Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa qoricha aadaa Afrikaa Covid-19 fayyisa jedhame yaaluuf murteesse

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) qorichoota aadaa Afrikaa Covid19 fayyisu jedhaman irrtti yaalii taasisuuf murteessee.

Qorichooti aadaa yoo saayinsiin deeggaraman qofa bu’aa qabeessa tahuu danda’u jedheera dhaabbatichi.

Yoo qorichooti aadaa kun akka hojjetan mirkanaa’e bal’inaan akka oomishaman taasisuun danda’ama.

Pirezidantiin Madagaaskaar qoricha aadaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa hin mirkanoofne Covid19 ni fayyisa jechuun namoonni akka fayyadaman jajjabeessaa turan.

Dhaabbatichi murtoon ammaa kun saayintistooti Afrikaa yaalii fi qorannoo barbaachisaa tahe akka raawwatan deeggaruufi gahoomsuufi jedhe.

Murtoon kun tibba namoonni koronaavaayirasiin qabaman miiliyoona 30 darbeefi kan lubbuun dhaban immoo 957,000 gahe kanatti beeksifame.

Afrikaa keessatti hanga yoonaa namoonni miiliyoona 1.3 dhukkubichaan yoo qabaman, 33,000 du’aniiru.

Talaalliiwwan 140 ol Covid19 fayyisu jedhaman qophaa’aati jiru, gariin immoo namoota irratti yaalamanii jiru.

Qorannoo jabeessuu

Kanuma biratti qorichoota aadaa Afrikaa sadiidhaaf yaalii sadarkaa sadaffaa irra akka gahaniif eeyyamameera.

Yaalii sadarkaa sadaffaa kanatti qorichi garee namoota bal’aa irratti yaalamee akka hojjetu baruuf tattaaffiin taasifama.

‘’Yaaliin qorichooti kunneen akka hojjetan mirkaneessuuf taasifamu fayyaa hirmaattota yaalii kanaa otoo hin miidhiin kan taasifamu dha,’’ jedhan hogganaan garee namoota qorannoo kana raawwatanii Prof Motaalepuulaa Giilbart Maatsaabiisaa.