Komishiniin Araaraafi Nagaa maal hojjataa jiraa?

Komishiniin Araaraafi Nagaa Itoophiyaa walitti bu'liinsawwan kutaalee biyyattii garaagaraatti mudatan 21 qorachaa akka jiru ibsa miidiyaaleef kenneen beeksise.

Haata'u malee, rakkoon mootummaa Federaalaafi mootummaa naannoo Tigraay gidduutti uumame furuu akka isa hin ilaallanneefi gahee isaa akk hin taane himeera Komishinichi.

Dura teessuu itti-aantuun komishinichaa Aadde Yatnabbarsh Nugusee, "hojii walitti bu'iinsawwan waqtii ammaa kunneen adda baasuu hojjenneera.

''Kunneen keessaayis bifa saamuudaan filachuun akkamiin hiikuu dandeenya kan jedhuf xiinxala walitti bu'iinsaa hojjechaa jirra" jechuun dubbatan.

Walitti bu'iinsawwan araarafi nagaaf gufuu ta'u jedhaman 21 kun naannolee biyyattii gaaraagaraa keessatti kan mudatan ta'uunis himameera.

Waldhabdeewwan kunneen keessaa tokko tokko ammallee deebi'anii mudachaa badiinsa lubbuun namaaf sababa ta'aa akka jiran kan himan Aadde Yatnabbarsh, yeroo ji'a tokko keessatti jaarsolii biyyaa kutaalee biyyattii garaagaraa irraa dhufan walin akka irratti mari'atamu himan.

Dhimma mootummaa Federaalaafi naannoo Tigraay…

Hojiin araaraaf nagaa hojii ummattoota gidduuttii hojjetamu akka ta'e kan himan dura taa'aan Komishinii Araaraa fi Nagaa Itoophiyaa Kaardinaal Birhaanayasuus Suraafel, gaaffii waldhabdee mootummaa federaalaa fi Naannoo Tigraay gidduu jiru ilaalchisee gaafatamaniiru.

"Gara naannolee deemnee [akka jaarsa biyyaatti komishinicha osoo bakka hin bu'in] wayita haasofsiisnetti hooggansi naannichaa 'nuyi mariidhaaf qophiidha' nun jedhu. Waltajjii qopheesinee mari'adhaa yeroo jennu immoo haldureewwan tokko tokko kaa'uutu jira" jechuun deebisan.

Kunis tumsa komishinichi araaraaf nagaa buusuuf taasisuuf gufuu ta'uu isaa himan.

Gama biraatin, "itti-gaafatamni keenya inni ijoon waldhabdeefi miidhaawwan darban irratti xiyyeeffachuun, miirawwan waldhabdee kunneenin miidhaman yaalun waa'ee boruu yaada akka maddisiisuudha.

Waldhabdee mootummaa Federaalaafi naannoo Tigraay gidduu jiru ilaalchisee nuyif mootummootni lachuu mootummoota fudhatama qabanidha," jedhan Aadde Yatnabarsh,.

"Rakkoon mootummaa federaalaa fi naannoo gidduutti yeroo uumamu furuun gahee Komishinii Araaraaf Nagaa miti" jechuunis waldhabdee mootummaa federaalaa fi Naannoo Tigraay gidduu jiru furuun gahee komishinichaa akka hin taane himan.

"Akka komishinii bilisaatti kan gochuu dandeenyu tasgabbaa'anii akka walin dubbatan gaafachuufi isaan mariisisuuf qaamni bilisaa yoo barbaachise isaan qophii ta'uu keenya qaama ilaallatuf beeksisneerra" jechuunis Aadde Yatnabarsh Nugusee himaniiru.

Qaamolen lamaan mari'achuuf fedhii yoo qabaatan garuu araarsuuf qophii ta'uu isaanis dubbataniiru.

Dhimmoota biroo…

Biyyattii keessatti haalawwan barbaachisummaa araaraaf nagaa agarsiisan jiraatanis dhabamuun nageenyaa hojii isaaniif rakkoo ta'uu kan himan dura teessuu itti aantuun Komishinii Araaraaf Nagaa Itoophiyaa Yatnabbarsh, mootummaan nageenya guyya guyyaa lammiilee eegsisuu akka qabu himan.

Bara kana paartii aangoorra jiru dabalatee paartilee siyaasaa garaagaraa walin mari'achuu isaanii himan Aadde Yatnabbarsh.

Dargaggoota waliinis hojjechaa turuu isaaniifi ji'oota itti aananittis fooramii dargaggoota araarsitoota Itoophiyaa (tola ooltota) hundessuuf qophii xumuruu isaanis dubbatan.

Gahee dubartootni araara keessatti qaban guddisuufis waltajjii haawwan tola ooltoota araaraa Itoophiyaa hundeessuf qophaa'uu isaaniis himan.

Gama biraatin komishinichaaf yeroon qophii ifatti kennameef jiraachuu dhabuufi karoorri kallattii hojii komishinichaa mootummaas ta'e qaama biraatin qophaa'e jiraachuu dhabuun hojii komishinichaa harkifataa taasisuunsaa himameera.

Komishiniin Araaraaf Nagaa Itoophiyaa 'uumattoota Itoophiyaa gidduutti nagaa, haqni, tokkummaa fi waliigalteen biyyaalessaa akkasumas araarri akka bu'u' hojjechuu kaayyeeffatee bara 2011 ture kan hundeeffame.