Amnesty International: 'Itoophiyaan iddoofi haala namoonni hidhaman keessa jiran ifatti beeksisuu qabdi'

Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa hordofee hokkoraafi walitti bu'insan uumameen namoonni siyaasaa, gaazexeessitoonniifi kaan haala keessa jiran akka beeksisu Aminastii Intarnaashinaal mootummaa Itoophiyaa gaafate.

Dhaabni mirgoota namaaf falmu Amnesty International ibsa guyyaa har'aa (Sambata) baaseen Naannoo Oromiyaa fi magaalaa Finfinneetti namoonni 5,000 ol to'annoo jala oolaniiru jedha - Mootummaan Naannoo Oromiyaa 7,000 ol gahuu BBCtti himeera.

Kanneen keessaa hedduun isaanii haalli keessa jiraniifi eessa akka jiranillee hin beekamu jedha.

Namoota siyaasaa to'annoo jala oolan keessaa Jawaar Mohaammad fi Baqqalaa Garbaa Kongirasii Federaalistii Oromoorraa, akkasumas qondaaltonni Adda Bilisummaa Oromoo fi qondaalli Baaldaraas Inskinddir Naggaa keessatti argamu.

''Angawoonni mootummaa iddoo namoonni kunniin itti hidhaman beeksisuu dhabuun isaanii, maatii dararaaf saaxilaa jiru,'' jedhu Aminastii Intarnaashinaalitti daarektarri Afrikaa Kibbaafi Bahaa Diiproos Mucheenaa.

''Kanaaf tokkoon tokkoon hidhamtootaa eessa akka jiran beeksisuu qabu. Yokaan yakka qabatamaan himachuu, yookaan ammoo hatattammaan gadhiifamuu qabu,'' jechuun ibsan.

Wayita ammaa weerarri koroonaavaayirasii yaaddeessaa tahe kanatti, iddoo walitti rukkateefi qulqullinni isaanii hin eegamnetti hidhamuunis maatii hidhamtootaa fyaaddoo guddaadha jedha ibsichi.

Eessa buutee qondaaltota ABO

Abukaatonni qondaaltota ABO, eessa buutee namoota kanaa baruu akka hin dandeenye himaniiru jedha gabaasichi.

Angawoota kanneen akka Mikaa'el Booran, Shigguux Galataa, Lammii Beenyaa, Kennasaa Ayyaanaa fi Koloneel Gammachuu Ayyaanaa fa'i guyyoota garagaraatti qabamuun eessa akka jiran hin beekamu jedhan.

Abukaatonni jaraa Aminastii Intarnaashinaalitti akka himanitti, Komishinoota poolisii Federaalaa, Finfinneefi Oromiyaa gaafatanis, jarreen kana to'annoo jala oolchuu haalaniiru.

Qondaalli Adda Bilisummaa Oromoo kan biraa- Abdii Raggaasaa ammoo ji'ootaan dura hidhame, eessa akka jiru akka hinbeekne abukaatoon isaa himaniiru.

Akka abukaatoon obbo Abdii jedhanitti, poolisoonni iddoo hidhaa tokkorraa gara biraatti irra deddeebiin jijjiiruun, maatiifi abukaatonni eessa buuteesaanii akka dhaban dubbatu.

''Namoota hidhaa keessa tursuun kan danda'amu, yoo poolisiin ragaa qabatamaa yoo argate qofadha.

Haga poolisiin hidhaansaanii sirriidha jechuuf ragaa yeroo walitti qabataa jirutti, namni kamuu mirgisaanii mulqamee hidhamuu hinqaban,'' jedhan Diiproos Mucheenaa.

Aminastiin gabaasa hadha baasee kanaan namoota siyaasaa fi gaazexeessitoota hidhaa jiran, yoo ragaan qabatamaan jiraate akka himatni irratti banamu, tahuudhaa baannaan garuu akka gadhiifaman gaafateera.

''Angawoonni Itoophiyaa daandii hacuuccaa durritti akka hin deebine gaafanna. Mirga mormiifi yaada siyaasaa addaa callaqqisuu eeguu qabu,'' jedheera Aminastii Intarnaashinaal.