Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kalaqa haaraa addeessarra qubachuuf tolu
Intarpirenera beekamaafi abbaan qabeenyaa 'Amazon' Jeef Beezoos meeshaa geejjibaa haaraa namaafi meeshaalee kaan addeessarra qubachiisuu danda'u ifa taasisan.
Meeshaan geejjibaa 'Blue Moon' jedhamu kun saatalaayitoota, meeshaalee qorannoo hawaa fi xiyyaar-samiiwwan fe'ee imaluu danda'a.
Motora haaraa kanaan dura hojiirra hin oolle BE-7 jedhamu qabas jedhameera.
"Yeroo itti gara addeessaatti deebinudha, miilana achuma turuufi" jedhan Obbo Beezoos.
Meeshaa kana waajjira kaampanii qorannoo hawaa isaanii 'Blue Origin' jedhamu Washingitan DC keessatti argamutti maamiltootaafi aanga'oota NASA'f dhiyeessan.
Meeshichi boba'aa addeessarra qubachuuf gahu ennaa fe'ate kiiloogiraama 15,000 ulfaata.
Kaayyoon isaa bantii Kibbaa addeessaarra iddoo kuufamni cabbii itti argame qubachuudha.
Bishaan achitti argame irraa Hayidiroojinii omishuun ergamaa biraaf akka boba'aatti fayyadamuuf yaadame.
Bitootessa darbe bulchiinsi Tiraamp 2024'tti astiroonota Ameerikaa deebisee gara Addeessaatti erguuf karoorfachuu ibsee ture.
Meshaan isaan kalaqan kun yeroo jedhame kanatti akka dhaqqaban Obbo Beezoos himaniiru. Kunis hojiin meeshaa geejjibaa kanaa bara 2016 waan eegaleefi jedhan.
Fuulduraaf namni hawaa keessa jiraachuufi hojjechuu akka danda'u mul'ata waan qabaniif meeshaa kana akka kalaqan dubbatu.