Yeroon Roobotonni gibira kaffalan gahee?

"Guddinni teeknooloojii magaloota keessatti dabalaa jira. Magaloota saneen keessatti fuudhafi heerumni xiqqachaa, yakki dabalaa, sababa namoonni bayy'inaan of ajjeessaniif duuti bayyachaa, rakkoolee sababa alkoolii dhuguufi itti fayyadama qorichaatiin dabalaa jira," jedhu Dr Kaarl Freey.

Akka Dr Freel jedhanitti hojjattoonni dhabbatoota garagaraa sababa roobootiitiin hojiisaanaii dhabaa jiru. Kanaafuu yoo mashinoonni bakka keenya bu'an maaltu ta'uuF deema?

Galii

Hojjatoonni hojiisanii yoo dhaban gibira hin kaffalan. Biyyoota dhihaa heddu keessatti iyyata hojii dhabeessumma galfatu jechuudha. Kun immoo biyyootaaf mata dhukkubbi guddaadha.

Fakkenyaaf, Ameerikaa keessatti gibirri mootummaa federaalaa sassaabu %48 namoota dhunfaarraa, %35 hojjattootafi hojjachiisaa dhabbatarraa, %9 qofa kan dhabbatootarra argama.

Galii mootummaan dhabaa jiru foyyeessuf namoonni hedduun roobotoonnis gibira kaffaluu qabu jechaa jira.

Teeknooloojii

Guddinni saayinsiifi teeknooloojii yeroo hedduu akka guddinattis ammoo akka danqettis ilaalama.

Guddinni indaastirii jalqabaa akka nuti bu'a bineeyladootarra adda baanu nu taasise. Guddinni indaastirii lammaffaan immoo gara itti fayyadama elektiriikiifi oomishaa bal'atti nu geesse. Barri komputaraa immoo oddeeffannoo gahaa ta'e saffisaan akka argannu nu gargaare.

Guddinni indaastirii inni afraffaan immoo robotiifi 'artificial intelligence' waliin wal qabata. Kunis jijjiirama sirna oomishaa, hoggansaafi bulchiinsaa guutummatti fida jedhame eegama.

Daangaan, saffisniifi gad fageenya jijjiirama kanaaf seenaa keessatti mul'atee hin beeku.

Qaraxa

Waggaa lama dura hogganaan 'Microsoft'fi dureessi beekamaan, Bill Gates yaada robotiin qaraxa mootummaa kaffaluu qabu jedhu fide.

"Guddinni teknoloojii waliin wal qabate gibirri akka jiraatu abdii qaba. Yeroo ammaa kanatti hojjattoonni warshaalee keessatti hojii abbaa $50,000 hojjetu haa jennuu, kan keessatti karaa garagaraan mootummaadhaa gibira ni kaffalu. Osoo roobotiin hojiiwwan dhalli nama hojjatan kana hojjatan ta'ee gibira ni kaffalu jenne hin yaannu," jedha Bill Gates.

Elon Musk abbaa qabeenyaa hojiiwwan teeknooloojiirratti boba'e yoo ta'u innis roobotoonnis gibira kaffaluu qabu jedha.

Yaadichi salphaadha: roobotiirra gibira sassaabuun barnoota, fayyaa yookiin madda galii namoonni akka qabaatan gochuudha.

Biizinasii Fuulleffachuu

Garuu akkamitti roobootoonni gibira kaffalu?

"Qaamaan deemtanii roobotii arguu hin qabdan. Sirna kaffaltii gibira komputaraan hojjatu qabaachuu ni dandeettu. Biizinasii hojjatoota muraasa qaburratti xiyyeeffachuudha. Haaluma wal fakkaatuun mootummaanis gibira hir'isuu qaba, "jedhu UK keessatti Piroofeesar seerafi tajaajila fayyaa kan ta'an Ryan Abbott.

Akka namoota baay'ee piroofeesar Ryan, roobootoota amala dhala namaa qaban qofa irratti osoo hin taane mashinoota 'artificial intelligence' ta'an hundarratti ta'uu qaba jedhu.

Dabalataanis namoonni sadarkaa isaaniitiin madalamaa akka hin jirre kaasu.

Yaadni kun namoota hundaan waan irratti waliigalame miti.

"Roobotoonni akka gibira kaffalan gochuun furmaata hin ta'u. Dhabbileen baay'een hojii kana keessaa bahuu danda'u. Dhabbileen xixiqqoofi giddu galeessa ta'antu rakkatu, " jedhu Dr. Janet Bastiman.

"Dhalli nama hojii jijjirachaa jiru. Omishaarratti hirmaachaa hin jiran. Dhabbileen bu'aa qabeeyyii ta'an dabalaa jiru, kanaafuu isaantu gibira kaffaluu qaba, " jedhu Dr. Janet.

Roobotoonni akka gibira kaffalan gochuun jedhu Dr Janet, "akka dhalli nama waan harawa hin uumne taasisadha".

Garuu namoonni teknolojiin namoonni muraasni qofti jireenya isaanii akka foyyeessanitti qeequ.

Hojii dhabdummaa

Hojii dhabdummaa lakkoofsaan guddaa ta'e uumamuu heda.

Kanaaf fakkeenya kan ta'uu danda'u adduunyaa Ispoortiiti.

'Cricketiifi kubbaan miilaa amma ammaatti murtee dirree keessa jiru dabarsuuf teknolojii fayyadamu.

Itti fayyadamiinis teknolojii murtoo dogongoraa dhala namaan darban foyyeessurratti gahee guddaa qabu.

Haata'u malee hoj-dhabdummaan warshaa daakuu kanarra adda.

Walii galteen siyaasa gibira roobotii ammaf jiraachuu baatus, namoonni siyaasa keessatti hirmaatan garuu jijiirama guddinni teknolojii fiderratti yaadota garaagaraa kaasu.