Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiileen Taanzaaniyaa filannoo waliigalaaf sagalee kennan
Gabaasaalee uggura intarneetii biyyaalessaafi to'annoo jala ooluu qondaala paartii mormituun booda, filmaata waliigalaa Taanzaaniyaaf sagalee kennuun xumuran.
Filattoonni sagalee kennuu kan danda'an haga sa'aatii biyyattii 10:00tti yookaan (13:00 GMT)tti.
Bu'aan filannichaas torbee tokko keessatti akka baramu eegama.
Pireezidantiin amma aangoorra jiran Joon Maagufuulii, paartiin isaanii Chama Cha Mapenduzi (CCM), eegii Taanzaaniyaan bilisummaa argattee bara 1961rraa eegalee biyya bulchaa jira.
Pireezidantichi marroo lammaffaaf filannoo irra aanuu kan fedhan wayita tahu, morkataan isaanii inni cimaan, paartii Chadema irraa kan tahan, Tunduu Lissuudha.
Aabba Tunduu ganna sadiin dura ajjeechaa jala nama lubbuun hafanidha. Beeljiyeemitti madaa rasaasni irraan gahe wal'aanamaa turuun Waxabajjii keessa gara biyyaa deebiyan.
Waliigalatti kaadhimamtoonni 15 pireezidaantummaaf dorgommaa jiru.
Kanneen keessaas ministeera dhimmaa alaafi waahila Aabba Maagufulii kan turan Bernard Membee isaan tokkodha. Namni kun paartii biyya bulchu keessaa bahuun, paartii ACT Wazalendo jedhamu hoogganu.
Gaazexeessaan BBC Dar es Salaamb argamu Athuman Mtulya waan jedhe, Maagufulii fi Lisuun lachan isaanuu wayita na filadhaaf duulan, nama baayyeetu bahaa ture.
Duulli Tunduu Lissuu garuu gidduutti guyyoota torbaaf addaan citee ture. Sababni isaas komishiniin filannoo biyyaattii fincila kakaaste jechuun himatan.
Duulicharratti Maagufuuliin filannicha burjaajeessuuf deema jechuusaanitu dubbii kana fide. Komishinichi garuu wanti akkasii tasumaa hinjiru jedhe.
Akka seera filmaataa Taanzaaniyaatti, kaadhimamaan tokko injifachuuf lakkoofsa irra caalu argachuu qaba.
Namoonni miiliyoona 29.1 tahan filannoo guyyaa Roobiif kan galmaayan yoo tahu, kunis lakkoofsa filannoo 2015 irraa miiliyoona jahaan caala.
Lakkoofsi kunis kanneen odola Zaanzibaaritti kanneen filatan dabalata. Filattoonni odolichaa filannoo biyyaaleessaaf kan sagalee kennan yoo tahu, dabalataan garuu Pireezidantii Zaanzibaaris ni filatu.
Zaanzibaaritti maaltu uumame?
Haala Taanzaaniyaa irraa adda ta'een, Odola Zaanzibaaritti paartiin mormituu gurra guddaa qabu ACT Wazalendo jedhamudha. Akka gabasaaleen eeranitti, gaggeessaan paartichaa guyyaa Kibxataa qabamuun, boodarra gadhiifameera.
Poolisiin garuu to'annoo jala ooluu Maalim Seif Sharif irratti wanti jedhe hinjiru. Kana malees gabaasaalee poolisoonni namoota sadii dhukaasanii ajjeesaniiru jedhanis haalaniiru.
Zaanzibaaritti bu'aa filannoorratti yeroo hedduu waldhabu. Bara 2015tti bu'aan filannoo, haqa-qabeessafi bilisa miti jedhamuun haqameera.
Paartiin mormituus murtee kana mormuun irra deebiin filannoo hin hirmaadhu jechuun hafan. Kanaanis kaadhimamaan paartii biyya bulchu CCM, injifatan.