Siyaasa Itoophiyaa: Kora Paartii Badhaadhinaa naannoo Amaaraarratti dubbiiwwan ijoo ka'an maal turan?

Paartiin Badhaadhinaa damee naannoo Amaaraa guyyoota lamaan darban dhimmoota yeroo naannochaafi haala yeroo ammaa biyyattii keessa jiru irratti kora taa’ee ture.

Xumura kora kanaarratti Hoogganaa Paartichaa damee naannoo Amaaraa kan ta’an Obbo Aaganyahu Tashaagar ibsa kennaniiru.

Mariin kora kanaa maalfaa qaaccesse?

Ajjeechaa Hacaaluu…

Qabxiiwwan ijoo korri kun ilaale keessaa burjaajiin ajjeechaa Aartist Hacaaluu Hundeessaa booda biyyattii keessatti uumame isa tokko.

Lubbuu badeef haqa ni barbaanna kan jedhan Obbo Aaganyahu, gara fuulduraattis mootummaa naannoo Oromiyaa waliin ta’uun kanneen yakka kana raawwatan seeraan gaafachuuf ni hojjenna jedhan.

Lammiilee miidhamaniifi qe’eesaaniirraa buqqa’an dandamachiisuun toora xiyyeeffannoo isaanii ta’uus korri kun qaaccesseera jedhan.

Dhalattoonni Amaaraa naannochaa ala jiraatan, bakka jiraatan hundatti bakka bu’aa akka qabaatan, afaansaaniin akka tajaajilamaniifi akka baratan gochuuf naannolee biroo waliin akka hojjetamu korri kun kallattii kaa’eera jedhu qondaalli Paartii Badhaadhinaa kun.

Dubbii Obbo Shimallis Abdiisaa

Dhimmi ijoon kan dhibiin kora kanarratti ka’e, dubbii Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, kan tibbana ijoo dubii hawaasaa ta'ee haasofsiisaa jiruudha.

‘’Dubbiin yoomuu haa dubbatamuu, maaliif amma baasuun barbaachise? Lammaffaa, qabiyyeen dubbii sanaa dogoggora qaba,’’ jedhan Obbo Aaganyahu.

Ergaan haasaa Obbo Shimallis sana keessatti darbe, ilaalcha Paartii Badhaadhinaa osoo hin taane, yaada dhuunfaati jedhan.

Dubbiin Obbo Shimallis kun sadarkaa koree hoji-raawwachiistuu Paartii Badhaadhinaatti erga gadi-fageenyaan qoratamee booda tarkanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu korri kun kallattii kaa’eeras jedhan.

‘’Waanti dubbatame dogoggora ta’uusaa kora kanarratti kan qoratamee adda bahe ta’us dhiifama gaafachuun garuu kan abbaati. Ejjennoo paartii miti,’’ jedhan.

Dhimma kanarratti ejjennoon qondaaltota naannoo Amaaraa walfakkaataa ta’uus ibsan.

Ministirri Muummee kora irratti argamuu…

Guyyaa kaleessaa, Roobii (12,08,2020) xumura kora kanaa irratti , Ministira Muummee Itoophiyaafi Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa kan ta’an Abiy Ahmad argamanii turan.

Ministirri Muummee kun akkaatuma sagantaa qabameen argaman jedhan Obbo Aaganyahu.

Kora kanarratti Ministirri Muummee Abiy Ahmad, biqiltuu biiliyoona shan dhaabuuf sagantaan qabame milkaa’uu ibsanii, kallattii itti aanus kennaniiru jedhan Obbo Aaganyahu.

Filannoo Naannoo Tigraay

Filannoon Naannoo Tigraay faallaa heera mootummaati kan jedhan Obbo Aaganyahu, ‘’mootummaan Federaalaa tarkaanfii fudhatee filannoo seeraan alaa kana akka dhaabsisu barbaanna,’’ jedhan.

‘’Naannoon Tigraay maaliif filannoo gaggeessa jechuu hin dandeenyu. Sana mootummaan Federaalaa waan godhu qaba. Garuu Uummati Raayyaafi Walqaa’it kan sabummaa Amaaraa qaban filannicha waan hin deggerreef yeroo ammaa hidhamaafi baqataa jiru. Namoota haala kanaan buqqa’anii dhufan keessummeessaa jirra,’’ jedhan.

‘’Gaaffii namoota kunneenii mootummaan Federaalaa dhagahuu qaba. Gidduu seenee sirreessuu qaba. Kanaan ala naannoon Tigraay filannoo gaggeesse jennee waan dhukaasa bannuuf hin qabnu. Uummata Tigraay waliin nagana jiraachuu feena,’’ jedhan.