'Hanga eegameen ol namoonni galmaa'aa jiru' - Komiishinii Filannoo Tigraay

Filannoo sadarkaa naannootti Fulbaana 9 bara 2020 gaggeessuuf filattootaa galmeessaa kan jiru Komiishiniin Filannoo Tigraay hanga eegeen ol namoonni filachuuf galmaa'aa jiraachu beeksiiseera.

Itti gaafatamaan saba himaa komishinichaa Obbo Marassaa Tsahaayee akka jedhaniitti, naannichatti namoonni miliyoona 2.6 ta'an kaardii ni fudhatu jedhamee eegamulleen galmee hanga Kamisaatti gaggeeffamuun namoonni hanga miliyoona 3 akka galmaa'an kan eegamu ta'u himeera.

Itti dabaluunis taajjabdoonni biyya keessaayis ta'e biyya allaa irraa dhaquun taajjabu kan danda'an ibsa Wiixata miidiyaaleef kennan irratti himaniiru.

Paartileen siyaasaa filannichaaf dorgoman shan hanga Hagayya 23tti falmii duula na filadhaa marsaa jalqabaa taasisuu isaanii himuun, mariiwwan afur itti aanuun paartileen kan gaggeeffamuu ta'u Obbo Marassaan ibsaniiru.

Gama kaaniin namoota dhunfaadhaan dorgomuuf galmaa'anii turan 11 keessaa namoonni jaha sababiiwwan adda addaatiin dorgommii keessaa bahusaanii Obbo Marsaa Tsahaayee ibsan.

Namoota siyaasaa naannoo Tigraayiitti dhuunfaan dorgomuuf turan keessaa tokko kan ta'an Obbo Ataakilitii Gabrasillaase filannoo sadarkaa naannootti gaaggeefamuuf jiru keessa bahu BBC'tti himaniiru.

Duula na filadhaa filannoon duraatiif yeroo qilleensa miidiyaa ni argannaa akkasumas baasiin maxxansaafi hojiilee adda addaa komishinii filannoo naannichaan ni kanfalama jechuun dorgomiitti seenanillee, gaaffii isaanitiif deebii gaarii argachu waan hin dandeenyeef filannicha keessaa bahuuf murtessineera jechuun dubbatu.

Sababii Covid-19n namoota walitti qabuufi mana mana irraa nanna'uun duula na filadha jechuun hin danda'amu jedhu.

"Karaa TV fi raadiyootiin nu filadha jechuu kan hin dandeenyee yoo ta'e, baasiin kiyya haguugamee iddoowwan adda addaatti ibsa yaada kiyya ibsan maxxansuu yoo hin dandeenye, attamiinan karoora kiyya namatti beeksiifadha?'' jechuun komiisaanii ibsan Obbo Ataakilitiin.

Komishiin filannoo deeggarsa taasisuuf fedhii waan hin qabaanneef filannoo keessaa bahuu kan dubbatan Obbo Ataakiltiin, ''karoora kiyya namootatti himu ergan hin dandeenyee filanno keessatti hirmaachuun hiikaa hin qabaatu'' jechuun dubbatu.

Gaaffii bajata ilaalchiisee kaasanii turanis ''gaaffiin keenya birrii nuuf kennaa osoo hin taane, baasii keenya nuuf haguugaatii wantoota barbaachisan nuuf guutaa kan jedhu ture'' jedhan.

Obbo Ataakilitiin hir'ina bulchiinsa gaarii, bulchiinsa lafaafi hojii dhabiinsa ilaalchisee mootummaaf gaaffii dhiyeessuu isaanii yaadachuun, "rakkooleen hiikamuu waan hin dandeenyeef komii dhiyeessu bira darbuun mana maree seenee sagalee ummataa dhageessisuufi manni marichaa fala akka kaa'uuf qabsaa'uuf yaadeen ture filannoof kanan galmaa'e'' jechuun dubbatu.

Haa ta'u malee deeggarsa komishinicha irraa eegamu waan hin arganneefu dorgommichaan itti fufuu akka hin dandeenyee mirkaneessan.

Kanneen filannicha keessaa bahan keessaa walakkaan isaanii dhuunfaan dorgomuuf mallattoo deeggarsaa namoota kuma tokko walitti qabuu hin dandeenye.

Kan hafan ammo bajataafi sa'aatii qilleensaa irratti of beeksiisan dhabuun kan bahaniidha.

Komishiniin filannoo naannichaa sababii hanqina humnaatiin namoota dhuunfaan dorgomaniif deeggarsa maallaqaa fi yeroo qilleensaa miidiyaarratti kennuuf akka hin dandeenye beeksiseera.