Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Fiinlaand mootummaa dubartootaan hogganamu dursitu
Ministira muummee Fiinlaand tahuun filamuun mootummaan waloon ijaarame kan dubartootaan hogganamu kan dursitu dubartiin kun xiyyeeffannaa namoota danuu hawwatte.
Gareen ministira muummee kanaan hogganamu weerara koronaavaayirasii to’achuun leellifamullee, kaan immoo seen-duubeen ykn ilaalchi baratamaa hin tahiin dubartiin kun qabdu seerota biyyatti ‘boodatti hafoo’ ta'an geeddaruuf ishee rakkisaa laata waan jedhu gaafachaa jiru.
Ministirri muummee Sanaa Maariin mootummaa isheef akka mallattoo kan tahe 'sagantaa wal-qixxummaa' irratti kora waamteetti.
Isheen haasa xixiqqaaf bakka hin kennitu garuu eenyutu cidhaa booda torbee jalqabaa hojiitti deebi’a? Boqonnaan gabaabaa yeroo weerara dhukkubaa keessa fudhatteen iddoo hin beekamnett abbaa mucaa isheetti heerumuuf fayyadamte.
Sanaa Maariin wayyaa aadaa Fiinlaand uffattee abbaa warraa ishee taphataa kubbaa miilaa waggaa 16f jaalallee ishee ture Maarkas Reekooniin hammattee fuula dhuunfaa Instaagiraamii irratti suuraa maxxansite.
Kana dura mucaa ishee Emaa otoo hoosiftuus maxxansitee turte.
Suuraan ishee kun akkuma addunyaatti intarneetii gubbaa baayyee qoodamaa ture.
Masaraa mootummaa iddootti kaabineen mootummaa wal-gahu gaazexeessitoonni eegaati jiru.
‘’Waanin isaanitti dubbadhu dursee hin qopheessu,’’ jette Sanaan eegduu ishee dubartii duubashee adeemtutti. ‘Waan na gaafatan, anis dhugaasaan deebisaaf,’’ jette.
Torbee kana waa’ee jireenya dhuunfaa ishee baay'ee gaafatamuu dandeessii?
‘’Lakki, waa’ee dhimmoota adeemaa jiranii beekuu barbaadu, tarii dhumarratti gaafachuu danda’u,’’ jechuun ofiif deebiste.
Rippoortaroonni muraasni maaskii keewwataniiru, kaan immoo sagalee waraabduu qabataniiru. Waltajjiirra bahuushee eeggachaa jru.
Iddoo walgahii dursee kan gahe ishee yoo taatu, miidiyaan Fiinlaand akkuma isheen jette dhimmoota garaagaraa ishee gaafatan.
Sa’atii afur booda gara alaatti yoo baatu, ammas rippoortarootatti haasa’uuf dhaabbatte.
Xumurtee yoo baatu namni ishee boodatti hafe hin turre. Hunda dursitee dhuftee, hunda booda baate.
Suuraan Sanaa Maariin kan baay’inaan intarneetii gubbaa qoodame guyyoota 200 dura kan guyyaa jalqabaa hojii eegaltu kaate ture.
Dubartiin ganna 34 MM Fiinlaand kan umuriin xiqqaa jalqabaa tahuun kan filatamte dubartiin seeqqachaa hoggantoota mootummaa kan waliin dhaabbattee mul'atti.
Hundi isaaniitu dubartoota turan.
Kaabinee ishee waliin waltajjiirra dhaabbattee warra itti yaa’ee suuraa ishee kaasu hunda akka dhaloota dargaggootaa bakka buutuu fi warri Fiin eenyu akka taane carraa addunyaatti agarsiisnu dha jette.
Ergaan ishee warreen naannoo siyaasa durii hin leellisne qaqqabe.
Artistiin gitaara taphatu Tom Morello suuraa ishee maxxansee hojii isaa akka isheen dinqisifattu barreessinaan isheenis ‘poostii’ ykn maxxansa isaa ‘Like’ goote.
Mata dureewwan ishee waliin wal-qabatan ariitiin miidiyalee waliin gahan.
‘’Yeroon Feeminizimii Finlaand dhufe’’
‘’Paarlaamaa Fiinlaand: wal-qixxummaa dubartootaan dura bu’aa ta'e’’
‘’Bulchiinsa dubartootaa: kana eegaati turre’’
Yaadoti saalaan loogan illee turan, fakkiiwwan dubartoonnii otoo qaama dhiqatanii yeroo murtoo dabarsan faa.
Biyyi dubartoonni qofti bulchan jirti yoo jedhame isheen Fiinlaand dha.
Bara 1906tti dubartootaaf mirga filachuu kennuun biyya addunyaa jalqabaa taate, biyyooti lixaa baay'ee hanga waraanni addunyaa jalqabaa xumuramutti mirga kana dubartootaaf hin kennine ture.
Waggaadhuma itti aanutti dubartooti 19 paarlaamaaf filataman. Bara 2000tti Fiinlaand pireezidantii dubartii ishee jalqabaa filatte Taarjaa Haaloneen. Ministira muummee Aneelii Jaateenmaakii bara 2003tti filatte.
Bara 2019tti paartii ishee 'Centre-left Social Democratic Party', irraa filamtee ministira muummee ishee dura ture kan lagannaa hojii biyya keessa tureef akkatti deebii kenneen qeeqamu bakka buute.
Yeroo filamtu hoggantuu biyyaa umriidhaan xiqqoo turte, maaltu akka ishee eggatus namuu hin beeku ture.
Sanaa Maariin dubartoota 100 BBC’n bara 2020 keessa dhiibbaa uuman jedhee filate keessaa tokko dha.
Gaafa Bitootessa 11 Dhaabbnni Fayyaa Addunyaa Covid19’n weerara addunyaa jechuun labse. Kaabineen Maariin garuu yeruma vaayirasichi dhalate qophii turan.
Gaafa Bitootessa 16 Fiinlaand namuu manaa akka hin baane uggura labsite. Murtoon kun gama miidiyaan qeeqamus uummanni garuu deeggareetu ture.
Uummatni Fiinlaand marti mana akka turan, namni mallattoo xiqqoollee agarsiise akka qoratamuu fi ogeeyyii fayyaa waliin walgahiin gama intarneetiin yeroo yerootti akka taasifamu qajeelfamni kenname.
Sanaa Maariiniifi waa’ilooti ishee gameeyyiin torbeetti waa’ee dhukkubichaa ibsa kennu, gaaffii lammiilee fi gaazexeessitoota irraa fudhatu. Ijoolleerraas gaaffii fudhachuuf haala mijeessanii turan.
Ministirittiin leellifamtee, hoggantoota Taayiwaan, Jarman, Niiw Ziilaand weerara kana haalaan to’atan waliin maqaanshee dhahame.
‘’Biyyooti dhiiraan hogganaman kan weerara kana to’achuun hojii gaarii hojjetan jiru,’’ jechuun BBCtti himte.
Kanaaf kun waan koorniyaa irratti hundaa’u natti hin fakkaatus jette. ‘’Biyyoota dhimma kanaan waan gaarii hojjetan irraa barachuu qabnas,’’ jette.
Fiinlaand uummata miiliyoona 5.5 kan qabdu yoo tahu, namoota 370 qofatu sababii koronaavaayirasiin du’e. Kana jechuun nama miiliyoona 1 keessaa nama 60 jechuu dha.
Lakkoofsa namoota UK keessatti du’an harka 10 caala xiqqaata jechuu dha.
‘’Fiinlaanditti waan barannu tokko waan saayintistoonni jedhan dhagahuun beekumsa jiru fayyadamnee yeroo baay'ee rakkisaa tahe keessatti murtoo jabaa taasisaa turre. Kanaaf innis barbaachisaa dha,’’ jette Sanaa Maariin.
‘’Uummata wal-amantaa irratti hundaa’e qabna. Uummanni mootummaa fi sirna demookiraasii amana.’’ jette
Baatii Waxabajjii keessa dhimma salphina baasii mootummaa waliin wal-qabatee ministirri mummee itti aantuun aangoo gadhiiste. Fulbaanatti dubartii biroo Annikaa Saarikko jedhamtuun bakka buufamte.
Addabaabaayitti tokkummaa haa qabataniyyuu malee gamticha keessa wal-dhabdeen jira ture.
‘’Paartiin kamiyyuu karaa mataasaan qofa deemuu hin danda’u,’’ jette Ministirri Barnootaa fi hoggantuun paartii Left Alliance ganna 33 Lii Andarsan.
‘’Yeroo tokko tokko namoonni dubartii gatii taateef qofa imaammata haala barbaaddeen kan gootu, dubartii gatii taateef qofa kan daftee waan jedhame hundatti waliigaltufi kaanis kan gootu itti fakkaata garuu dubbiin akkas miti,’’ jette.
Yeroo dargaggummaa ishee Maariin abbaa warraa ishee fi mucaa ishee Emaa waliin iddoo Keseraantaa jedhamu jiraachuu feeti, isas dhugoomsitee turte.
‘’Siyaasaa fi nama siyaasaa tahuun garuu waan kanarraa fagoo dha. Iddoon jiraachaa ture irraa addunyaa addaati jiraachaa jira,’’ jetti.
‘’Akkuma maatii lammiilee Fiinlaand biroo, seenaa gaddisiisaa qaba,’’ jechuun bara 2016tti marsariitii dhuunfaa isheerratti barreeffama maxxansitee turte.
Magaalaa Pirkkaalaa jedhamtu kan kibba-lixa biyyattiitti argamtu keessatti yoo guddattu, haatishee abbaashee dhugaatii baay'isu waliin wal hiiktee qofaa ishee guddiste.
Kanaaf Sanaa Maariin maatii ishee fi of deeggaruuf hojii gurgurtaafaa hojjetti ture. Deeggarsa mootummaan kennuunis fayyadamaa turte.
Barsiistuunshee mana barnootaa sadarkaa lammataa ‘barattuu gidduugaleessaa’ ishee jettiin ture. Isheenis qabxii ishee fooyyessuuf jecha hojii manaa dabalataa akka kennamuuf gaafatti ture.
Gama siyaasaan dammaquu kan jalqabde yeroo umriinshee digdamoota keessa ture dha. Of foyyeessurra darbitee kaaniis gargaaruu akka dandeessu hubatte.
Akeekni mootummaa Maariin duuba jirus kanuma dha, sagantaa wal-qixxummaa.
Hojii mana keessaa dhiiraafi dubartiin qixxee hirmaachuu, haleellaa saalaa mana keessaa dhabamsiisuu, garaagarummaa kaffaltii dhiiraafi dubartii gidduu jiru duuchuu, barnoota ijoolle harka qalleeyyii fi godaantotaa fooyyessuu fa’a.
Dhimma koorniyaa ofii geeddarachuun walqabatu irrattis haaromsi taasifamaa jira.
‘’Namni kamiyyuu eenyummaa ofii murteessuuf mirga qaba sagantan keenyi immoo kana ni deeggara,’’ jetti Sanaa Maariin.
Baatii Ebla keessa weerara koronaa to’achuu isheef deeggarsa harka 85 argatteetti. Isheen garuu lakkoofsa akkasii hin ilaaltu.
Haa tahu malee yeroo mormii Black Lives Matter garuu sagantaan wal-qixxummaa ishee dhimmoota garaagaraa irratti hojjetus dararaa namoota gurraachaaf beekamtii kennuurraa hanqata jedhamuun qeeqamteetti.
Bara 2019 keessa gabaasni Gumii Awurooppaa namooti sanyii Afrikaa qaban harki 63 Fiinlaanditti qocollaa sanyummaa irra gaha jedha kunimmoo Awurooppaa keessatti isa guddaa dha.
Ammallee paarlaamaa Fiinlaand keessa miseensa gurraatti tokko Beellaa Farguusan jedhamtu qofatu jira.
Maariyaa Ohisaaloon nama ganna 35 yoo taatu Liigii Magariisaa Fiinlaand hogganti. Mootummaan kun daneessummaa jajjabeessuu qaba kan jedhutti waliigalti.
‘’Dubartoonni adii barnoota olaanaa qaban shan uummata hunda bakka hin bu’an. Waa’ee wal-qixxummaa odeessina taanaan ammallee gahaa miti,’’ jetti.
Haa tahu malee kun itti gaafatamummaa ishee qofa osoo hin taane kan lammii Fiinlaand hunda akka tahe himti. Sagantaan wal-qixxummaa illee sadarkaa hawaasa gurraachaa akka foyyeessuuf gargaaruu himteetti.
‘’Hundi keenyi sagantaa bahe gara hojiitti geeddaruu irratti xiyyeeffachuu qabna,’’ jetteetti.