Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jappaan bishaan keemikaalaan summaa'e galaanatti gadi dhiisuuf
Jappaan keemikaala summaa'aa dhaabbata oomisha niwukilaraa Fukushimaa, kan yeroo ammaa diigamee jiru, keessatti kuufamee jiru galaanatti gadi dhiisuuf.
Bara 2011 balaa sunaamiitiin kan barbadaa'e buufati niwukilaraa kun, erganni faayidaan ala ta'ee keemikaala isa keessa jiru akkaataan ittiin dhabamsiifamu ijoo marii biyyattii ture.
Bishaanni summaa'aan kun oomisha niwukilaraa kana ittiin qabbaneessuuf kan oolaa turedha.
Gareen eegumsa nannoo fi misooma qurxummii yaada kanaan faallaa yoo dhaabbatan, saayintistoonni hedduun garuu balaan inni fidu hamaa miti jedhu.
Mootummaan gamasaatiin ammallee murtoo isa dhumaarra hin geenye jedha.
Bishaan summaa'aan toonii miiliyoona tokkotti tilmaamamu kun jalqaba bara 2022 irraa eegalee gadi dhiifama jechuun miidiyaan biyyattii gabaasaniiru.
Bishaanni kun, hammi summii isaa keessaa hir'atee erga balaa hamaa geessisuu dhabuunsaa mirkanaa'een booda gadi dhiifama jedha gabaasi barruu(gaazexaa) Jappaan, Yomiuri Shimbun.
Kuufamni keemikaala summaa'aa harka 40n erga bishaan kana keessaa hir'atee booda galaanatti naqama jechuun barruun kun gabaaseera.
Ministirri Indastirii Jappaan Hiroshi Kajiyama, bishaan kana dhabamsiisuurratti hanga ammaa murteen dhumaa hin dabarre, garuu waa murteessuun hin hafu jedhan.
Bara 2011 Fukushiimaa maaltu mudate?
Bitootessa 11 bara 2011 kirkirri lafaa magniitiyuudii 9.0 ta'e qarqara galaanaa Kaaba-baha Jappaan mudachuun, sunaamii hamaa meetira 15 ta'e uume.
Buufati niwukilaraa Fukushimaa balaa kirkira lafaa dandamachuu danda'us, sunaamii hamaa garuu dandamachuu hin dandeenye.
Keemikaalonni summaa'oon wayita dhangala'uu eegalan buufati niwukilaraa kun garmalee baqee bade.
Erga bara 1986 buufata niwukilaraa Chornobyl balaa walfakkaataan mudatee as kun isa hamaadha.
Balaa kirkira lafaa fi sunaamii sanaan namoonni 18,500 caalan du'anii, 160,000 ol ammo qe'eesaaniirraa buqqa'aniiru.