Dhohinsa Beerut: Waa'ee dhoohinsichaa hanga ammaatti maal beekna?

Dhohinsa Beerutitti mudatee lubbuu namoota 135 dabarseefi 5,000 ol akka madaa’an taasiseen booda hojjattoonni lubbuu baraaruuf hojjattan bakka dhohinsi sun mudatetti ammallee naamoota lubbuun hafan barbaadaa jiru.

Wantoonni hamma ammatti beeknu kunooti.

Maaltu uumame?

Jalqabarratti bakka odolaasanitti naannoo sa’aatii 12:00’tti ibidda xiqqaafi dhohinsatu ture. Namoonni bakkicha turan sagalee richiitii (fireworks) fakkaatutu ture jedhan.

Viidiyoon miidiyaa hawaasummaarratti maxxanfame haarri man-kuusaa keessaa bahu ni mul’ata ture. Achii booda kan dhohinsi jabaan guutuu magaalattii raase.

Dhohinsi lammaffaan magaalaa namoonni miiliyoona lama keessa jiraatan kan barbadeesse. Hospitaaloonni yeroosuma ture kan miidhamtootaan guuttaman.

“Miidhaa guddaa argaa jirra,” jedhe hogganaan Waldaa Fannoo Diimaa Libaanan, Joorji Ketaani. “Miidhamtoonni bakka hunda jiru.”

Bulchaan Beerut Marwaan Abuud namoonni 300,000 manasaanii akka dhabaniifi miidhaan qabeenyaa doolaara biiliyoona 10-15 ta'u akka qaqqabe dubbataniiru.

Dhohinsi hammam guddaa ture?

Ogeeyyii hamma ammatti dhohinsi hammam guddaa akka ture ibsuu baatanis dhohinsi odolichatti mudate garuu foddaa Buufata Xiyyaaraa odolicharraa km9 fagaatee argamu caccabseera.

Dhohinischi biyya odolaa kan taatee Saayifirasitti dhagahamee ture. Biyyattii bakka dhoohinis mudaterraa km200 fagaatti. Dhohinsi kunis kirkira lafaa maagnitiyudii 3.3 walii qixa akka ta’e ogeeyyii kirkira lafaa Ameerikaa ibsaniiru.

Dhohinsa kanaaf maaltu sababa ta’e?

Pireezidaantii Libaanos Maayikil Ahuun kuusaa Amooniyem Naayitireetii toonii 2,750 waggootaaf osoo nageenyummaasaa hin eegamiin kuufamedha jedhan.

Amooniyem Naayitreetiin keemikaala jajjaboo bifa adii qabu kan warshaalee gurguddoo keessatti hojjetamuudha.

Faayidaan keemikaala kanaa irra jireessi xaa’oof ta’ullee, yeroo albuuda baasan dhohiiinsa uumuufis ni fayyada.

Boba'aa waliin walitti makamee albuuda baasuu keessatti dhohinsa uumuufi indaastirii ijaarsaa keessattillee ni fayyada. Asiin dura loltoonni boombii ittiin hojjatuufillee itti gargaaramu turan.

Ogeeyyiin akka jedhanitti Amooniyem Naayitireetiin yoo kuufamee taa’u hamma ta’e gaariidha.

Naannawwasaa wantoota gurguddoo keessa taanaan boosahuu jalqaba.

Amooniyem Naayitireetiin indaastiriiwwan keessatti du’a namootaatiif sababadha jedhamaa ture.

Bara 1947’tti Teeksas keesstti doonii Amooniyem Naayitireetii toonii 2,000 fe’ee ture dho'ee namoota 581 ajjeeseera.

Eenyutu itti gaafatama?

Pireezidaant Ahuun qorannoon ifa ta’e akka taasifamu waadaa galaniiru.

“Qorannoo taasisnee maaltu akka mudate erga adda baafne booda namoota maal na dhibdeen dhohinsa kanaaf sababa ta’an qorannee adabbii cimaa akka adabaman ni taasifna,” jedhan guyyaa Roobii yeroo buufata doonii miidhame daawwatanitti.

MM Hasan Diyaab sababni dhohinsa kanaa “fudhatama hin qabu” jedhan.

Hogganaa buuata doonichaa kan ta’an Hasan Koraayteem fi daayirektarri Gumuruka Libaanan Badirii Daheer balaa kuufamuu Amooniyem Naayitireetii geessisu hambisuuf waamichi isaan akka kuufamni kun ka’u gaafatan akka fudhatama hin arganne himu.

“Akka irra deebiin alatti ergamu gaafannus namni nu dhagahu hin jiru ture,” jechuun Obbo Daheer LBCI’tti himaniiru.

Ragaan miidiyaalee irra jiran akka agarsiisanitti qondaaltonni Gumuruk bara 2014-2017’tti kuufamni kun akka kaafamuuf yoo xiqqaate xalayaa jaha abbootii seeraatiif barreessuusaanii mul’isa.

Mootummaan qondaaltota buufata doonichaa kuufama Amooniyem Naayitireetii hordofaa turan hidhaa manaa keessa akka turan ajajaniiru.