Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin Oromiyaa kanneen hokkora keessatti du'an sabaan adda baasee hime
Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa Waxabajjii 29 magaalaa Finfinneetti raawwate hordofuun naannoo Oromiyaa keessatti hokkora dhalateen humnoota nageenyaa 11 dabalatee namoonni du'an 167 ta'uu Komiishiniin poolisii federaalaa beeksisee jira.
Haa ta'u malee, Roobii darbe qondaalli poolisii lakkoofsi namoota du'anii 229 jechuun dubbatan dogongora ta'u qondaaltonni himaniiru.
Hokkora kana akka waan sabni tokko saba biraa ajjeeseetti qaamoleen dhiyeessan jiru kan jedhan komiishinarri poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa namoota du'an sabaan adda baasanii himaniiru.
Ibsa miidiyaaleee biyya keessaaf Jimaata kennannin Oromoo 114, Amaara 46, Gaamoo 2, Sidaamaa 1, Guraagee 1 kan du'an yoo ta'u kan hafan 3 sabummaan isaanii hin beekamne jedhan.
Poolisoonni jahaa fi milishoonni 5 kanneen 167 ajjeefaman kana keessa akka jiranis himaniiru.
Kana ibsuun kan barbaachiseef akka Komiishinar Araarsaan jedhanitti, "sabni tokko saba biraa akka waan ajjeeseetti, sabni tokko qabeenya saba biraa akka waan barbadeesseetti fakkeessanii ammas walitti bu'iinsa sabaa warri kaasuuf deeman waan jiraniifi" jedhan.
Kuni dhugaarraa kan fagaatedha jedhan. Namni saba hundarraa du'uu fi irra hedduun kan du'e Oromoo ta'uu uummanni hubachuu qaba jedhan.
Wanti walfakkaataa Jawaar Mohaammad eegduun na duraa fudhatamuufi yeroo jedhetti saba namoota du'ani yeroosis ibsamee ture.
Qondaaltonni mootummaa to'ataman
Gama kaaniin, ajjeechaa Hacaaluu Hundeessaa booda hookkara uumameen walqabatee qondaaltonni mootummaa 40 to'annoo jala ooluu mootummaan Naannoo Oromiyaa ibse.
''Waliigala caasaalee mootummaa kan magaalaas, kan godinaas kan aanaas dabalatee walitti to'annaa jala kan oolan akka ta'an kanin qabu, jechuun Dubbi Himaan MNO Obbo Getaachoo Baalchaa BBC'tti himaniiru.
Kanneen, hookkara boda to'ataman 4,800'tti siqu kan ibsan Obbo Getaachoon qondaaltonn mootummaa 'itti - gaafatama bahuu dadhabuun' akka to'ataman himan.
Kanneen to'ataman keessaa kantiibaa magaalaa Shaashamanneen alatti itti- gaafatamaan bulchinsaafi nageenyaa magaalattiillee to'atamuu Obbo Getaachoon ibsaniru.
Bakkeewwan hookkara tibbanaa badiin guddaa itti dhaqqabe Baatuu, Godina Arsii Lixaa keessaa Shaashamannee, Godina Arsii keessaa Aanaa Dodolaafi magaalaa Asallaa akkasumas Baalee ta'u himu Obbo Getaachoon.
Poolisoonni maaliif to'ataman?
Ajjeechaa tibbanaan namoonni hedduu humnoota nageenyaan osoo hin taane akkuma kana duraa 'walii gidduutti walitti bu'iinsa dhaqqabeen' lubbuun darbu qondaaltonni ibsaniiru.
Kanneen du'an keessaa 11 poolisootaafi milishata ta'u poolisiin ibseera.
Akkuma miseensota paartii mormituufi qondaaltota mootummaa humnoonni nageenyaa to'annoo jala oolanis jiru.
Sababa poolisoonni to'ataman kan gaafanne Komishinar I/Aanaa Komishinii Poolisii Oromiyaa Girmaa Galaan akkanaan ibsan.
''Iddoo tokko tokkotti yeroo qabeenyi barbadaa'u bira dhaabbachuun, ennaa namni nama ajjeesu poolisiin tarkaafii walmadaalu fudhachuu dadhabuun ,'' akka ta'e ibsan.
Dhimmi amantiitti jijjiirame Godina Arsiitti mul'atuusaa kan himan Komishinar I/Aanaa Girmaan Galaan, godina Arsii keessaa qofa namoota 35'tu du'e jedhu.
Kanneen keessaa 20 Oromoodha jechuun BBC'tti himan.
Iddoo biraattis haalli jiru 'kanumaan wal fakkaata,' jedhan Komishinarri I/Aanaa Girmaa Galaan.
Bakkeewwan kuni bakkee ji'a muraasa durallee badiin guddaa itti dhaqqabedha. Badii kanaaf Obbo Getaachoon namoota siyaasaa himatu.
''Warri gidduu deemanii ummata wal nyaachisaniifi faayidaa siyaasaaf ummata walitti buusan gidduudhaa baanaan ummanni yeroo kamiyyuu wallolees hin beeku'' jedhan.