Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaa Yaman hakiima tokkittiin dhukkubsattoota Covid-19 wal'aantu
Mgaalaa Yaman Adaniiitti hakimii takka malee hundinuu hospitaala keessaa baqataniiru. Yamaniitti erga weerarri Covid-19 mudatee kaasee, Magaalaa Adan keessatti hospitaalli tajaajila kennu tokko qofaatu argama.
Magaalaa Adan ammo namoota miliyoona ta'aniif bakka jireenyaati.
Hakiimoonni baay'een Covid-19n qabamna sodaa jedhuu fi hir'ina meeshaalee ittiin of ittisanii jirurraa ka'uun hospitaalicha keessaa baqataniiru.
Kanaafis Dr Zohaa qofatu dhukkubsattoota Covid-19 tajaajiluuf hayyamamtuu ta'uun hositaalicha keessatti hafe.
Erga Covid-19 Yamaniitti mudatee baatiiwwan jaha kan guute yoo ta'u, BBCn midiyaa idil addunyaa jalqabaa biyyattiin attamiin weeraricha to'ataa akka jirtuu gabaasuuf biyyattii keessatti argameedha.
Yaman magaalaan Adan wal waraansaan erga barbaddoofteen booda bakka hospitaalli gahaan hinjirreetti dhukkubni Covid-19 itti dabalame.
Akkuma weerarichii jabaataa dhufeen abbaan Abdulkaariim Obboo Aliin dhukkubsatan.
''Abbaan kiyyas waljalaan dadhabaa akka dhufanan hubadhe. Anif qufaadhuma barameen se'ee ture. Achiinis gara hospitaalaatti geessee'' jedha Abdulkaariim.
Erga X-ray kaasanii booda abbaan isaa infekshinii cimaa qabaachuufi kunuunsa wallaansa dhukkubsataa cimaaf taasifamu akka barbaachisu itti himan.
Haa ta'u malee, hospitaalli dhukkubbi akkasii waan hinsimanneef hakimichi achi akka hinturre itti hime. Tarii koronaavaayirasii ta'u danda'a jedhaniin.
Isaan boodas Abdulkariim abbaasaa hospitaaloota shan geessee. ''Garuu sababii sodaa dhukkubichaafi meeshaa gahaa waan hinqabneef jecha tokkoon isaanituu abbaasaa wal'aanu hindandeenyee'' jedha.
Hakimii takka malee hundinuu waan baqataniif hospitaaloonnis cufamaniiru.
Dr Zohaan hakimii dhukkubsattoota Covid-19 qabaman wal'aannuf qofaashee tole jettee hojiirratti hafteedha.
Abdurkariimis barbaacha toban tokkoon booda Dr Zohaa argate.
''Innis abbaansaa du'uuf akka jedhuufi ol galchu akka barbaadu natti hime. Asi sireenis oksijiniinis homtu hin jiruun jedheen,'' jetti haala ture yoo himtu Dr Zohaan.
''Innis baay'ee dadhabee afuura baafachu rakkataa ture. Ni iyya. Abdulkariim ammoo Dr maaloo abbaa kiyya gargaari! Jechaa ture. Anis tole ol seensisi jedheen maaskii oksijinii kaa'eef'' jetti Dr Zohaan.
Aliinis daqiiqaawwan 15n booda du'an.
Mootummaan Yaman rakkoo fayyaa mudateef qophiin taasisee homtu hinturree. Xiyyeeffannaan isaa waraana adda lamaa irra ture.
Mootummaan gama tokkoon waggoottan jahan darbaniif hidhattoota Huttii waliin karaa Kaabaatiin wal waraanaa jira. Gama biraatiin ammo humnoottii Emireetiin deegaramaniif Adaniin to'achuuf lolaniin wal waraanuurratti argama.
Weerarri koronaa babal'ates badiinsa lubbuu namoota hedduutiif sababa ta'e.
Gaasaan Ahimad, hojjataan lafa awwaalchaa ''wanti mudate kan barameen adda. Kan yeroo wal waraansaa caalaa'' jedha haala miidhaa qaqqabe yoo ibsu.
Osoo Covid-19 hin mudatiin dura, guyyaatti namoota gara 10 akka awwaalaman kan dubbatu Gaasaan, amma garuu baatii tokko keessatti reeffa 1,500 ol awwaalu isaa dubbata.
Booda keessa dhaabbanni Medicins Sans Frontiers jedhamu jidduugaluu eegale.
''Osoo MSF hindhufiin dura dhukkubsattoonni du'an bahu turan. Amma garuu muraasni fayyanii bahaa jiru. Garaagarummaa jannaataafi si'ool jirruu jiru fakkaataa ture'' jetti Dr Zohaan.
Waa'ee marsaa lammaffaa weerara Covid-19 wayitan dhagahuutti baay'een sodaadha jedha Abdulkaariim kan abbaasaa dhukkubichaan dhabe.
''Kan sodaatu ana qofaas miti, hundatu sodaata. Sababii biyya kana keessatti qaamni dhukkubicha to'atu hinjirreefiidha,'' jedha.
''Marsaa lammaaffan ni mudata taanaan ilma, intala, haadha warraafi obboolaa kiyyaafan sodaadha. Du'u danda'u ta'a.''
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras