Xiyyaara Emiliyaanoo Saalaa ajjeese kan balaliisaa ture, 'hayyama balalii hin qabu ture'

Paayilatiin xiyyaara taphataa kubbaa miilaa Emiliyaanoo Saalaa lubbuu galaafate hayyama balalii akka hin qabne qorattoonni adda baasan.

Kaardiif Siitiif mallatteessee guyyoota lama booda ture taphataan ganna 28 Emiliyaanoo Saalaa sarara bishaanii Ingilaandirratti balaliisaa Deeviid Ibootisan waliin balaa xiyyaaraan lubbuu kan dhaban.

Balaa kana booda reeffi taphataa kanaa argamus kanbalaliisaa isaa Deevid Ibostan garuu hin argamne.

'Waajjirri Balaa Qilleensarraa' Ingilaandi argannoosaa gaafa Jimaataa ifa taasiseera.

Gabaasichi, Saalaan yeroo sanatti kaarboon moonoksaayidiin ukkaamfamee turuus mala jedheeras.

Qorataan olaanaa Waajjira Balaa Qilleensarraa Ingilaand Kirispiin Oor qorannoon kun yeroo dheeraa kan fudhateefi wal-xaxaa ture yoo jedhan, seerri imala qilleensaa cabuu adda baasuuf Abbaan Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii hojjachaa turuu beeksisan.

Maatiin Saalaa, qorannoon kun ifa ta'uusaatti akka gammadan garuu ammas gaaffiiwwan hedduu deebii barbaadan jiru jechuun ibsaniiru.

Saalaa dhabuu isaaniitiin ammas gaddarra akka jiran, garuu maaliifi akkamiin akka du'e baruu akka fedhan dabaluun himaniiru.

Kaardiif Siitiinis ibsa baaseen, warreen seeraan ala waan akkasii dalaga dhaabuufi kanneen asirratti hirmaatan adda baasuuf qorannoo taasifame arguu isaaniitti gammaduu isaanii beeksisee jira.

Saalaan Amajjii 21 2019 balaa xiyyaaraa wal-qunnamtii to'attoota waliin dhabuun kufe kanaan lubbuu yoo dhabu, Naatees, Faransaayirraa gara Kaardiif Siitiitti imalaa ture.

Paayilatichis wayita duumessa keessaa ba'uuf yaalaa turetti to'achuu yoo dadhabu, akkuma Saalaa kaarboon monoksaayidiin hubamuu akka hin oolle qorannoon kun eeree jira.