Mariin Hidha Haaromsa Guddicha Abbayyaa eessa gahe?

Guyyaan Itoophiyaan marsaa jalqabaa Hidha Haaroomsa Guddicha Abbayyaa bishaaniin guutuuf yaadde gahaa jira.

Haa ta'u malee, Itoophiyaa, Sudaaniifi Masriin haala hidhi kun bishaan itti guutamuufi dhimmoota kanaan walqabatan kan biraa irratti waliigaltee irra hingeenye.

Biyyoonni kunneenis marii isaanii akka haaraatti torbee darbee keessa karaa viidiiyoo konfaransiitiin eegalanii turan. Haa ta'u malee, waliigaltee irra waan hingahamneef mariichi guyyaa Roobii adda citeera.

Itoophiyaan maal jettii?

Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa Obbo Gadduu Andaargaachaw, Itoophiyaan sababii marii hidha kanaatiin waliigaltee fayyadamummaa bishaan laga Abbayyaa dhorku hinfudhattu jedhaniiru.

Mariin biyyoonni sadan hidhaa kanarratti taasisaa turan dhimmoota teeknikaa irratti akka waliitti dhiyaataniif gargaaruulleen, dhimmoosa seera ilaallatan irratti garuu jidduu saaniitti garaagaruummaan akkuma itti fufeetti jira.

Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaas mariin amma Itoophiyaan taasiftu kan dhimma hidhicha bishaaniin guutuu malee mirga bishaan lagichaatti fayyadamuun misoomsuu itti fufiinsaan kan ilaallatu kan hammatu miti jedhan.

Masriin garuu marii hidha kanarratti taasifamuutti qabachuun mirga Itoophiyaa hidharratti qabdu daangeessuuf yaalaa jiraachu himaniiru.

Masriin marii dhumaa diddee baatee jirti kan jedhan Obbo Gadduun, waliigaltichi fayyadama bishaan laga Abbayyaa haqa-qabeessaafi kan waliigalteewwan idil-addunyaa jidduugaleessa taasifateedha jedhu.

Mariin biyyoonni sadan gaggeessanis kan hidha qofa ilaallatuufi kunis mirga Itoophiyaa hidha biraa ijaaruuf qabduuf haala haqa qabeessa ta'een bishaan laga kanaatti fayyadamuuf qabdu kan eegsiisu ta'u akka qabaatu miidiyaa biyya keessaatti himaniiru.

Itoophiyaa ammoo rakkoon biyya keessaa ykn biyya alaa akka bishaan hin guunneef ishee dhorku kamuu kan hin jirres himan.

Masriin hoo maal jette?

Pirezidaantiin Masrii Abdull Fattaah Al- Sisii waldhabdee hidha guddicha irratti Itoophiyaa waliin qaban karaa dippilomaasitiin hiikuudhaaf qophaa'oo ta'usaanii wayita dubbatan dhagahamaniiru.

Hidha kanas bishaan guutuuf kan hafan guyyoota muraasa qofaadha. Masriin Jimaata darbe Manni Maree Nageenya Motummoota Gamtoomanii dhimma Abbayyaa kana jidduu akka seenuuf waamicha taasisuun ishee ni yaadatama.

Al Sisiin ammoo gara Mana Maree Nageenyaa kanatti darbuu kan barbaadaniif dhimmicha hanga dhumaatti karaa dippilomaasiitiin hiikuuf waan barbaadneef jechuu isaanii Rooyitarsi gabaaseera.

Itti dabaluunis waliigalteerra gahamu qaba, fala bu'aa hunda keenyaa eegsiisuu nu barbaachisas jedhaniiru.

Pirezidantiin Masrii haasaa kana kan taasisan dhaabbata humna qilleensaa biyyattii keessatti ture. Kana malees, Al Sisiin raayyaan biyyatti biyya keessaafi biyya alaattis tarkaanfii loltummaa akka fudhatuuf waamicha taasisaniiru.

Hedduunis Al Sisiin humna ittisa waliin mul'achuunsaa waldhabdee Itoophiyaa waliin qaban kan harbeessuudha jedhan illeen, midiyaaleen biyyoota Arabaa garuu Masriin Libiyaa keessatti loltoota Turkii waliin lolarratti argamti jechuun gabaasaniiru.

Suudaan hoo dhimma kanarra maal jette?

Suudaan gama isheetiin Masriin dhimmi Hidha Guddicha Abbayyaa osoo mariirratti argamu gara Mana Maree Nageenyaatti geessuun ishee waldhabdicha kan cimsu ta'u beeksiifte jirti.

Ministirri Jallisii Sudaan Yaasiin Abaas ''Nuti dhiphiina hinbarbaadnu'' jedhaniiru jechuun ture midiyaan Ahiraam onlaayin jedhamu kan gabaase.

Suudaan hidhichi osoo hinguutamiin dura waliigalteerra akka gahamu akka barbaaddu ministirichi dubbachuu iaanii maddi oduu kun gabaaseera.

Itoophiyaa ammoo hidhicha bishaan guutuuf hayyama eenyuutuu kan hinbarbaachifne ta'u beeksiisuun ishee ni yaadatama.

Gama biraatiin ammoo Ittaanaan Pirezidaantii Mana maree Suudaan Leetanaa Janarral Mahaammad Hamdaan Daagiloo torban darbe keessa Itoophiyaa daawwatanii deebii''aniiru.

Jeneraalichis turtii isaanii Itoophiyaatiin MM Abiyyi Ahimad waliin dhimmoota buu'uraalee misoomaa adda addaa irratti marii taasisuu isaanii midiyaalee gabaasan illeen, dhimma hidha guddichaa irratti mariin taasifamuufi dhiisuu ilaalchisee wanti jedhame hinturre.