Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo waliin dhahuun himatame Pirezidantiin Tanzaaniyaa Maagufulii irra - aanan
Pirezidantiin Taanzaaniyaa Joon Maagufuli yeroo lammataaf filannoo waliigalaa biyya isaanitti taasifame irra – aanan.
Filannoo kana paartiin mormituu waliin dhahameera jechuun himateera.
Morkataan ijoo Maagufulii, Tunduu Lissu, gaafa Roobii filannoon taasifame bakka buutonni paartii isaanii buufata filannoo seenuu dhorkamuu himan.
Komishiniin filannoo biyyaalessaa biyyattii garuu himannaa kana balaaleeffateera. Bu’aa filannoo waligalaa ibsameen Maagufuliin sagalee 84% yoo argatan, Obbo Lissuun immoo 13% argatan jedhe komishinichi.
Jilli filannoo kana taajjabuuf Hawaasa Bahaa Afrikaarraa qooda fudhate gaafa Jimaataa akka ibsetti filannoon ‘sirrummaan taasifame’.
Gaafa Kamisaa, bakka bu’aan paartii Chadema Obbo Lissuun sagalee filannoo kana hin fudhu jedhaniiru.
‘Sagaleen kenname seera Taanzaaniyaanis ta’e seera idil –addunyaan filannoo miti.
Namoota muraasatu aangoo mootummaatti fayyadamee aangoorra turuuf murteesse,’ jechuun hime.
Bakka buutonni paartii isaa bakka hin jirretti sagaleen waliin dhahame jechuun himan.
Imbaasiin Taanzaaniyaa Daar es Salaam jiru ’rakkoowwan tokko tokko mudataniifi olaantummaan qaamni tokko irra aanuun bu’aa filannoo irratti shakkii uuma,’ jedhe.
Komishinii Filannoo Biyyaalessaa kan hogganan Semistolees Kaayijage waraqaan sobaa sagaleen itti kennamu raabsameera himannaa jedhu soba jechuun balaaleeffataniiru.
Taanzaaniyaan ala kanneen odoloota Zaanzibaar irratti jiraatanis filannoo gaggeessaniiru.
Mormitoonni maal jedhan?
Paartileen Chadema fi ACT-Wazalendo jedhaman ibsa waloon kennaniin Wiixataa jalqabee ummanni akka mormuuf waamicha taasisaniiru.
Filannoo gaafa Roobii taasifameen Pirezidantiin biyyattii Joon Maagufuli irra - deebiin akka injifatan komishiniin filannoo biyyattii ibsee ture.
Haa ta'u malee, paartileen mormituu filannoon waliin dhahameera jechuun himatu.
Paartin Chaademaa bakka buutonni paartii isaanii buufatawwan filannoo akka hin seenne dhorkamaniiru jedha.
Dura taa'aan paartichaa Firiman Mibowee ''atattamaan filannoon kan biraa akka taasifamu gaafanna'' jechuun dubbatan.
''Hanga gaaffiin keenya guutamutti hiriira nagaa biyyattii guututti akka taasifamu waamicha taasifna,'' jedhan.