Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ibsi Aministii Caamsaa darbee ''muraasatu haqa qaba''- Abbaa Alangaa Federaalaa
Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Itoophiyaa Gabaasa dhaabbatni Mirga Namoomaaf falmu Aminsitii Initarnaashinaal waayee sarbama mirga namoomaa qaamolee nageenyaa mootummaan raawwatamera jedhee ibsa baasee qorachuun bu'aa irra gahe ifoomse.
Caamsaa darbe Dhaabbatn Aministii Intarnaashinaal mata duree “Beyond Law Enforcement: Human Rights Violations by Ethiopian Security Forces in Amhara and Oromia” jedhuun ibsa baaseen qaamoleen nageenyaa mootummaa fi qaamolee al-idilee isaan waliin hojjatan bara 2019 keessatti naannoolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti mirgoota namummaarratti miidhaa geessisaniiru jechuun yakkamoo taasisa.
Humnoonni nageenyaa mootummaa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dhabamsiisuuf jecha Oromiyaa keessatti ajjeechaa, hidhaa jumlaafi hiraarsa ummatarraan geesiseera jedha kan jedhu ragaalee fi dhuga bahuuma namootaan deggaree dhiyeessee ture.
Akkasumas godinaalee Bahaafi Jiddu-galeessa Gondar raayyaan ittisa biyyaatiin, poolisii addaatiin, qondaltota naannichaafi garee dargaggootaa isaan waliin hidhata qabaniin miidhaan raawwatameera jedha.
Mootummoonni naannolee Oromiyaa fi Amaaraa ibsi Aministii Intarnaashinaal kun loogummaa qaba dhugaa jiru kan agarsiisus waan hin taaneef fudhatama hin qabu jechuun balaaleffatanii turan.
Boodas Abbaan Alangaa Waliigalaa Federalaa yakka jedhame kana nan qoradha jedheera.
Waajirchi ibsa guyyaa kaleessaa baaseen waajiraalee abbaa alangaa naannoolee lamaanii, waajiraalee Poolisii, dhaabbilee barnoota olaanoofi waldalee Siiviiliirraa qaamota babahan hundeesse naannolee yakki kun raawwatameera jedhametti qorannnoo gaggeessuu ibseera.
Bu'aa qoranoo isaarratti Abbaan alangaa hooggantoota Aministii Intarnaashinaal waliin mariyatee gaaffilee dabalataa waajirichaaf erguus hanga ammaatti deebii gahaan hin argannee jedheera ibsichi.
Qorannoo Abbaan Alangaa adda durummaan gaggeesse kanaan Aministii Intarnaashinaal hojii olaantummaa seeraaa kabachiisuu motummaan hojjetu hunda sarbama mirga namoomaa jechuun labsuutu irraa mul'ataa jedhe.
''Harka caalaatti kan walabummaan irraa hin mula'anne ragaaleen madaala kan hin eegganne ta'uu, haala qabatamaa biyyattii hubannoo keessa kan hin galchineefi hanqinootni biroonis kan irraa mul'ataniidha'' jedheera, ibsi Waajira Abbaa Alangaa Federaalaa kun.
''Gariin sarbamni mirga namoomaa gabaafaman garuu haqummaa hanga ta'ee kan qaban ta'ee argineerra'' jedheera ibsichi.
Sarbamni mirgaa haqummaa qabu jedhaniin kun ibsa Aministiin dura motummaan hubatee qaamolee yakka kana raawwatan gaafatamtoota gochuuf adeemsa qorannoorra ka turedha jedha ibsi mootummaa.
Ibsi mootummaa kun sarbama mirgaa naannoo kamitti raawwatmetu haqa qaba akka jedhe addatti hin ibsine. Qaamoti ibsi Aministii kun bahuu isaan dura qorannoon irratti gaggeefamaa ture maalirra akka gahees hin dubbanne.
Haat'au malee ibsichi bu'aa qorannoo dhiyeesse keessatti irra deddeebiin ibsichi haala qabatamaa lafa jiru ilaalcha keessa osoo hin galchiin dhugaa lafarra hin jirre gabasaa isaa keessatti hammateera jedheera.
Akka fakkeenyaattis Naannoo Oromiyaa Godina Gujii keessatti qaamoleen hidhatanii socho'an miidhaa uummataafi mootummaarraan gahaa turan osoo hin gabaasiin hafuu qeeqeera.
Fallaa kanaatiin garuu ''gaaffii hawaasaa olaantummaan seeraa akka kabajamu dhiyaatu raawwachuuf tarkaanfiiwwan fudhateen sarbama mirga namoomaa jechuun gabaasuun, akkasumaas ragaalee dhugaa hin taane fayyadamuu hubanneerra'' jedheera gabaasichi.
Kanarraa ka'uunis gabaasichi ''dogoggara taasa rawwatame osoo hin taane barreessitootni gabaasa kanaa tokko tokko gareelee kanan dura aangoorra turaniif amma jijjiiramicha gufachiisuuf paartilee hojjechaa jiran keessatti hirmaanna ho'aa beekamaa kanneen qabani waliin hidhachuun ta'e jedhamee kan raawwatame dha'' jedhee kan amanu ta'u gabaasichi ibseera.
Abbaan alangaa ibsa isaa kanaan dhaabbatichi ''mootummaa Itoophiyaa waliin hariiroo hojii gaarii qabachuuf qophii gabaasa kanaa ilaalchisee qoranno keessoo akka gaggeessuu'' gaafateera.
Komiiwwan haqummaa qaban muraasarratti itti gaafatamummaa mirkaneessuuf hojii eegale akka itti fufus ibseera.
Gabaasni guutun gareen Qoranno Abbaan Alangaa komiiwwan kana qorachuuf bobbaase qopheesse torbee dhuftu kan dhiyaatu akka ta'ees Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa ibseera.