Filannoo tokkoon dhugaa dhokate baasuun hin danda'amu jedhan Obaamaan

Ameerikaan aadaa ''jaanjoo tiyoorii shiraa (crazy conspiracy theory)'' keessaa ba'uuf hojii guddaatu irraa eegama jedhan Baraak Obaamaan gaaffii fi deebii addatti BBC waliin taasisaniin.

Pirezidaantiin duraanii US kun aadaan shiraan walqoqqooduu Ameerikaa keessatti yaaddoo uumaa jiraachuu erga dhugaa bahanii booda inumaa bara bulchiinsa Doonaald Tiraamp ammoo daranuu itti caale jedhan.

Injifannoon Joo Baayidan qoqqoodamiinsa uumameef furmaata kaa'uun Ameerikaa iddoo duraatti deebisuuf tarkaanfii jalqabaa ta'us garuu filannoo marsaa tokkoon rakkoo waggootaaf kuufame furuun ni ulfaata jedhan.

Hawaasa sabaan walqoodee qarqara lamaanirra jiru walitti deebisuun hojii warra siyaasa oofan qofaan hojjetamu osoo hin taane caasaan iddoo hundatti ijaarame jijjiiramu qaba, inni guddaan ammoo hawaasi wal-dhaggeeffachuu fi wal-kabajuu qaba jechuun gorsan Obaamaan.

Lammiileen Ameerikaa fi qaamoleen siyaasaa miiraan walitti wacanii wal-qoqqooduurra, dursa ragaa qabatamaa irratti hundaa'uun ilaafi ilaameedhaan waliin dubbachuu qabu jedhan.

Dhaloota itti aanurraa abdii qabaachuu kan ibsan Obaamaan, ''Addunyaan jijjiirama keessa galaa jirti. Dargaggoonni sammuu qaroo amma duubaan dhufaa jiranis qaama jijjiirama kanaa ni ta'u jedheen abdadha. Abdii kutannaarraa gara abdii horachuutti ce'uu qabu'' jedhan.

Ameerikaa keessatti qoqqoodiinsi akkamiin hammaate?

Maqaa dimokiraasii ammayyaan kan beekamtu Ameerikaan magaalaa fi baadiyyaa, dhimma godaantotaa, haqaa fi dhimmoota biroo irratti yaadonni qoqqoodamiinsaa erga calaqqisuu eegalanii bubbulaniiru.

Wal-qoqqoodiinsa xaxaa fi shiraan guutame kanaan ''Jaanjoo tiyoorii Shiraa'' ittiin jedhu namoonni.

Miiraan deemuu fi dhugaa qabatamaarratti hundaa'anii ilaa fi ilaameen waliin dubbachuu dhabuun kun biyyattii keessatti dhugaan akka samu(shamu) 'truth decay' daandii saaqeera jedhan Pirezidaantiin duraanii US Baraak Obaamaan.

''Battala kanatti qoqqoodamnee jirra. Haalli qoqqoodiinsaa amma jiru kan bara 2007 keeesa wayitan yeroo jalqabaaf pirezidaantummaaf dorgome ture irra daran kan hammaateedha'' jedhan.

Akka Baraak Obaamaan jedhanitti qoqqoodiinsa kana kan hammeessan Pirezidanti Doonaald Tiraamp, isaaniis siyaasa isaaniif dhimma itti ba'uuf jedhanii seenaa xuraa'aa kana kaa'aniiru jechuun qeeqan Obaamaan.

Dhimmi biraan addaddumaa Ameerikaa keessatti hammeesse ammoo odeeffannoo dogoggorsiisoo miidiyaa hawaasummaarratti oofamaniidha jedhan Obaamaan.

Odeeffannoo miidiyaa hawaasummaarratti kumaa kitilaan gadi dhiifamaa oolu, dhugaa fi soba ta'uusaa osoo hin mirkaneeffatin miiraan jala deemuu fi gara hojiitti geeddaruutu Ameerikaa rakkoo kana keessa buuse jedhan Obaamaan.

Waa'ee 'Black Lives Matter' fi dorgommii irratti

Seenaa pirezidaantummaa Ameerikaa keessatti nama gurraacha jalqabaa ta'uun seenaa kan hojjetan Baaraak Obaamaan, dhimmi sanyummaa qoqqoodamiinsa Ameerikaa keessatti uumamaa jiruuf ga'ee olaanaa gumaacheera jedhan.

Ajjeechaa nama gurraachaa Joorji Filooyid hordofee miirri hawaasa US, US qofa osoo hin taane kan hawaasa addunyaa maraa addaddummaa fi qoqqoodamiinsi akka hundee jabeeffatu godheera.

''Ajeechaa Joorji Filooyid mormuun hiriira kan ba'aa turan hawaasa sanyii garaagaraa ta'uun waan bareedaadha, garuu deebiin gama haqaan kennameef akka kan warra kaanii hin turre'' jedhan Obaamaan.

Yeroo dhiyoo as ajjeechaa suukanneessaan namoota sanyii garaagaraa (adii fi gurraacha) irratti raawwataa jiraachuu kan taajjaban Obaamaan, kun ammoo daranuu qoqqoodamiinsa hamaa kan fiduudha jedhan.