Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Raayyaan Ittisa Biyyaa gara Maqalee qajeeluun ibsame

Raayyaan Itoophiyaa humna addaa naannoo Tigraay irra - aanuun bakkeewwan hedduu to'atee magaalaa guddoo naannichaa Maqaleetti qajeelaa akka jiru ibse.

Odeeffannoon mootummaarraa argame akka agarsiisutti, yeroo ammaa Raayyaan Ittisa Biyyaa gara Maqalee osoo qajeelaa jiru kanatti humnoonni TPLF ''gama hundaan riqichoota afur daandii gara Maqalee geessurra jiran jigsaniiru,'' jedheera

Giddugalli odeeffannoo labsii muddamaa odeeffannoo gama mootummaa federaalaan bahan ibsu akka himetti, bakkeewwan Bahaafi Lixaatti raayyaan ''injifannoo murteessaa galmesseera.''

Sababa kanaanis, raayyaan gama Bahaan Carcar, Gugguftoofi Mahonii dabalatee, bakkeewwan Raayyaa guutummaatti to'achuun gara Maqalee qajeelaa akka jiru ibseera.

Dabalataan, gama Lixaan Addi Nabriidiifi Addi Daa'irotti dahoo ciccimoo turan jigsuun, Shiree to'annoo jala oolchuun gara Aksuum imalaa akka jiru beeksise.

Raayyaan Ittisa Biyyaa bakkeewwan kanneenitti lola taasifameen meeshaawwan hedduu to'atamuu ibsuun, miseensonni humna addaa Tigraay to'atamuus ibse.

Pirezidantiin naannichaa Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'elis raayyaan Ittisaa Shireefi Raayyaa to'achuu isaanii miidiyaa DW irratti ibsa kennaniin mirkaneessaniiru.

Dabaluunis ''Milkaa'inni isaanii kun kan yerooti, bakka deeman hundatti ni injifanna,'' jechuun dubbatan.

Dabalataan, magaalaa Shireetti haleellaa qilleensaa raawwate jechuun dubbataniiru. Haleellaa qilleensaa jedhani kanaan namoonni nagaa miidhamuun hin ibsamne.

Humni 'weeraraa' ittiin jedhan kuni ummata 'dhamaasaa' jira kan jedhan bulchaan naannichaa mootummaa federaalaan ajajni hidhaa itti bahe kuni, 'weerarichi ummata Tigraay irratti raawwate' jechuun himatu.

Faallaan qondaaltonni mootummaa federaalaa ummata osoo hin taane 'qondaaltota TPLF biyya jeequ' jedhaniifi ajaja hidhaa itti baasan to'annoo seeraa jala galchuuf akka oppireeshinii eegalan irra - deddeebiin ibsu.

Dr Dabratsiyoon dargaggootaan 'ka'aa imala keessan danquuf ka'ani' jechuunis dubbatan. Deeggarsa waamanii nu lolaa jiru jechuun kan himatan Dr Dabratsiyoon, 'dargii hin caalani, isaan injifanna' jechuun dubbatanillee.

Giddugalli odeeffannoo Labsii Muddamaa dabalataan magaalli Shiree raayyaan to'atamuu ibsuun daandiin asfaaltii Aksumiifi Shiree gidduu jiru ''giredariin qotamee gara bollaatti jijjiirameera,'' jechuun ibse.

Mootummaa federaalaafi humnoota addaa naannoo Tigraay gidduu lolli erga eegalee naannoo Tigraay keessa tajaajilli telekoomii waan adda citeef odeeffannoo bal'inaan argachuun rakkisaa ta'eera.

Hanga yoonaa gama TPLF'n dhimmi Raayyaan Maqaleetti imaluurratti wanti jedhame jiraachuu baatus, kana dura ibsa irra deddeebbiin baasen haleellaa mootummaa federaalaan natti baname jedhe akka ofirraa ittisu ibsuun ni yaadatama.

Mootummaan federaalaa waldhibdee TPLF waliin qabu hammaate gara lolaa kan deeme, buufata waraanaa raayyaa naannicha argamuurratti haleellaan raawwatun erga ibsameefi MM Abiy tarkaanfii waraanaa ''seera kabachiisuu'' jedhan fudhachuu erga eegale boodadha.

MM Abiy Ahimad naannoo Tigraayitti hiriiranii kan lolaa jiran, humnoonni addaafi milishaan nagaan harka isaanii Raayyaa ittisaa biyyaaf akka kennan guyyoota sadii kennuu ibsanii turan.

Guyyoonni sadan kuni kaleessa xumuramuu ibsuun ''guyyoota itti aanan tarkaanfiin xumuraa seera kabachiisuu humnoota Tigraay jiran irratti ni fudhatama,'' jechuun isaanii ni yaadatama.