Filannoo Naannoon Tigraay addatti taasisuf jedhu eenyutu taajjaba?

Filannoo Naannoon Tigraay yeroo duraaf qofaatti adeemsisuuf jedhuf hanga guyyaa har’aatti filattoonni miiliyoona 2.6 tahan galmaa’uu Komishiniin Filannoo naannichaa beeksiseera.

Kunis, seenaa naannichaatti lakkoofsa guddaa dha jedheera.

Komishinichi hanga ammaatti qaamoleefi dhaabbileen garaa garaa 65 gahan filannoo naannichaa taajjabbiin irratti hirmaachuuf iyyata galfachuu isaanii komishinichi beeksiseera.

Qondaalli komishinichaa Abel Gu'uush BBC'tti akka himanitti kanneen keessaa waldaaleen siviliifii sivikii akkasumas hawaasni dhalattoota Tigraay Ameerikaa jiru (Matesa) taajjabbiidhaan hirmaachuuf gaafachuu himan.

Dabalataan, Naannoo Tigraay keessaa waldaan dargaggootaa, kan dubartootaa, waldaa barsiisotaa, kan abbootii amantii fi kaan taajjabbiin hirmaachuuf gaafachuullee beeksisan.

Kana dura, komishiniin filannoo naannichaa biyya keessaafi alaa irraa kanneen filannicha taajjabuu barbaadan akka qooda fudhatan waamicha dhiheessu isaa hordofeeti kunneen hirmaachuuf fedhii kan agarsiisan.

Filannoo naannichi adeemsisuuf mana maree naannichaa irraa deeggarsa argachuun koomishiniin filannoo dhiyootti hundaa’e torbee darbee galmee eegaleera.

Yeroon galmee idilee har’a kan xumuramu tahus, sababa garaagaraan warreen galmaa’uu hin dandeenye Sanbattan irratti galmaa’uu akka danda’aniif haalli mijachuu Komishinara Muluuwarq Kidaana Maariyaam BBCtti himaniiru.

Jala bultii bara haaraatti filannoo adeemsifamu kana akka taajjabaniif komishinichi biyya keessaa fi alaa taajjabdoota affeeree jira.

Gaazexeessaan BBC Maqalee jiru Jimaata darbe sababa ayyaana Ashandaatiin namni baayyee galmaa’uu baatus torbee kana garuu filattoonni baay’inaan akka galmaa’an arguu dubbate.

Filattoonni galmaa’uuf gara buufata filannootti yoo dhufan maaskii akka keewwataniifi harka isaanii saanitaayizariidhaan erga qulqulleessaniin booda akka galmeef seenaa turanis taajjabeera.

Torbee darbe, dubbii himaan koomishinichaa Obbo Marrasaa Tsahaayyee ibsa kennaniin filataan miiliyoona sadii tahu galmaa’uu akka danda’u tilamaama isaanii himaniitu ture.

Dhimmoonni ijoo falmiirratti dhihaatan maali?

Paartileen filannoo Naannoo Tigraayirratti dorgoman duula na filadhaa miidiyaalee gara garaan gaggeessaa jiru.

Kunis, tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf yaadame akka ta'e qondaaltonni naannichaa ibsaniiru.

Filannoo Naannoon Tigraay addatti taasisuuf jedhuf buufatni filannoo kuma lama ta’an qophaa’aniiru.

Paartii naannicha bulchaa jiru TPLF dabalatee paartileen siiyaasa shan filannoo guyyooti muraasa booda taasifamurratti ni hirmaatu jedhamee eegama.

Paartileen falmii filannoo isa jalqabaa sagantaa miidiyaalee hawaasummaa irratti kallattiin darbeen gaggeessaniiru.

Paartileen mormituu, paartiin TPLF waggootii 27 darbaniif Naannoo Tigraay itti wareegameef hin kunuunsine akkasumas uummata naannichaa dagatee ture jechuun qeeqaniiru.

Paartileen mormiituu falmicha irratti hirmaatan bilisummaa Tigiraayiif ykn ammoo naannoolee biraa waliin konfedereeshinii ta’anii waliin jiraachuuf akka qabsaa’an ifa godhaniiru.

Ta’us, garuu paartiin Asimbaa fi TPLF faallaa paartilee sadaniin [Baaytoonaa, Saalsaay Wayyaana, Wunaat] yaadaa akka biyyaattti ta’anii itti fufu jedhuu yeroo ibsan dhaga’ameera.

Filannicha irratti akka dhuunfaatti dorgomuuf dorgomtoota galmaa’an 11 keessa namootni ja’a sababa adda addaan filannichaa irraa of baasuu isaani guyyaa muraasa dura gabaafameera.

Filannoon biyyaalessaa Itoophiyaa sababa koronaavaayirasiin kan achi siqfame ta’us filannicha gaggeessuuf kan murteesse naannoon Tigiraay Qaammee 4/2012 filannoo ni gaggeessa.