Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jalqabbii hidha haaromsa guddicha Abbayyaa hanga bishaan guutamuutti
Taateewwan gurguddoo bara darbe Itoophiyaa keessatti raawwatan keessaa tokko hidha haaromsa guddicha yeroo jalqabaaf bishaan guutuudha. Marsaa duraan bishaan guutuun kunis wantoota seenaa qabeessaa ta'un galmeeffaman keessaa tokko.
Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Abbayyaa waggoota kudhanitti siquuf gaggeefamaa ture kunis gama Sudaaniifi Masrii irraa yeroo garaa garaatti mormiin irratti dhiyaachaa ture.
Hidha Afriikaatti isa guddicha ta'e kanarratti ammalleen Masriin gutummaatti waliigaluu diduun walgahii isa xumurraarra akka hingahamneef sababii adda addaa dhiyeessuun marichi akka adda cituu gochaa turtee jirti.
Itoophiyaa ALI bara 2003tti wayita Hidha kana ijaaruu eegaltee kaasee Masriin yaaddoofi mormii ishee karaawwan adda addaatii ibsaa har'a geesse.
Dhimma hidha Abbayyaa kanarrattis biyyoon sadan; Itoophiyaa, Sudaaniifi Masriin yeroo garaa garaatti marii taasisan illeen hanga ammaatti walgalteerra gahu hindandeenye.
Taateewwan Hidha Haaromsa Giddicha Abbayyaa yeroodhaan
ALI Bitooteessa 2003-Mootummaan Itoophiyaa ijaarsa hidha haaromsa guddicha Abbaayyaa isa Afriikaarraa guddaa jedhame beeksiise. Ebla keessas hojiin ijaarsa baatii doolaara biiliyoonotaan gaggeeffamu kanaa eegalame.
Baatii Caamsaa keessa ammoo Masriin, Sudaaniifi Itoophiyaan koree teknikaa dhimma hidhaa kanaarratti hundeessuun qorannoo gaggeessuu eegalan.
Fulbaana keessas motummaan Itoophiyaa ijaarsi hidha kanaa gahee bishaan Masrii irratti dhiibbaa akka hin qabaannee beeksiise.
Tibba dhimmicha irratti marii taasisuuf jilli Itoophiyaa Masirii Kaayiroo deemee tureettis MM Masrii hidhichi biyyota lamaanuu fayyadu akka danda'u himanii ture.
ALI Caamsaa 2004 -Miseensoonni koree tekinikaa biyyoota sadan irraa walitti babbahanis qaamolee oggeeyyii biyya alaa afur dabalachuun dhiibbaa hidhichaa qorachuu eegalan.
Bara 2005 Onkolooleessa keessa ammoo garee kun yeroo jalqabaatiif bakka hidhi kun itti ijaaramu deemuun daawwatan. Isaan bodas yeroo afuriif deemuun daawwataniiru.
ALI Caamsaa 2005- Itoophiyaan kallattii laga Abbayyaa geeddarte. Baatii Waxabajjiitti ammoo gareen oggeessotaa gabaasa dhumaa dhiyeessan. Itoophiyaafi Masriin ammoo hiika gabaasichaa irratti waliigalu dadhaban.
Pirezidaantiin Masrii Mohaamad Mursiin dhimma Hidha kanarratti yaadawwan ciccimoo gaggeessuu eegalan. Haasaafi mariiwwan yeroo garaa garaatti TV irratti taasisaniin humna fayyadamuu yaada jedhu irra deddeebiin wayita kaasan dhagahamu ture.
Masriin dhimmicha gara mana murtii idil addunyaatti akka geessituu dubbattulleen osuma baay'ee hinturiin ammoo yaada gareen oggeessootaa dhiyeessan hojiirra oolchuuf waliigaltee siyaasaafi teknikaa raawwattee.
Bara 2006 baatii Fuulbaana keessa wayita walgahiin UN Niiw Yoorkiitti gaggeeffameeti, walgahii byyoonni lamaan dhunfaatti gaggeeffataniin hidhiicharratti marii gaggeeffachuuf waliigalan.
Haaluma kanaanis ministiroonni bishaanii Suudaan, Masiriifi Itoophiyaa baatii Sadaasaafi Muddee keessa Kaartuum keessatti walgahuun yaadawwan oggeessoonni dhiyeessan hojiirra oolchuuf marii taasisaniiru.
Haa ta'u malee, walgahiiwwan kunneen waliigaltee tokko malee xumuraman.
Amajjii 2006 - Ministiroonni bishaanii Itoophiyaa, Sudaaniifi Masrii yeroo sadaffaa walgahan. Walgahicharratti waliigalteerra gahamuun waan dadhabameef kanaan booda walgahii godhachuu dhiisuuf waliigaluun adda bahame.
Baatii Guraandhalaa keessa ministiroonni bishaanii Itoophiyaafi Masrii qofti Finfinneetti walgahan illeen waliigalteerra osoo hingeenye adda bahan.
Baatii Eblaa keessa ammoo Itoophiyaan Masriin ejjannoo ishee geeddaruun gara marii biyyoota sadaniitti deebi'uuf gaaffii dhiyeessite.
Baatii Waxabajjiitti ammoo MM Itoophiyaafi kan Masrii walgahii Gamtaa Afriikaa Ikuwaatoriyaal Giiniitti gaggeeffamee ture irratti marii qofaatti gaggeessaniin koreen biyyoota sadanii deebiisee hojiisaa akka eegaluuf waliigalan.
Baatii Hagayyaa keessas ministiroonni biyyoota sadanii Kaartuum keessatti deebisanii wal arguun mari'atan.
Isaan boodas haaluma yaada oggeessootaan dhiyaateetti koreen miseensoota biyyoota sadan irraa babahan qabateefi dhaabbata idil-addunyaa walaba ta'een hoogganamu akka hundeeffamuuf waliigalan.
Fuulbaana 2007- Erga ministiroonni Suudaaniifi Masrii adeemsa ijaarsa hidhichaa daawwataniin booda Finfinneetti walgahii waliin taa'an.
Baatii Onkololeessaa keessa ammoo dhaabbata gorsaa idil-addunyaa walabaa kan qorannoo gaggeessu filachuuf Kaayirootti walgahii taasifatan.
Amajjii 2007 - Masriin hammi bishaan kuufachuu hidhichaa kubik meetira biiliyoon 74 ta'eefi ol ka'umsa isaa hinfudhadhu jette. Bitootteessatti ammoo walgahiin koree marsaa sadaffaan Kaartuummiitti gaggeeffame.
Achumarratti biyyoonni sadan waliigaltee dhimmoota sadarkaa akka qajeelfammaatti itti waliigalan irratti walii mallatteessan.
Baatiidhuma walfakkaatuutti ammoo Pirzidaantiin Masrii Mana Maree Bakka bu'oota Itoophiyaatti argamuun haasaa taasisan.
Ebla 2007 - Koreewwan biyyoota sadanii Finfinneetti argamuun qorsitoonni Awurooppaa qorannoo waliigalaa gaggeessan filatan.
Baatii Adooleessaatti ammoo marii miseensonni korichaa Kaayirootti gaggeesseen, yaada gorsaa marsaa jalqabaa gorsitoonni lamaan dhiyeessan xinxalan.
Sadaasa 2008 - Koreen biyyoota sadan Kaayirootti walgahan. Walgahicharrattis waajiraalee gorsiitoota Awuroppaa lamaan jidduu waldhabdeen umamuun dhagahame.
Muddee irratti ammoo koreen kun Kaartum irratti walgahuun waliigaltee waliin mallatteessan.
Haaluma waligaltichaatiinis hojii qorannoo hidhichaa waliigalaa waggaa tokko keessatti xumuruun bakka dhaabbata qorsuu irraa ofi baasee dhaabbata walabaa gara biraa filachuuf waliigalame.
Amajjii 2008- Pirezidantiin Masriifi MM Itoophiyaa Finfinneetti walarguun waliigaltee Kaartuum kabajuufi waliigalteerra gahuuf waliigalan.
Baatii Guraandhala keessa ammoo koreen biyyoota sadanii Kaartumiitti walgahuun dhiibbaa hidhichi Sudaaniifi Masrii irratti qabaatu ilaalchisee qorannoo dhaabbata gorsaa Faransaayiin gaggeeffame irratti gamaggama gaggeessan.
Fuulbaana 2009 - Biyyoonni sadanu yaada garee oggeessoota idil addunyaatiin dhiyaate hojiirra oolchuuf dhaabbata Faransaayi 'BRLI' jedhamu waliin waliigaltee mallatteessan.
Guraandhala 2009- Dhaabbileen gorsitoota Faransaayi lamaanu hidhicharratti gabaasa marsaa tokkoffaa dhiyeessan. Gabaasicha Masriin yoo fudhattu Itoophiyaafi Suudaan kuffisan.
Baatii Eblaa keessa ammoo Pirezidaantiin Masriifi MM Itoophiyaa Kaayirootti wal argan.
Isummarrattis pirezidaantiin Masrii waliigalteen Kaartumiitti mallatteeffame hojiirra oolfamuun hojiin guutuu hidhichaarratti waliigalteerra gahamu akka qabaatu ibsan.
Onkolooleessa 2010 - Koreen biyyoOta sadanii Kaayiirootti wal gahuun wal dhabdee yaada dhaabbilee Faransaayiin dhiyaate irratti marii taasisan.
Baatii Sadaasaa keessa ammoo korichi deebiisee Kaayirootti wal arguulleen waliigalteerra gahuu dadhaban. Baatiidhuma sanattis Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Masriin rakkina umaa jirti jechuun himate.
Amajji 2010 - Pirezidaantiin Masrii marii gaggeeffamaniin dhimmi abdii kennuu mullachaa jiraachu dhibuun kan isaan yaachise ta'u dubbachuun, Baankii Addunyaa dhimmicha keessa galchuuf yaada dhiyeessan.
Itoophiyaan ammoo yaada Masrii kana guttummaatti kufsite.
Baatiidhuma sana keessa biyyoonni sadan hidhicharratti walgahii waggaa gaggeeffachuun yeroo baatii tokkoo keessatti dhimma hidhichaan walqabate irratti fandii misooma bu'uuraa hundeessuun waajiraalee Haajaa Alaa biyyoota sadanii dabalatee koree hundeessuuf waliigalan.
Baatii Ebla irratti ammoo ministiroonni Haajaa Alaa, kan Bishaaniifi Itti-gaafatamtoonni nuageenyaa biyyoota sadanu Kaartumiitti walgahan. Haa ta'u malee, walgahichi osoo waan qabatamaarra hingahiin adda galan.
Baatii Caamsaarratti ammoo irra deebiin qaamoleedhumti kunneen Finfinneetti walgahii gaggeeffatan. Masriinis walgahichi bu'a qabeessa akka ture ibsite.
Baatii Waxabajii irratti ammoo MM Itoophiyaa Abiy Ahimda yeroo jalqabaatiif wayita Masrii dowwataniitti hidhi Abbayyaarratti ijaaramaa jiru gahee bishaan Masrii kan hin hubne ta'u dubbatan.
Fuulbaana 2011 - Masriin haala hidhichi bishaan bishaan guutamuurratti waliigaltee hin mallatteessu jette.
Amajjii 2011 - Sababii sochii mormii Sudaaniitti gaggeeffamaa tureetiin walqabatee mariin hidha Abbayyaa adda cituu Masriin beksiifte.
Baatii Adooleessaatti pirezidaantiin Masriifi Ministirri Haajaa Alaa itoophiyaa Kaayirootti walarguun marii biyyoota sadan jidduutti gaggeeffamu itti fufuuf waliigalan.
Fuulbaana 2012- Ministirri Haajaa Alaa Masrii marichi harkifachuunsaa akka isaan hingammachifne beeksisan.
Itoophiyaan ammo haala bishaan guutuu hdhichaarratti yaada Masriin dhiyeessite irra deebiin kuffisfte. Masriin ammoo gama isheetiin Itoophiyaan hojii hidhichaa akka hin eegalleef akeekkachiifte.
Baatii Onkolooleessatti ammo Waayiti Hawuus yeroo jalqabaatiif dhimma hidha haaromsa Guddichaa irratti ibsa baase.
Masriinis Ameerikaan akka dhimma hidhichaa keessa galtuuf gaafatte. Itoophiyaan ammoo waamicha Masrii mormite.
MM Itoophiyaa Abiy Ahimad haasaa Mana maree bakka bu'ootaa irratti taasisaniin, humni kamuu Itoophiyaan akka ijaarasa hidha hinraawwanneef ittisu akka hinjirre dubbatan.
Masriin ammo haasaa MM kana qeequun yaada Ameerikaa Waashingtaniitti mari'achuuf dhiyaate akka fudhttee dubbatte.
Biyyoonni lamaanis yaa'ii Rusiyaa-Afriikaa Soochiitti gaggeeffameerratti wal arguun marii biyyoota sadan jidduu eegaluuf waliigalan.
Baatii Sadaasatti ammoo giddugalumsa Ameerikaatiin marii haaraan eegale.
Ministiroonni bishaaniifi Haajaa Alaa biyyoota sadaniis Waashingitaniitti wal arguun marii erga taasisaniin booda, taajjabdummaa Ameeriikaafi Baankii Addunyaatiin mariin marsaa lammaaffaa Finfinneetti gaggeeffame.
Baatii Muddeetti koreen biyyoota sadanii Kaayirootti, Waashingitaniifi Kaartumiitti bakka Ameerikaafi Baankiin Addunyaa argamaniitti walgahiiwwan gaggeeffatan.
Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa walgahichi bu'a qabeessa akka tureefi Masriinis yaada akkaataa hidhichi bishaan guutamuurratti dhiyeessite kan dhiftee ta'u beeksisee. Masriin garuu lakkii hindhiifne jechuun beeksiifte.
Amajjii 2012 - Ministiroonni bishaaniifi Haajaa Alaa yeroo lamaaf Waashingtaniitti yoo wal arguun mari'atan, ministiroonni bishaanii biyyoota sadan ammoo al tokko qofaa Finfinneetti walargan.
Gareen dhimmoota teeknikaafi seeraa irratti hojjatu ammoo Kaartuum keessatti walgahan. Tibba kanattis Itoophiyaafi Masriin walgalteewwan irra gahameerratti ibsa walfaalleessu baasan.
Gareen tekiniikaafi seeraa akkasumas ministiroonni bishaaniifi Haajaa Alaa irra deebiin Waashingtaniitti mari'atan. Masriinis yaada haala bishaan gutuu hidhichaarratti jaarsummaa Ameerikaatiin dhiyaate fudhachuun mallatteessite.
Baatii Guraandhalaa keessa ammoo Ittigaafatamtoonni Raayyaa Ittisa Itoophiyaa haleellaa hidhicharratti aggaamaman kamiyyuu ittisuuf qophii ta'u beeksiise.
Ministirri Haajaa Alaa itoophiyaas Ameerikaan maricha irratti ejjannoo gara garee tokkoo deegaruu gaggeessusheetti komii qabaachu beeksiise.
Masriin gama isheetiin gara biyyoota Arabaa deemuun ejjannoo ishee akka deeggaraniif duula gaggeessite. Itoophiyaanis yaada Liigii Arabaatiin dhiyaatee hinfudhadhu jette.
Baatii Caamsaatti Masriin yaada hidha bishaan guutuu ilaalchisee Itophiyaan dhiyeessite akka hinfudhannee beeksiifte.
Itoophiyaan ammoo hojii ijaarsaafi bishaan guutuu hidhiichaatiif hayyamni Masrii akka hinbarbaachifne Mana maree Nageenya Motummoota Gamtoomaniitti xalayaa bareessite.
Masriin ammoo dursitee osoo biyyoonni lamaan walgahiirra hingahiin hojiin hidhicha bishaan guutuu akka hineegallee jechuun mana narichaatti xalayaa galfatee turte.
Manni Marichaa gama isaatiin waldhabdee karaa nagaatiin akka hiikkataniif yaada dhiyeesse.
Waxabajjii irratti ammoo xalayaa Suudaan mana maree Nageenya Motummaa Gamtoomanitiif barreessiteen, biyyoonni lamaan osoo marii hingaggeessiin murte kamu akka hindabarsineef gaaffatte.
Ruusiyaanis dhimmicharra jaarsuummaan galuuf yaada dhiyeessite turte. Itoophiyaa, Sudaaniifi Masriinis walitti fufiinsaan mariiwwan shan gaggeessan.
Masriin marichi abdii hinqabu yoo jettu, Itoophiyaan ammoo marichi bu'aa qabeessa kan hintaane sababii Masriitiin jechuun himatte.
Waxabajjii 26 irratti ammoo dura taa'aan Gamtaa Afriikaafi pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafosaan aanga'oota biyyoota sadanii waliin karaa viidiyootiin marii taasisan.
Torbanoota itti aanan lamaaniitti waliigalteerra gahuuf kan waliigalan yoo ta'u, Itoophiyaan ammoo bishaan guutuu hidhichaa torbanu itti aanan sana keessa kan jalqabdu ta'u ibsuun hojiicha raawwachuuf biyyoota kadhachu kan dhaabde ta'u beeksiifte.
Adooleessaa keessa ministirri Haajaa Alaa Masrii dhimma Hidha Haroomsa Guddichaarratti filmaata loltummaa kan hordofan ta'u beeksiisan.
Mariiwwan qindeessuummaa Gamtaa Afriikaatiin biyyoota sadan jidduutti gaggeeffamaa tures waliigaltee tokko malee xumurame.
Itti aansees midiyaaleen Itoophiyaa hidhi Haaromsa Guddicha Itoophiyaa bishaaniin gutamaa jiraachu ifa taasisuu eegalan. Midiyaalee biyyoota Arabaas odeessicha wal harkaa fudhan.
Masriin ammoo dhimmicha irratti motummaa Itoophiyaatiin ibsi akka kennamuuf gaafatte. Buufanni TV biyyaaleessaa odeessicha dursaan baasee tures sa'aatiiwwan muraasaan booda odeeffannicha fuula isaa irraa haqe.
Suudaan gama isheetiin hojiin bishaaniin guutuun eegalamee jedhamee kaasee bishaan kubiik meetira 90n hir'ina agarsiisuu dubbatte.
Itoophiyaan gama isheetiin haaluma bishaan rooba waqxii gannaa yeroo sanan tureetiin marsaan jalqabaa hidhichaa bishaan gutamee, lagichi haaluma duraatti dhangala'u eegalusaa beeksiifte.
Kunis ummattoota biyyatti biraatti akka injjiifannoof olaanaatti lakkaa'amuun gammachuu olaanaa uumeera.