Humnoonni Addaa Tigraay itti baqachuu N. Amaaraa ibse, N. Tigraay balaaleeffate

Poolisoonni humna addaa Naannoo Tigiraay 60 baqatanii naannoo Amaaraa dhufanii jechuun naannichi beeksise.

Haa ta'u malee, Naannoon Tigraay ibsi Naannoon Amaaraa waa'ee humna addaa dubbate 'waan hin jirredha' jechuun deebise.

Daarektarri dhimmoota kominikeeshinii Naannoo Amaaraa Obbo Gizaachaw Muluuneh ibsa har'a kennaniin miseensonni humna addaa Naannoo Tigraay hidhannoo waliin naannichatti galuu himan.

Dabalanis, kanneen nutti baqatan jedhan harki caalaan isaanii dhalattoota Tigiree ta'u ibsuun, kaan dhalattoota naannoo Walqaayit, Raayyaa fi Amaaraa kan ta'an isaanitti dhufu dubbatan.

Kanneen dhufanis hidhaannoo isaanii irraa hiikuun maadhee/ kaampii tokko keessa quphisiifne jedhan daarektarichi.

Dhimma kanarratti kan gaafanne Itti gaafatamaa itti - aanaan waajjira kominikeeshinii Naannoo Tigiraay Obbo Hadduush Kaahisay garuu haasaan kuni ‘’sangaan dhalee jechuu yoo ta’e malee dhugaa mitii, dhara’’ jechuun BBC'tti himan.

‘’Tarii Naannoo Amaaraatii gara Naannoo Tigiraayitti baqataa jira kan jedhuuf isaanumti haa deebisan malee, Naannoo Tigiraayirraa garasitti namni baqate hin jiru’’ jedhan.

Erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangotti dhufani as naannoleen kan durii caalaa bilisummaan sosso'u kan dubbatan jiru.

Haa ta'u malee, himannaa, doorsisa irra darbees keessumaa naannolee Amaaraa fi Tigraay gidduu eeboo walitti qarachuun erga dhagahamuu eegale bubbuleera.

Dhimmi ijoo naannoleen lamaan itti waldhaban keessaa inni ijoo lafarrattidha.

Naannoon Amaaraa dhimma eenyummaa fi daangaa ’’kaasuu dhiiseera’’ kan jedhamu ‘sirrii mitii’ kan jedhan Obbo Gizaachaw, mootummaan naannichaa gaaffii hawaasaa hin dhiisne jedhan.

Naannoon Amaaraa bakkeewwan Naannoon Tigraay 'seeraan ala na duraa to'ateera' jedhe akka deebisuuf kana dura gaafataa ture.

Dhimmi daangaa fi eenyummaa, dinagdeerraa fayyadamuu, heera fooyyessuu fi federaalizimiin haqaa akkatti hojiitti hiikamuu akkasuma dhimma biroorrattis ejjannoo qabanneerra jedhu qondaalli Naannoo Amaaraa.

Obbo Gizaachaw gaaffileen kun walxaxoofi sadarkaa federaalaatti deebii argatu, riifoormii dinagdee fi bu’uuraalee misoomaarratti gaaffiiin dhiyaatan muraasni deebii argataniiru jedhu.

‘’Walqaayit fi Xagadeetti gaaffii eenyummaa hawaasni kaase ukkaamamuun hidhamaa fi dararamaa jiru’’ jechuun dubbatan obbo Gizaachaw.

‘’TPLF filannoon gaggeessa jedheetu hawaasa rakkisaa jira, mootummaan federaalaa rakkoon kun kana caalaa hammaatee yoo adabachuu didan seera kabachiisuuf aangoo fi dandeettii waan qabuuf uummata Tigiraay fi TPLF adda baasee tarkaanfii fudhachuu qaba‘’ jedhu qondaalli Naannoo Amaaraa.

Ummata daangaa Naannoo Amaaraa jiru doorsisuun, amma yaadameen ol guyyoota shan keessatti namoota mil 2.6 filannoof sagalee kennan galmeessuu kan ibse Naannoon Tigiraay burjaajii uumuudhaafi jedhu obbo Gizaachoon wayita qeeqan.

Paartiin Badhaadhinaa Amaaraa dhihoo kora taa'een mootummaan federaalaa filannoo Naannoon Tigraay addatti raawwachuuf kaayyeffate akka dhaabsisullee gaafatee ture.

Obbo Hadushimmoo himannaan 'ummata diriqisiisanii galmeessisan jedhu' irratti akka ka'u himu.

Haa ta'u malee, jedhan, filannoorratti akka hirmaataniif namoota dirqisiifne hin galmeessine, filannoo dirqisiisuun hin filatamuu jechuun deebisan.

Itti dabaluunis, gaaffiin dhimma daangaan walqabatu akka jiru himanii garuu 'namni gurra kennu hin jiru' jechuun dubbatan.

Gaaffiin daangaa Walqaayitii fi Xagadee karaa dimokiraatawaan mootummaaf dhiyaate seeraan furamuu akka danda’us kaasan.

Obbo Hadduush Tigiraay wayita naannolee biroo wajjin wal bira qabanii madalaan tasgabbiin wayyaa qabaachuufi hojiiwwan misoomarratti xiyyeeffachuullee kaasan.