Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiwiitarri fuula nama adiifi gurraacha akkamitti wal caalchise?
Tiwiitariin suuraa fuula nama gurraacharraa kan warra adiif loogu ta’uusaa erga fayyadamtoonni baranii booda dhaabbatichi dhimmicha qorachuutti ka’e.
Akka fayyadamtoonni jedhanitti, suuraaleen lama, tokko adii kaan ammo gurraacha godhamuun wal-bira yoo kaa’aman, Tiwiitariin yeroo baay'ee isa kan adii qofa mobaayila irratti akka mul’isudha.
Tiwiitar gama isaatiin dhimma sanyii irratti wanti kun osoo hojiirra hin oolin dura algorizimiin appilikeeshinichaa sakatta’ameera jedha.
"Garuu qorannoo biraa taasisuu akka qabnu ifaadhas," jedheera dabalataan.
Rifeensa fuularraa
Mormiin tibbanaa kan biraan ammoo kan ka’e wayita hogganaan yunivarsiitii Kooliin Maadlaandi Vaankuuvar irraa wal-ga’ii karaa aappii ‘Zoom’ jedhamuun geggeessaa turanitti mataan miiltoo isaa dhokataa jiraachuu wayita hubatettidha.
Edaa sooftiweerichi mataa namicha sanaa meeshaa bareedinaaf duuba kaa’amee (background) itti fakkaatee keessaa kutaa ture.
Obbo Maadlaandi dhimmicha gara Tiwiitar fidee wayita maxxansu, fuula ofii qofa arguutti ka’e, kan miiltoosaa dhokateera. Suuraa bakka wal-jijjiiree kaa’us omtuu hin jijjiiramu.
Argannoon isaa kunis fayyadamtoonni biroos wantoota kunneen akka hubatan isaan taasie:
· Suuraan dursaa Seeneetii US Miich MaakKoonel kan pirezidantii duraanii Baaraak Obaamaarra filatameera.
· Suuraan nama suufii adii man-kuusa huccuurraa fudhatame kan namichi gurraachi uffaterra filatameera.
Tiwiitaritti oofiisarri olaanaa diizaayinii Daantilii Deeviis akka yaalanatti ammoo, areeda fuula Aabba Maadlaandi fi manatsarrii isaanii eediit gochuun yoo ilaalan rakkoon sun akka hin mudanne himani.
Sababa kan jedhanis ‘‘halluu gogaa isaanii waliin wal-fakkeenya waan hin qabneefi’’.
Komii hawaasarraa isaanitti ka’eefis akkas jechuun ture deebii kan kennan: ‘‘Aarii keessan hunda anarratti akka tuultan nan beeka, garuu anis akkuma keessaniin dhimma kanaan dallanee jira.
''Ta’us iddoo waan kana sirreessuuf jirurran jira, nan sirreessas,’’ jedhani.
Itti dabaluunis, ‘‘Guutummaa guutuutti dogoggora keenya, namni biraan komatamuu hin qabus,’’ jedhaniiru.