Hidha Haaromsaa Itoophiyaa: Dhimma hidha laga Abbayyaa Itoophiyaa gammachiisee Masrii dheekkamsiise

Itoophiyaan rooba gannaa baranaa keessa hidha laga Abbayyaa irratti ijaartuu fi falmii guddaa kaasetti bishaan guutuu jalqabuun, biyyattii keessatti gammachuu uumuus, Masrii mufachiiseera jedha xiinxalaan Masrii Magdi Abdelhaadii BBC'f barreesse.

Biyyi kaaba Afrikaatti argamtu Masriin yaa’a laga Abbayyaa gara olirratti misoomni kamiyyuu akka hin dalagamne mormaa turte.

Sababni ijoon mormituuf amma bishaan argattuu hir’isa yaaddoo jedhurraa madda.

Kanaaf dhimma pirojektii Itoophiyaan lagicha irratti ijaartu akka biyyatti dhabamsiisuuf yaaddoo uumuuf deemutti kaafti.

Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa bara 2011 eegalame amma bishaan kuufachuu eegaleera. Hidhaan kun ganna kana bishaan Meetir kiyuubii biliyoona 4.9 waqtii gannaatti kuusuuf ijaarame.

Masriin garuu akkaataa qabiinsa hidha kanarratti dursa waliigaltee seera qabeessa osoo hin mallatteessiin bishaan hidhichatti guutuun jalqabamuu hin qabu jettee ejjannoo qabattetti cichite.

Hidhi annisaa elektirikii maddisiisu Afrikaatti isa guddaa ta’uuf deemu kun ganna 4-6 tti bishaan meetir kiyuubikii biiliyoona 74 gahu qabachuu danda'a jedhame yaadama.

Itoophiyaa, Masrii fi Sudaan biyyootni lagichi qaxxaamuru waggootaa dhimma lagicharratti mariyachaa turan, garuu ijaaarsi hidhicha akkasumatti itti fufe.

Bara 2015 waliigaltee miira waltumsuuf qajeelchuuf fayyada jedhan biyyoonni kun mallatteessan, Masriin garuu waligaltichi hanqina qaba jettee kaafti.

Waggoota dheeraaf Masriin sadarkaa idila-addunyaatti Ameerikaa fi Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii giddu seenanii dhimmicha akka ilaalan/taajjaban gaafataa turte.

Masriin karaa kanatti hin milkoofne.

Waliigaltee biyyoonni yaa’a olii pirojeektii guddaa akkasii wayita eegalan dursa biyyoota yaa’a gadii mariisisuu barbaachisa jedhu Itoophiyaan akka fudhattu Masriin dirqamsiisuu dadhabde.

Ammatti Masriin otoo hin mormiin fudhachuurra kan darbe, filannoo waan hin qabneef badiin caalu akka hin uumamne fudhachuuf dirqamte.

Garuu tarkaanfii humna waraanaa fudhachuu filannoo keessaas hin baafne.

Qondaaltoonni biyyattii garuu mariidhaan waldhabbii jiru hiikuuf kutannoo qabaachuu irra deddeebiin dubbachaa turan. Haa ta’u malee, jecha akeekkachiisa of keessa qabdu ''filannoon hundi dura keenya jira’' jedhu fayyadamuu hin dhiifne ture.

Waliigaluu yoo dadhabne tarkaanfii humnaas fudhachuu dandeenya akka jechuuti. Kanaaf tarii walitti bu’iinsa kaasu mala jedhamees yaaddoo uume.

Mootummaan biyyattii irra deddeebiin dubbiin laga Abbayyaa dhimma du’uufi jiraachuuti jedhee ibsaa ture.

Dhugaan jirus hidhi kun hamma bishaanii haalaan kan hir’isuu yoo ta’e, Masriif yaaddoo hamtuudha uuma. Amma garuu mootummaan Masrii hidhicha bishaaniin guutuu dhimma ilaallatu tasgabbiin ilaaluuf yaalera.

Mootummaan biyyatti akka ibsetti, Masriin adeemsa dippiloomaasii dhimmicharratti Gamtaan Afrikaatiin durfamuun gaggeeffamu akka fudhattu beeksise.

Haa ta’u malee, Itoophiyaan tarkaanfii addatti/qophaatti fudhattu kamiyyuu hin fudhannu jedhu.

Hiyyummaa bishaanii

Waliigalteen fuulduratti irra gahamu kamiyyuu mirga Abbayyaarratti qabdu, bishaan 55bcm kan hin hir'isne ta’uu akka qabu, Masriin kan watwaattu. Waggaatti giddugaleessaa bishaan Abbayyaa 49bcm tu gara Masriitti yaa’a.

Itoophiyaan garuu amma bishaanii murta’aan karaa hidha kanaa akka yaa’uuf Masriin barbaadduu amantee eeyyamuufi irra deddeebitee didde.

Masriin kuni akka waliigalteetti otoo hin sharafamiin argachuun qaba jetti. Deebiin aanga’oonni Masrii kennan kun dhimmicha furuu caalaa humna dhabuun dallansuusaaniif qaban kan agarsiisu ture.

Masriin qabeenyummaa lagichaarratti gaaffiin kaaste akka yaadanimaa turetti hin milkoofneef.

Sababiin isaa Masriin duraan dhimmi Abbayyaa dubbii laaftu miti, dhimma du’uuf jiraachuti jechaa turte. Masriin biyya goginsa/gammoojjummaa jabaa qabdu, qabeenya bishaaniin biyya hiyyeettiidha.

Namni tokko waggaa tokko keessatti bishaan qulqulluu meetir kiyuubii 1,000 gadi kan argatu taanaan Baankiin Addunyaa hanqina bishaaniitu jira jedhee ibsa.

Masrii keessatti namni tokko giddugaleessaan bishaan meetir kiyuubii 550 caalu hin argatu, akka mootummaan biyyatti ibsetti.

Kaartaa biyyattirraa hubachuun akka danda’amutti ummata miil 100 biyyatti qabdu keessaa harki 90’n sulula laga Abbayyaa dhiphoo keessa qubatanii jiraatu.

Lafa gammoojjii bal’aa biyyattin qabdu keessaa iddoo bali’nni isaa harka 6 hin caalleerra gubbaa qubatanii jiraatu.

‘Morkii bu’aa ofii kabachiifachuu’

Lagni Abbayyaa madda bishaan dhugaatii fi misooma qonnaa Masriiti.

Bishaan kubiik meetirii biiliyoona 55 biyyattiin argachaa jirtu hanga bishaan biyyattii duraanuu argachuu feetu guutuu hin dandeenye.

Sadarkaa mootummaatti ifatti dhimma kanarratti miidiyaa biyyattirratti dhiyaatanii qondaaltoonni biyyattii qeeqa dhiyeessuurraa of qusataniis, namoonni kaan garuu yaadasaanii kennuurraa hin callisne.

Akka isaan jedhanitti, Itoophiyaan duraanuu Masrii callisisuuf karoorsitee mariyachaatuma, laga kana guutummaatti to’achuun harkatti galfatte. Wal dhabbiin jiru itti fufe.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Gadduu Andargaachaw wayita hidhi kun bishaan kuufachuu jalqabu ''Abbayyaan laga ture, amma hidhamee haroos, lagas ta'e.

''Itoophiyaan haroo kana dhimma barbaaddeef itti fayyadamu dandeessi. Dhuguma Abbayyaan kan keenya ta'e,'' jechuun ibsan.

Dubbiin kun Masriin duraan sodaatamaa turte, amma booda waa hin uumtu kan jedhuu fi namoonni kan yaaddoo karaa kamiyyuu jiruu kaasuun muraasni deebii barreeffama kana jalatti kennaa turan.

Dhimma kanarratti lammiin Masrii, Imaad-al-Diin Husayan gaazexaa ‘Daily Shorouq’ jedhamuuf barreesse tokko, Itoophiyaan morkii lagicharratti ture irratti bu’aa ofii kabachiifatte jedhe mufiisaa ibsuun barreesse.

Ammas garuu dhimmichi hin goolabamne jedhee kan barreeffama isaa dubbisan hubachiise.

''Itoophiyaa laga Abbayyaa malee nuti hin jiraannu, ni duuna kan jennee itti himnus amanuu didde. Laggeen baay’ee qabu waggaatti rooba amma kubiik meetirii biiliyoona 950'tti dhiyaatu argatu.

''Nuti bishaan qicaa kuubik meetirii biiliyoona 55 arganna. Amma argachuu barbaannuu keessa gartokkee qofa. Kunimmoo amma horiin isaanii waggaatti dhugdu hin caalu,’’ jedhee barreesse.

Waliigaltee karaa dippiloomaasii

Masriin akkaataa bishaan qisaasamarra hambisuun danda’amurratti hojii hedduu eegalteetti.

Bishaan booruu ooyiruu qonnaarratti lola’e deebisanii itti gargaaramuu fi tooftaa jallisii duraan baratameerra adda ta’e copha bishaanii hundee biqiltuu jalatti buusuuf akka fayyaduuf (drip-irrigation) fayyadamuun bishaan qusachuu jalqabuun tarkaanfii eeramaniidha.

Haa ta’u malee, falmii dhimma laga kanarratti ka’eeratti Masriin hiyyummaa bishaanii qabdu eeruun tumsa hawaasa addunyaarraa argachuuf tarkaanfii jabduu deemte.

Marii dhimma laga kanarratti gaggeeffamu irratti lammileen Masrii Gamtaa Afrikaatiin marii gaggeeffamutti illee hin gammanne.

Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamapoosaan Itoophiyaaf loogu jedhanii amanu.

Yoo mariin gaggeeffamu furmaata otoo hin kenniin firii quubsaa malee goolabame.

Masriin dhimmichi mana maree nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti akka ilaalamu, deebistee fudhachuu barbaaddi.

Akkaataa kanaan Itoophiyaa harka akka sassaabbattu gochuu dandeenya jedhanii amanu.

Waa'ee hidha kanaarratti dabalata dubbisaa:

Haa ta’u malee, dubbichi biyyootni miseensota mana mare dhaabbatichaa shanan sagalee walfakkaatuun raggaasisuufi laata? kan jedhu amansiisaa miti.

Gabaasni tibbana bahe sirumayyuu akka agarsiisutti, Chaayinaa fi Raashiyaan tarkaanfii akkasii ni mormu.

Sababni isaammoo biyyoonni lamaan akkanumatti dhimma laggeeniirratti biyyoota ollaasaanii jiran wajjin wal dhabbiitti seenu hin barbaadan.

Garaagartummaa Masrii fi Itoophiyaa gidduutti mul’ate dhiphisuun riqicha gidduusaanitti uumuu dadhabuun biyyoota lamaan giddutti balaa uuma.

Rakkoo goginsaatiin Masrii irraa namoonni jumlaan godaanuun, rakkoon isaa biyyoota Kaaba Afrikaa kan qaqqabu qofa otoo hin taane, Awurooppaallee hin hanqatu.

Biyyoonni Afrikaa gurguddoon lamaan kunniin waraanaatti seenuunis, Afrikaa qofaaf otoo hin taane addunyaaf yaaddoo uuma.