Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jiraataa Baatuu: 'Eenyummaa namoota miidhaa qaqqabsiisanii hin beeknu'
Ajjeechaa Aartist Haacaaluu Hundeessaatiin walqabatee hokkara umamee tureen bakkeewwan garaa garaatti lubbuunis badee qabeenyis manca'uun ni yaadtama.
Bakkeewwan miidhaan akkasii kun keessatti mudate keessaa tokko Magaalaa Baatuuti.
Jiraattoonni akka jedhanitti balaan qabeenyaa irratti raawwchuu kan eegale battaluma oduun ajjeechaa Artisti Haacaaluu dhagahameetti ture jedhu.
Kanaanis walqabatee lubbuun namootaa darbeera. Akkasumas, qabeenyaas barbadaa'eera.
Miidhaan qaqqabe kan hin yaadamneefi olaanaa ta'ulleen garuu yaaliin jiraattonni naannichaa rakkoo uumame kana tasgabbeessuufi miidhaa qaaqabuu malu oolchan kan dinqisiifamu ture.
Sababii haadhooliifi abbootii qajeeloo ta'an magaalichaafi naannichaa bara dheeraaf ollummaan waliin jiraataniin lubbuun isaanii akka hafees namoonni qabeenyaansaanii jalaa barbadaa'ee tokko tokko ni dubbatu.
Namoota gochaafi oolmaa gaarii raawwachuun maqaansaanii irra deddeebiin ka'aa ture keessaa tokko jiraataa magaalaa Baatuu kan ta'an Obbo Tasfaayee Edaa'oo Seerooti.
Obbo Tasfaayeen abbaa ijoollee afuriiti. Wayita ammaa kanattis hojii dhuunfaa isaanitiin jireenyasaanii gaggeeffatu. Pirojaktii daa'immaniif deeggarsa taasisuufi waldaa naannoo isaaniitti argamu keessatti hirmaachunis gumaacha taasisaniinis naannoosaaniitti ni beekamu.
Magaalichatti maaltu umamee?
"Osoo taateen sun hin raawwatiin dura wanti dhageenye omtu hin turre. Bakka biyyi nagaadha jennee rafnee tureetti kan halkan iyya dhageenye,'' jedhu Obbo Tasfaayeen.
Iyyi dhagahamuus kan mandara isaanii irraa fagaatee jiru waan ta'eef adda baafachuuf wayita gadi bahanittis namoota duraan hin beekne arguu himu.
Gara barii ammoo gara safara isaanii dhufuunis mana namootaa rukutuu eegalan. Jaarsooliifi dargaggoonni naannichaa waliin ta'uun ''kun maaliif ta'a? '' jechuun ''humna qabnu hundaan gochiicha dhaabsiisuu yaaluu eegalle,'' jechuun haala ture yaadatu.
Obbo Tasfaayeefi ollaansaanii jidduu galuun namoota miidhaa qaqabsiisaa turan akka dhaaban osoo taasiuu baatanii badiinsa qabeenyaafi lubbuu naannichatti qaqabee caalaa hamaa ta'uu akka danda'u jiraattooni dhugaa bahu.
Gayyaa balaan qaqqabee sanatti namni hoteellisaa jalaa gubateefi akka qaqabuuf isa waammachuu Obbo Tasfaayeen himanii, qaamooleen hoteelicha guban mana jireenyaa isaas gubuuf deemnaan 'mana deemiitii ijoollee kiyya naaf baraari'' jechuun akka ergatee ture dubbatu.
Isaan boodas ''Ijoolleefi haadha warraa isaa gara mana keenyaatti galchuun, konkolaataa isaan deebiyuun, namoota biraa waliin ta'uun ala dhaabbannee ittisuun oolchuu dandeenyeerra,'' jechuun attamiin akka hojii warra kaaniif barnoota ta'u raawwatan himu.
Akka abbaafi jaarsa biyyaatti ollaa waliin dhaabbachuu gocha badii sana dhaabsiisuuf kan yaalan Obbo Tasfaayeen, ''Diiguus ta'e gubuu hin dandeessan, mana gubuun qaaniidha, saamuunis qaaniidha. Kun aadaa keenya miti,'' jechuun fuldura goranii karra namootarra dhaabbachuun dhorkaa akka turan himu.
Namoonni gochicha raawwatanis 'sokkaa ni baleessinaa!' jechuun iyyuun alatti maaliif gochicha akka raawwatan wayita dubbatan akka hin dhageenyi himu.
Sababii kanaanis jiraattoonni fuuldura dhaabbachuun waan yaadan akka raawwachuu hin dandeenyee hubannaan 'namoonni walta'uun ittisuun cimnaan darbanii gara biraa deeman'' jedhu.
Namoonni gocha kana raawwatanis hedduu ta'usaanifi eenyummaa isaanii kan hin beekne ta'uu kan ibsan Obbo Tasfaayeen, yeroo tokkochaan bakka baayyeetti waan bobba'aniif to'achuuf rakkisaa akka ture himu.
Tarkaanfii fudhatameenis saboota hedduu irra miidhaan kan qaqabe yoo ta'u, namoonni miidhaa qaqabsiisanis magaalicha keessatti manoota argana hunda tarreedhumaan miidhu malee filachuun miidhaa qaqabsiisuu isaaniitti amantaa akka hin qabne himu.
''Dargaggoo hundi tokko miti. Dargaggoon hawaasa waliin dhaabbatan jiru,'' kan jedhan Obbo Tasfaayeen, wayita isaan mana namoota kaanii ittisuuf bahaniitti manni isaanii akka hin gubannee kan oolchan ollaa isaanii kan biraa akka turan dubbatu.
Sababiinsaa maal turee?
Obbo Tasfaayeen kana dura walitti bu'iinsa namoota dhuunfaatiin alatti weerarri akkanaa ta'ee akka hin beekne dubbatu.
''Nuti kun maaliif akka ta'e hin beeknu. Waaqni haa beeku. Eessaafi maaliif akka dhufees hin beeknu. Kan dhufees Waaqumti haa deebsu jenna,'' jedhu.
Hawaasni naannichaa akkuma aadaa biyyaatti tibba cidhaa, gaddaa, tibba rakkoofi gammachuutti waliin dabarsuun alatti sabaan wal qooduun akka hin turre dubbatu. Kanaafuu, badiinsaafi miidhaa magaalicha keessatti uumameef maddasaa kana jechuun nama rakkisa jedhu.
Miidhaa hundumaa miidhe
Miidhaan magaalicha keessatti raawwatamees abbootii qabaanyaa qofa osoo hin taane kan jiraattoota magaalchaafi kanneen imaltoota karaa sana darban hunda miidheedha jedhu.
''Namoonni miidhaman obboolaa keenya. Isaan waliin walitti dhufeenya baayyee waan qabnuuf yoo isaan miidhaman anis nan miidhama,'' jedhu.
Dhaabbileen akka hoteelaa, suuqiifi kanneen biroo tajaajila dhaabusaanitiin tajaajilamtoonni rakkachusaanii ibsanii, dhaabbileen kunneen kan gibira kanffalaa turaniidhas jedhu.
Kanaafuu, ''balaa kanaan magaalattiin akkasumas biyyi miidhameera.," jedhu.
"Aadaa keenya deebiifne haaromsuu qabna"
Obbo Tasfaayee akka jaarsa biyyaatti yaada gocha akkasii kana ni dhaabisiisa jedhanii yaadan qabu. Kunis ''aadaa keenya deebiifnee haaromsuu qabna. Dhaloota haaraa aadaa keenya dagatan ammoo barsiifachu qabna,'' jedhu.
Itti dabaluunis, dhaloota wal danda'aniifi wal kabajanii waliin jiraachuu miidhan ammoo dhaabbilee amantaa keessaafi aadaan sirreessuu barbachisa jedhu.
Aanga'oonni dhaabbilee amantaas dargaggoonni amantaa isaaniin akka deeman taasisuufi sirreessuu akka qabaatan kan himan Obbo Tasfaayeen, ''Jaarsooliin gorsuu qabna, kanneen manneen amantaa keessatti argaman ammoo barsiisu qabu.
Kanneen aadaas akkasuma aadaa akka beekan taasisuu qabaatu. Abbootiin Gadaas hawaasni tokko akka ta'eefi waliin akka socha'uu danda'uuf barsiisuu qabaatu,'' jedhu.
''Namni uumaa isaa yoo hin sodaannee daandii ofiitiin deema. Kanaafuu, ijoollee uumaa isaanii akka sodaataniif barbsiisuun ni barbaachisa,'' kan jedhan Obbo Tasfaayeen, taatee magaalicha keessatti uumame ilaalchisee waan tokko gochuuf yaalaa akka jiran himu.
Mudannoon walfakkaatu akka deebii'ee hin umamneef dhaabbilee amantaa garaa garaa waliin ta'uun marii taasiisaa kan jiran yoo ta'u, gama kanaan dhaloota ijaaruuf ammoo wantoota raawwatamuu qaban gochuuf yaalaa jiraachu ibsaniiru.