Filannoo Ameerikaa: Tiraamp Baayidan injifate jedhan garuu bu'aa filannoo fudhachuu didan

Pirezidant Donaald Tiraamp yeroo jalqabaaf morkataan isaanii Jooy Baayidan filannoo Ameerikaa akka injifatan dubbatan, garuu ammallee bu'aa filannoo akka hin fudhanne beeksisan.

''Injifate, sababni isaas filannoon waan waliin dhahameefi,'' jedhan pirezidantiin paartii Rippablikaanaa bakka bu'uun morkatanii turan, Donaald Tiraamp.

Tiraamp kana kan jedhan barreeffama tiwiitara isaaniirratti barreessaniini. Ragaa osoo hin dhiheessin filannoon waliin dhahamuullee ibsan.

Kana barreessanii sa'aatii tokko booda garuu bu'aa filannoo akka hin fudhanne ibsan.

Tiraamp bulchiinsota yookiin isteetiiwwan US murteessoo ta'anitti filannoon waliin dhahame jechuun himata bananiiru. Ta'us, ragaan dhihaate hin jiru.

Himannaan amma dura banan hundaan irra hin aanne.

Gaafa Jimaataa qondaaltonni filannoo US sagaleen kenname ''seenaa Ameerikaa keessatti akkaan of eeggannoon taasifamedha'' jedhanii turan.

''Sagaleen haqame yookiin bade, sagaleen jijjiirame yookiin kan biraa hin jiru,'' jechuun ibsan.

Yeroo ammaa Baayidan filannoo injifataniiru. Garuu, muudamni isaanii ji'a lama booda baatii Amajjii keessa.

Dimookiraatonni sagalee 306 argataniiru. Kunis, sagalee injifachuuf barbaachisu, 270, fagootti waan caaluuf himanni seeraa kamuu bu'aa filannoo xumuraa lafatti hambisuu hin danda'u.

Ta'us, ammallee Tiraamp injifannoo Baayidan hin fudhanne.

Ibsa gaafa Jimaataa kennaniin, Tiraamp yeroo itti aanu bulchiinsi kam aangoorra akka bahu ''eenyutu beeka'' jechuun dubbatan.

Mo'amuu isaanii fudhachuu dhabuun humna mootummaan US lakkoofsa namoota Covid-19'n qabamaniifi dabalaa jiru ittisuurratti, yaaddoo uumeera.

Tiraamp bu'aa filannoo fudhachuutti dhihaatan jechaadhaa?

Gaazexessaan BBC Waashingitan DC irraa gabaasu Wil Giraant dubbii Tiraamp jalqabaan deeggartoonni Baayidan akka Tiraamp injifatamuu isaanii ifatti labsanitti fudhatan jedha.

Garuu, kana miti jechuun ibsa.

Tiraamp, ''injifate'' jechuun jalqaba erga dubbatanii booda deebi'anii sababni isaas ''taajjabdoonni taajjabuuf hin eeyyamamnef'' jechuun dubbii ragaa hin qabne dubbatani jechun hima.

Erga Baayidan injifate jedhanii sa'aatii muraasa booda Tiraamp 'kan inni mo'e ija miidiyaa sobaatiini, harka hin kennu' jechuun barreessan.

Ta'us Tiraamp osoollee Baayidan injifateera, ani mo'ameera jedhan pirezidantummaan isaanii Amajjii 20 hin taru.