Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyya namootni qullaa isaanii uummata fuulduratti deemuu jaallatan
Dhalattuu Ameerikaa kan taate Kiristiin Arnesan yeroo Jarmanii keessa jiraattetti waa’ee aadaa qullaa deemuu biyyatti waan hubatte akkanaan barreesiteetti.
Waggaa afuriif magaalaa Barliin keessa jiraachuun booda, amala akka feetee Jarmanii simadhee, waa’ee qullaa adeemuu irrattis ilaalchikoo geddarameera.
Ameerikaa keessatti qullaa ta’uun wal qunnamtii saalaa wajjiin wal qabsifamuus, as Jarmanii keessatti garuu qullaa buusanii deemuun waan jireenya guyya guyyaa keessatti baramedha.
Lafa daakaa ykn lafa bashannanaa akka saawunaa keessatti nama qullaa deemuu arguu amma itti bareera.
Ta’us yeroo mudannoo shaakala qullaa buusanii deemuu isa jalqaba agarte hin irraanfattu.
Mudannoon koo inni jalqabaa yeroo ani Paarkii Haseenheed, Newukolin keessa utuun sussuukuu namoota qullaa isaanii walitti qabamanii aduu qaqqaamatan yemmuun argedha.
Sana booda haasaan hiriyyootakoo waliinii fi odeeffannoo Google irraa argadheen booda, paarkii magaalaa keessattii fi bakka bashannanaa qarqara galaanaa Barliin keessatti namoota qullaa deeman arguun akka waan haaraa hin taanen bare.
Wanti ani arge garuu wanta Barliin keessatti bohaaruuf godhame osoo hin taane, fakkeenya Freikörperkultur ykn “aadaa qaama bilisaa” jedhamuuti.
Freikörperkultur ykn gabaabaan FKK jedhamee beekamu Rippaablikaa Dimokookratwaa Jarmanii (Baha Jarmani ykn “GDR”) waliin wal qabata, ta’us garuu aadaan qullaa deemuu Jarmanii dur Jarraa 19ffaa keessa kan eegaledha.
FKK’n sochii bal’aa Jarmanii, kan gara addunyaa uumamaatti deebi’uun, seenaa keessatti akka gocha warraaqsaa fi boqonnaatti ilaalamu of keessatti qabata.
''Aadaan qullaa adeemuu Jarmanii keessa waggaa dheeraaf kan turedha,” jedha Yunivarsitii Ferii, Barliin keessatti gargaaraa piroofeesara seenaa ammayyaa kan ta’e Arnd Bauerkämper.
Jalqaba jaarraa 20ffaa keessa sochiin Lebensreform (jireenya haroomsa) guddatee ture, falaasama akka nyaata orgaanikii nyaachuu, walabummaa saal-qunnamtii, qorichoota filannoo adda addaafi jireenya salphaa uumamaatti dhiyaatanii jiraachu kan qabudha.
“Shaakkalli qullaa adeemuu sochii bal’aa, ammayyummaa industirii fi hawaasa haaraa mormuun dhuma jaarraa 19ffaa keessa kan eegale keessaa tokkodha,” jedhu Bauerkämper.
Ogeessi seenaa Wiirtuu Seenaa Leyibniz, Hanno Hochmuth akka jedhanitti, sochiin haaromsaa kun keessumatti magaalota gurguddoo akka Barlin keessatti adeemsifamaa ture.
Bara Weyimar keessa (1918-1933) keessa qarqaroota galaanaa FKK keessatti namootni ‘muuraasa’ ta’an aduu qaammachuuf ba’uu eegalan.
Akka Bauerkämper jedhutti “bulchiinsa abbaa irree Jarmanii (1871-1918) keessatti seeraa fi haawaasa cunqursaa keessatti shaakalli kun miira bilisummaa haaraa wayii” kan kennu ture.
Bara 1921 keessa, Alfired Kooch shaakala qullaa waliin ta’uu korniyaa jajjabeessuu fi amantaa bakkeetti qullaa ta’uun umama waliiin hariiroo jiruufi faayidaa fayyaa qaba jedhu itti fufsisuuf jecha, Mana Barumsaa Qullaa ta’uu Barliin hundeesse.
Jalqabarra ilaalchi Nazi shakala FKK kana waan safuu hin qabnedha jechuun dhorkus, bara 1942 keessa seerichi xiqqoo laaffatee ture – kun garuu hawaasa Naazin dararu Jiwootaa fi komiinistoota hin dabalatu.
FKK’n kan caalatti babal’ate erga waraanni Jarmanii Bahaa fi Dhiya gidduu ture erga dhaabbate boodadha.
Shaakkalli kun poolisii ofiratti ilaalaa kan itti fufe ta’us, seeraan kan eeyyamame garuu bara 1971tti Erich Honekeer aangootti yeroo ba’edha.
Akka Bauerkämper jedhutti bulchiinsa Honekeer jalatti GDR qajeelfama biyyaa keessa fi alaa simachuun, biyyoota addunyaa gara ofitti hawwachuuf mala ture.
Bara 1990 tti yeroo Jarmaniin Bahaa fi Lixaa walitti makamanii dhorkiin ture ka’e aadaan FKK hir’isaa dhufe.
Bara 1970’n fi 80n keessa namootni qullaa ta’uu filatan kumaatamaan lakka’aaman paarkii, qarqara galaanaa fi bakkoota bashannanaa biraa hin dhibamani.
Bara 2019 Waldaan Aadaa Qaama Bilisaa Jarmanii miseensota galmaa’an 30,000 ol ta’an qofa lakkaa’e- keessa hedduun isaani ganna 50 fi 60 keessa kan ta’anidha.
Amma, FKK aadaa Jarmanii keessatti, keessumaa gara lixa keessatti, xiyyeeffannoo argatee jira.