Duula miidiyaalee hawaasummaa ergaa jibbaarraa bilisa gochuu

Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaan booda Finfinneefi godinaalee Oromiyaa garagaraatti hokkora ka’ee tureen lubbuun namoota hedduu badee qabeenyis barbadaa’ee namoonni hedduun bakka itti da’atan dhabaniiru.

Kanaafis ta’e hokkorawwan ka’an biroof sababa kan ta’an ergaa miidiyaalee hawaasummaafi kan biroo irratti darban gahee qabu jechuun, neetworkiin kana dhaabsisuuf kaayyeffate lammiilee Itoophiyaatiin hundaa’eera.

Ameerikaa Kaabaa kan jiraatan Obbo Na’aammin Zallaqa BBC’tti akka himanitti, Neetworkiin kun namoota seektaroota garagaraa irraa walitti dhufan hammata. Ogeessonni seeraa, miidiyaa, diippiloomaasii, informeeshin teeknooloojiifi miidiyaalee hawaasummaa keessa jiru.

Neetworkiin kun namoota siyaasaa, beektotaa, rogeeyyiifi hawaasa siiviikii Ameerikaa, Kaanaadaafi biyyoota Awurooppaa keessa jiran keessaa kan walitti dhufanidha.

Biyya keessatti tasgabbiin akka dhufuuf, yakkamtoonniifi warreen itti gaafatamummaa isaanii hin ba’anne seeraan akka gaafataman taasisuuf sochiin eegalamuu qindeessaan kun himaniiru.

Koreen miidiyaa hawaasummaa duula ‘walitti foo’amneerra’ jedhu kan eegale yoo ta’u, haasaa jibbiinsaa walitti qabuun gabaasuufi fuula ofiisaaniirra baasuu ni hojjata.

Koreen seeraa ammoo, miidiyaaleefi namoonni haasawa jibbiinsaa dabarsan biyyoota jiran keessatti akka himataman kan taasisu yoo ta’u, raga walitti qabuufi qindeessuuf ammoo, koree informeeshin teeknooloojiin kan deeggaramu ta’a.

Amma yoonaattis karaa ergaa iimeelii banameen ragaalee hedduu walittii qabachuus himaniiru.

Gama biraatiin miidiyaalee idil-addunyaa irratti gabaasni sirrii hin taane akka hojjatame kan dubbatan Obbo Na’aammin, koreen miidiyaafi diippiloomaasii ragaalee qindeessuun hojii sirreessuu hojjachaa jiraachuus ibsaniiru.

Namoonni biyya alaa taa’uun biyyi akka hin tasgabboofne taasisan kanneen saboota garagaraa bakka buuna jedhan ta’uus dabalanii himaniiru.

Wanti akkasii baroota darban keessas kan ture ta’us, kana akka hojjannuuf kan nu kakaase yeroo ammaatti balaan dhufe ‘guddaa’ ta’uufi ummata hokkoraaf kakaasuuf ergaaleen miidiyaalee tokko tokkoon darban, akkasumas haala qindaa’een miidiyaalee hawaasummaa irratti arguu keenyaani jedhu.

Neetworkichi eenyuufiyyuu osoo hin loogin finxaaleyyii saboota walitti buusuuf haasaa jibbiinsaa taasisan irratti kaayyeffachuun akka hojjatu dubbataniiru.

Haala Itoophiyaan keessa jirtu hawaasa addunyaaf mul’isuufi miidiyaaleefi namoota haasaa jibbiinsaa tamsaasan seeraaf dhiyeessuun karoora yeroo gabaabaa ta’uu kan himan Na’aammin, fuuldurattis cimee itti fufa jedhan.

‘‘Ani gaafan qulqulleessu, kaanis gaafa qulqulleessu, waliin qulqulloofna’’

‘‘Namoonni akkaawuntii miidiyaa hawaasaa bananii yoo itti makataan seerri ittiin bulmaata miidiyaa sanaa maal akka ta’e kan hin beekne hedduudha’’ kan jedhu waloofi jijjiirama hawaasummaaf kan hojjatu Yohaannis Mollaa, haasaa jibbiinsaa, suuraawwaniifi viidyoowwan ummata walitti buusan yoo argu Feesbuukiif gabaasuu akka amaleeffate hima.

Dhimma sabaafi sablammootaa qofa osoo hin taane, qoccolloo saalaafi kan biroo irrattis akka hojjatu qindeessaan duula kanaa dubbata.

Hokkora tibbana uumamerraa ka’uun ammoo hojii dhuunfaa isaatti hojjachaa ture duulatti jijjiiruun hundumtuu itti gaafatamummaa isaa akka ba’atuuf sochii eegaluu hima.

Feesbuuk baay’ina namoota gabaasaniin osoo hin taane dambii ofiisaarratti hundaa’uun garee yookaan akkaawuntii dhunfaa akka cufuufi odeessaalee achirratti qoodaman akka haqu kan ibsu Yohaannis, namoonni hubannoo akka argataniif jecha duula kana eegaluu ibseera.

Himata qaama tokkorratti xiyyeeffatu jedhuuf, ‘‘Feesbuuk fedhakootiin osoo hin taane dambii ofiitiin tarkaanfii fudhata, anis eenyuyyuu ergaa jibba qabu maxxanseera taanaan gabaasuurraa boodatti hin jedhu,’’ jedha.

Hojii amma yoonaatti hojjataniin firii arguu kan himu Yohaannis, Feesbuuk qofa osoo hin taane, miidiyaalee hawaasummaa kan akka YuuTuub fi kan biroo irrattis xiyyeeffatanii akka hojjatan himeera.