Dorgommii miidhaginaaf qullaa dhaabachuu nagaatti

Dorgommiin miidhaginaa 'Miss America' jedhamun addunyaatti beekamu kanaan booda ulaagaalee uffata ittiin bishaan daakaniifi miidhagina alaan madaaluun qabxii kennu dhaabuu ibse.

Kanaan booda Ameerikaatti dorgommii miidhaginaa keessatti ulaagaaleen qullaa ykn uffannaa ittiin bishaan daakaniifi miidhagina alaan mullatturratti hundaa'an qabxii ittiin murteessan ta'uun hafeera.

Miidhaginni keessaa ykn nameenyaatu caalaa miidhaginaatiif murteessaadha jedhameera.

Uffannaan alkanii/kittaan ykn gaawoniin yeroo dorgoman uffataa turanis hafee, dorgomtoonni kan isaanitti toluufi sirriitti nameenyaa isaaanii akkasumas istaayilii dhuunfaa isaanii ibsachuu isaan dandeessisu uffachuu danda'u.

Oduu kana kan yeroo jalqabaa oduu Ganamaa ABC Ameerikarratti dhageessifte shamarree kanaan dura dorgommii miidhaginaa mo'ate Gireecheen Kaarson jedhamtudha.

"Nuti kanaan booda kaadhimamtoota dorgomtoota keenya waan alaan isaanirratti arginuun ykn dhaabbii karaa alaatiin hin madaallu," jetti.

"Nuti ammaan booda na argi na argii irra keessaan hin murteessinu," jetti Kaarson.

"Amma dorgommii dhugaa nameenyaa adeemsifna."

Uffata keessaa kan yeroo bishaan daakan uffatanin dorgomsiisuurra, gaaffiifi deebii dorgomttoonni waa'ee hawwiifi kennaa, dandeettiifi hubannaa isaanii ittiin gaafataman ta'a ga'een 'Miss America'.

Kaarson akka ibsitutti: "Shamarran hedduu dorgommicharratti hirmaachuuf fedha qaban garuu 'kophee koomee rarrraatuufi uffata keessaan garuu waltajiittii ba'uu' jedhu". Kanaaf, kaanaan booda waanti hojjetamuu qabu ifaadha.

"Namni aangeffamuu hin barbaanne jiraa? Kanaaf, dandeettii gaggeessumaafi ogummaa kollejjiif kaffalanii barachuun of ga'oomsuuti caala. Akkaataa beekumsaafi ogummaatiin nameenyaa ofiifi keessoo ofii addunyaatti agarsiisuudha."

Kaarson itti dabaluun: "Kun karaa nuti ittiin dorgomtootaaf qabxii ittiin kenninudha ammaan booda" jetti.

Ameerikaatti dorgommii miidhaginaa kanaan dura turerratti kanneen mo'atan akka bifaafi fedhii saalqunamtiif malee dandeettii sammuu ykn kabaja nameenyaa hin qabnetti ilaalamaa turan.

Kaarson kun hafuu qaba jechuun haamleedhaan hojjechaa jirti.