Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Itoophiyaa: Ertiraa daawwachuu MM Abiyyiifi himannaa naannoo Tigraay
Ministirri Mummee Abiy Ahimad tibba kana guyyoota lamaaf dowwannaa hojii Eritiraatti taasisaniin wiirtuu leenjii loltummaa Saawwaa jedhamuun beekamu dowwataniiru.
Gama biraatiin ammoo Naannoon Tigraay Paartiin Badhaaniinaafi mootummaan Ertiraa adeemsa filannoo kiyya gufachiisuuf hojjataa jiru jechuun himateera.
MM Abiya pirzidaantii Isaayaas waliin ta'uun wayita wiirtuu leenjii loltummaa Saawwaa gahanittis loltoonni leenjiitoota tajaajila loltummaa biyyaaleessaa Ertiraa marsaa 33ffaa heebbifamuuf leenji'aa turaniin simannaan taasifamufiisaa himameera.
Wiirtuun laanjji loltummaa Saawwaa kun bara 1994 kan hundeeffame yoo ta'u, waggoota 26 darbaniif lafa loltoonni Ertiraa itti leenji'aniif mummee ta'uun tajaajilaa jiraachuu BBC Tigrinyaan gabaaseera.
Kanaan dura MM Abiy yeroo hedduu hojiidhaaf gar Eritiraatti kan deedeebii'an ta'ulleen Saawwaa daawwachuun isaanii kun kan jalqabaati.
Kana duras dureewwan biyya biraa yoo wiirtuu sana daawwatan kan barame hin turre.
Ministirri Odeeffannoo Eritraa Obbo Yamaanee Gabra-Masqal, 'daawwannaan aanga'ootaa Saawwaa kun' kan karaa osoo darbanii ta'uu isaa fuula tiwitara isaaniirratti barreessaniiru.
MM Abiyyis turtiisaanii guyyoota lamaatiin Ertiraa bakkeewwan adda addaa dowwataniiru.
Guyyaa Sanbataa kibba biyyattiitti kan argamau gara hidha 'Garaagar' imaluun misooma qonnaa jallisii naannichatti argamu dowwachuu TVn biyyattii gabaaseera.
Guyyaa Dilbataa ammoo qonnaawwan bulchiinsa Gaashaa Baarkaatti argamuufi hidha 'Karkabati' daawwataniiru.
Pirezidaantiin Ertiraa Isaayaas Afawarqiifi MM Abiy yeroo garaa garaatti wal arguun kan marii taasisan yoo ta'u, 'dhimmoota biyyoota lamaaniifi dhimmoota naannichaa' irratti mari'atanii jiru kan jedhuun alatti ibsi bal'aan kenname hin jiru.
Xinxaltoonni siyaasaa garuu aanga'oonni lamaan kunneen dhimmoota muummee lama irratti waliin hojjataa akka jiran tilmaamu.
Inni jalqabaa dhimma Hidha Guddicha Abbaayyaa irratti pirezidaant Isaayaas Itoophiyaa, Masriifi Sudaan jidduutti gahee jaarsummaa ifa hin taanee bahaa jiru kan jedhuudha.
Dhimmi lammaffaafi kan wal mormisiisaa ta'e ammoo, pirezidaant Isaayaasiifi MM Abiya 'TPLF akka diinaatti ilaaluun humna siyaasaa kana baleessuuf walta'aa jiru' yaad jedhuu kennu.
Pirezidaant Isaayaas gaaffiifi deebii baatii Guraandhalaa keessa TV biyyattii irratti taasisanii turaniin, taateewwan siyaasaa Itoophiyaa keessatti raawwataa jiru 'harka keenya marannee hin teenyu' kan jedhan yoo ta'u, mootummaan isaanii jijjirama Itoophiyaa keessatti dhufee kan deeggaru ta'uu ibseera.
Pirezidaantiin Itti-aanaa naannoo Tigraay DabraTsiyoon Gabramikaa'eel gama isaanitiin ibsa Dilbata kaleessaa kennaniin 'dhiibbaa siyaasaa nurraan gahaa jiru,' jedhaniiru.
Kunis filannoo Tigraay gaggeessuuf karoorfatte gufachisuuf kan kaayyeefateedha jechuun ibsa isaaniitiin addeessaniiru.
Kana duras ''gara filannootti yoo galtan ni tumamtu' yaada jedhu kennaa turan kan jedhan DabraTsiyoon, filannicha akka hin gaggeessineef naannicha irratti dhiibbaa taassuuf 'walta'iinsaan hojjataa jiru' echuun himataniiru.
Qaamoolee himatanii akkasi jechuun ibsaniiru ''Shaabiyaan jira, Badhaadhinni jira, warri ergamtootaas jiru,'' jedhaniiru.