mudatedha", jedhu bulchaan kutaa biyyaa naannoon balaan kun itti qaqabee Ji'oovaanii Tootii.
Xaaliyaan turtii yeroodhaaf Itoophiyaa koloneeffattee turte keessatti Itoophiyaa keessa bakka gara garaatti riqcha hedduu ijaartee turte. Bakka baayyeetti hanga har'aa riqichoonni kunneen akkuma tajaajila kennanitti jiru.