Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkina Amaazoon irra ga’een namoonni teeknooloojii achirraa fayyadaman rakkoof saaxilaman
Rakkoo hojimaataa marsariitii Amaazoon irratti mudateen namoonni meeshaalee mana keessaa achirraa to’atamanitti fayyadaman faayidaan ala duraa ta’aniiru.
Tajaajilli Marsariitii Amaazoon qaama hojii kaampaanichaa isa guddaafi dugugguruu lafee marsaritii intarneetii gubbaa daran beekamuuti.
US guutuutti kaleessa galgala adda cituu isaatiin tajaajila kana addaan kutee ture.
Roobootiiwwan mana qulqulleessaniifi bilbilli yookaan furtuun ismaartii balbala manneen namootaarra jiran tasa hojjachuu dhaabani.
Rakkoo akka biyyaatti uumame
"Tajaajilli ‘US-east-1’ waan dhaabeef mana qulqulleessuu hin dandeenye," jedha barreeffamni Tiwiitara gubbaa hoogganaa nageenyaa LinkedIn Jeewoof Beelkinaappirraa ba’eefi hedduu qoodame tokko.
Tajaajilamaan biraa tokkos deebii yoo laatuuf: ‘‘Jabana fuulduraatti baga nagaan dhufte,’’ jedheeni.
Dhaabbanni roobootiiwwan mana qulqulleessaniifi Roomba jedhamuun beekaman omishu rakkinichi jiraachuu amaneera.
"Tajaajilli Amaazoon ‘AWS’ adda cituu isaatiin, aappii roobootiiwwan keenya to’aturra dhiibbaan ga’aa jira," jedhe.
"Gareen keenyas dhimma kana baree irratti hojjachaa kan jiru ta’uu baraa, yeroo dhiyoottis aappichi hojiitti deebi’a jennee abdanna," jedheera dabalataan.
Sagantaa mana qulqulleessuu
Roobootiiwwan Ruumbaa lafa intarneetin hin jirrettis furtuuwwan meeshicharra jiran tuttuquun ni hojjatu.
Tajaajilli marsariitii gubbaarraa argamu kun garuu kutaa kam keessa akka qulqulleessuufi fagoorraa to’achuuf, akkasumas qulqulleessuuf sagantaa baasuuf nigargaara, tajaajilamtoonni hedduunis kanatti fayyadamu.
Namoonni bilbila ismaartii balbala mansaaniirraa qabanis tajaajilicha tasuma dhabani.
"Taajaajilli bilbila balbalaa adda cituusaa barree jirra," jedhe kaampaanichi.
"Danqaa mudateef dhiifama gaafachaa, obsaafi hubannaa keessaniif isin galateeffanna," jedhe dabalee.
Adda cituun tajaajila kanaa sooftiweerota kan biroos miidheera, Footooshooppi kan omishu Adoobee dabalatee.
Akkasumas qabeenya hogganaadhuma Amaazoon kan ta’e gaazexaa Waashingitan Poosti kanneen miidhaan irra ga’e keessaayyu.
Akka Amaazoonitti tajaajiloonni kunneen amma iddootti deebi’anii jiru.